Gatii paaspoortii doolaara miliyoonaan

Qaamaafi qalbiin jeeqamtee sagalee hasaasuurra hin jirreen kan hafuura baafattu, Amar Al-Sadii Maaltaan dho'insa boombii, haleellaa meeshaa waraanaa biroofi dhibee hammaataarraa akka ishee baraare dubbatti.
Maatiinshee waggaa lama dura sagantaa lubbuu baraaruu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mijeesseen Yamanii baqatanii bahan.
''Eenyuyyuu addunyaarratti haala sanaan ni jiraata jedhee hin yaadu,'' jette. ''Guyyaa tokko utuma rafnuu sagalee dho'iinsa boombii haalaan guddaa ta'e dhageenye. Dhugaadha, baayyee nama sodaachisa. Hiriyoonni koo ammallee Yaman jiru. Ummanni akka dhibee koleeraatiin dhumaa jiran natti himan. Baayyeensaanii achii ba'uuf yoo yaadanis ammatti namni paaspoortiisaanii keessummeessuuf waan hin jirreef hin dandeenye.''
Amar yookii baqattuu Maaltaa yookiimmoo diinagdee barbaacha kan godaante miti. Shamarreen umurii 21, maatiinsheefi obboloonnishee afur amma lammii Maaltaa ta'aniiru.
Jarri kun Maaltaatti hin dhalanne, maatii Maaltaa keessaas hin qaban. Kanaaf, akkamiin paaspoortii biyya Maaltaa argatu?

Madda suuraa, Getty Images
Isaanis akkuma kumoonni hedduun erga Maaltaan bara 2014 irraa eegaltee paaspoortii gurguruu eegaltee bitachaa jiran kan mataasaanii bitataniiru.
Daldala paaspoortii
Sagantaan eeyyama jireenyaa biyya Maaltaa akka biyyoota biroo osoo hin taane namoota iyyannoo sirrii milkiin galfataniif lammummaa guutuu kenna. Kaffaltiinsaas doolaara Ameerkaa miiliyoona tokkorraa jalqabee hammuma lakkoobsi maatii dabaluun dabalaa deema.
Tokko sadaffaan maallaqa kanaa kan hin deebine yoo ta'u, innis Fandii Hawaasummaafi Misoomaa Biyyaalessaa biyya Maaltaaf kan barnoota, fayyaafi carraa hojii uumuurratti hojjetuuf oola.
Kan hafemmoo misooma mootummaan waadaa galeefi gatii mana kiraa waggoota shaniitiif oola.

Madda suuraa, Getty Images
Oddolli Kaaribiyaa St Kiitsiifi Neviis bara 1984 irraa eegalanii lammummaa maallaqaan kennaa turan, garuu bara 2011 irraa eegalanii biyyoonni akka Awustiriyaa, Bulgaariyaa, Hangaariifi Saayippiras faa sagantaa lammummaa maallaqaan kennuu kan mataasaanii eegalan.
''Kun imaammata eegumsa lammiilee kan jaarraa 21ffaati,'' akka hogganaan Karoora Eeyyama Jireenyaafi Lammummaa Kiritiyaan Kaayeliin jedhetti.
Akkanni jedhetti gochi akkanaa baayyee babal'achaatii jira, gama tokkoon mootummaan akka madda galiitti waan fayyadamuuf, gama biraanimmoo goolamni siyaasaa waan heddummaateef, keessumaa biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti.
Dureeyyoonni hookkara siyaasaa jalaa bahuuf carraa kanatti fayyadamuu danda'u. Rakkoo siyaasaatiin alattis namoonni carraa diinagdee ijoolleesaaniif banuuf jecha paaspoortii ni fayyadamu.
''Yeroo tokko tokko biyyaa gara biyyaatti socho'uu carraa gaarii barbaaduuf jecha fayyadamna. Maamila Ameerkaa jiru garuu carraa hojjechuu Xaaliyaaniifi Nezerlaandisii qabu qabaachuu dandeenya,'' jedha Obbo Kaayeliin.

