Dhugaalee dinqisiisoo paaspoortii 13 kanneen beektuu?

Paaspoortii

Madda suuraa, Getty Images

Paaspoortiin sanada imala namootaaf barbaachisaa ta'eedha. Sanadni kunis tarree eenyuummaa imaltootaa guutuutti kana qabuufi biyyootiinis namni paaspoortii kanneen qabate biyya isaanii akka galuuf eeyyamuu isaanii kan irratti ibsanidha.

Biyyootiin addunyaa lammilee isaaniif paaspoortii mataa saanii gara garaa kennu. Dhugaalee dinqisiisoon paaspoortii kanneenii waliin wal qabatee kunoo...

1. Fakkii addaa paaspoortii irratti

Paaspoortiin biiyyoota Iskaandaneeviyaa, ibsaa qorannoo jalatti yoo ilaalaman callaqqee ifa Kaabaa 'Aurora' kanneen maallattoo naannoo jedhamu fuuldurasaa irratti ni mul'ata.

Fakkii paaspoortii biyyoota Iskaandaneeviyaa irratti mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii paaspoortii biyyoota Iskaandaneeviyaa irratti mul'atu

2. Paaspoortiin jalqabaa Macaafa Qulqulluu irratti ibsameera

Macaafa Nahimiyaa irratti mootiin Faars (Persia) Artashaastaan, abbaan taayitaa karaa bulchiinsa Yihuudaa darban rakkoo malee akka darbuuf xalayaa deggarsaa kennee ture. Kunis paaspoortii jalqabaati jedhamee amanama.

3. Paaspoortiin suuraalee qofa kan qabatan turan

Jalqabuu waranaa addunyaa isa tokkoffaan wal qabatee, erga basaasaan Jarmanii tokko paaspoortii sobaatiin Biritaaniyaa galeen boodadha paaspoortiin suuraa qofa akka qabaatu kan taasifame.

4. Yoo furdatan ykn yoo huuqqatan paaspoortii geeddaruu qabu

Ameerikaa keessatti yoo furdattan ykn yoo huuqqattan, yoo fuula irrattii yaalii baqaqsanii hodhuu godhatan, yoo tumaa tummatan ykn tuumaa balleessan, yoo bareedinaaf jecha fuularratti mallattoo qaawaa hojjatiifatan, bifa keessan haaraatiif jecha paaspoortii keessan haaressuu qabdu.

5. Suuraan maatii paaspoortiif fudhatama qaba ture

Baroota jalqabaa paaspoortii argachuuf suuraan barbaachisaa itti ta'eetti, suuraa kamiiyyuu dhiyyeessuun ni danda'ama ture. Suuraa maatii waliin ka'amees yoo ta'e fudhatamaa ture.

Paaspoortii viisaa qabu

Madda suuraa, Getty Images

6. Taajaajilli paaspoortii yoom dhaabbata?

Imala yeroo karoorfattan tajiijilli paaspoortii keessanii yoo xiqqaate ji'a jaha qabaachuu isaa mirkaneefadhaa.

Biyyootiin Awuurooppaa hedduu dabalatee biyyootiin tokko tokko gara daangaasaanii guyyaa itti galtanii kaasee paaspoortiin keessan taaajijala ji'a sadii keennu kan danda'u ta'u akka qabaatu beeksisu.

Chaayinaa, Indooneezhiyaa, Raashiyaa, Sawudii Arabiyaafi biyyootiin biroo ammoo paaspoortiin imaltoota tajajila ji'a jahaa qabaachuu akka qabu akeekkachiisu.

Kunis sababii imaaltoonni osoo imalarra jiranuu yeroon taajajila paaspoortii isaanii kan dhumee yoo ta'e gara dhufanitti deebi'uuf rakkoon akka isaan hin mudanne taasisuufidha.

7. Namoota karaa Kuwiinslaandiin gama Austraaliyaa galaniif paaspoortiin hin barbaachisu

Paaspoortii malee Kuwiinslaand galuun kunis kan heeyyamameef jiraattoota gaandoota salgan kan oddooloota Paappa Giinii irraa kanneen gara Awustiraaliyaa dhaqan qofaaf.

Kanaaf sababii isaa, haaluma yeroo Paappaa Giiniin bilisummaashee argattetti Awustiraaliyaa waliin, akka jiraattonni naannichaa paaspoortii malee galuu danda'an waliigaltee taasisteedha.

8. Vaatikaan to'annoo immigireeshinii hin qabdu

Vaatikaan to'annoo immigireeshinii kamiyyu yoo hin qabaanneyyuu, lubichi paaspoortii Vaatikaan lakkoofsa tokkoofa qabu.

Paaspoortii Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

9. Lammileen Ameerikaa hedduun paaspoortii hin qaban

Akka gabaasa waajjira haaja alaa Ameerikaatti, lammileee Ameerikaa waliigalaa keessaa paaspoortii kan qaban wallakkaan gadi.

10. Toongaan paaspoortii gurgurti ture

Biyyi Toongaa jedhamutuufi oddolloota kibbaa garba Paasiiifikii irraa jiran 170 ol kan hammattuu, paaspooortii tokkoo qarshii doolaara kuma 20'n gurguraa turte.

11. Paaspoortii irratti fakkiiwwaan kan socho'an fakkaataan

Imaltoonni paaspoortii Islooveeniyaafi Fiinlaand qaban osoo imalarra jiranii yoo mukaa'an, paaspoortiidhuma isaaniitti fayyadamuun ofi boohaarsuu danda'u.

Fuula paaspoorti gara fulduraatti ariitiin yoo saaqamu, fakkiin fiixee fuulaa paaspoortiirra jiran yoo sosocho'an arguun ni danda'ama.

Fakkii socho'u

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akkaa meeshaa kanaa fakkii socho'u uumuu danda'u

12. Paaspoortii fakkeessanii hojjachuuf rakkisaa ta'e

Paasportiin Niikaaraaguwaa mallattoowan fakkeessanii akka hinhojjatamneef dhorku dandeessisan 89 qaba. Isaanis kan ifatti mul'atanii fi kan dhoksaan hojjatamaniidha.

Sababiidhuma kanaanis paaspoortiin Niikaaraagawaa addunyaarratti kanneen fakkeessanii hojjachuuf rakkisan keessaa tokko ta'eera.

13. Giiftitiin paaspoortii hin qabdu

Giiftiin Yunaayitid Kingidam Elsaabeet lammaffaan waan lammiilee isaaniif paaspoortii kennaniifuu ofiif paaspoortii qabachuun isaan hinbarbaachisu jedhu namoonni tokko tokko.

Ta'uyyuu giiftittiin sandaa dhokaataa qabdi. Sanadaalee kunneenis kan sochofaman fi kan argaman harka hojjattoota ishee qofaan. Sanadoonni galmeewwan kunnenis 15 ta'u jedhamee dubbatama.