Madda suuraa, Getty Images
''Biyyoota lameen keessatti eeyyama hojii barbaachisuun ni danda'a. Maaltaa keessatti al takkaa lammummaa argannaan eyyama hojiifi waan biraa hin gaafatamu,''jechuun dubbataniiru Obbo Kaayeliin.
Kun kan ta'eef, Maaltaan Gamtaa Awurooppaa keessa kan jirtu, kutaanshee gar-tokkeen Naannawa Shengen, paaspoortii bilisaa eyyamuun biyyoota Gamtichaa keessa akka fedhetti namuu akka deemu mijataadha. Iddoon kun bakka saganticha haalaan hojiirra ooleedha.
Erga filannoo Brexit gaaffiin Biriiteenirraa dhiyaataa jiru dabaleera, garuu hanga ammaa homtuu hin fudhatamne. ''Gamtaa Awurooppaa waliin ta'uun UKf haalli akka mijatu ifaadha,'' jedhan Obbo Kaayeliin. '' Utuu namni Biriiteen tokko natti dhufee paaspoortii biyya Maaltaan bituu barbaada naan jedhee, lakki, dagadhun jedhaan, basha'i sirriitti.''
Sagantaa lammummaa kennuu biyya Maaltaa baayyee beekamaadha sababni isaas si'ataafi rakasa waan ta'eef. Iyyattoonni yeroo baayyee paaspoortiisaanii ji'oota 12 hanga 18 keessatti argatu.
Meeshaalee barbaachisan
Sagantichi iyyattoonni meeshaalee yuuroo 350,00tti tilmaaman yookiin waggaa shanitti yoo xiqqaate yuuroo 16,000 kaffaluun akka mana kireeffatan gaafata.
Dhibbeentaa 80n kiraa manaa filatu, garuu meeshaalee hedduun waan hafaniif namoonni biyya Maaltaa akka fedhii warra paaspoortii bitatanii gaafatan dirqamsiiseera.
''Biiliyeenaroonni kunneen Maaltaa keessa jiraachuuf fedhii hin qaban, carraa Gamtaa Awurooppaa keessa deemuu baraadu,'' jedha gaazeexeesaan Maaltaa Daafnii Karuwaanaa Gaaliziyaa. ''As jiraachuuf tarii fedhii hin qabaatan ta'a, yoo as jiraachuu barbaadan garuu mana bitachuu danda'u.''
Akka Baankiin Giddugaleessaa biyya Maaltaa jedhuttimmoo sagantaa eeyyama lamummaa kennuu kun Maaltaa keessatti gatii kiraa waggaan hanga dhibbeentaa 7 akka dabalu akkasumas manneen kireeffaman waggaatti dhibbeentaa 10n akka dabalan taasiseera.
Joonaataan Kardoonaa, Hogganaa Olaanaan dhimma Lammummaa Maaltaa, kan saganticha gaggeessan, carraan Gamtaa Awurooppaa gurgurtaa Paaspoortii Maaltaaf murteessaadha kan jedhurratti walii gala, garuummoo Maaltaan mataasheetti of dandeessee paaspoortii akka gurgurtus yaada kenneera.
''Nama yuuroo miiliyoona 70 Maaltaa keessatti investi godhe nan beeka.Tokkommoo warshaa qorichaa banuuf karaarra jira. Kan biraammoo kampaanii IT baneera. Heddunsaanii kan fedhii hin qabnes jiru, garuummoo yeroo gabaabaa keessatti maaltu akka ta'u himuun nama rakkisa.''

Obbo Kaardoonaan faayidaa maallaqa iyyattoonni arjoomanii qaaccessuutti jiru. Kun amma walii galatti yuuroo miiliyoona 220 ol ta'eera, galiin walii galaa biyyattii dhibbeentaa 2.5 jechuudha.
''Sababii qabeenyasaaniifi jiruufi jireennyasaanii fooyyeffachuuf wana hojjetan jiruuf carraa kanatti sirriitti fayyadamuu qabna,'' jedhan.
''Godaantonni diinagdeef godaanan biroon ragaa jireenyaa tokko malee yoo dhufanillee eessaa akka dhufaniifi afaan kam akka dubbatanillee hin gaafannu.''
Falmii lammummaa
Garuu, baayyotaaf lamuummaan miseesummaarra waan jirudha.
''Paaspoortiin silaa waan gurguramu ta'uun irra hin turre, kan ati itti waamamtudha, qaama DNA keeti,'' jetti Heelgaa Eluul, kan Jarmanitti dhalattee garuummoo waggoota 40f Maaltaa keessa jiraatte.
Gara odolattii kanaa imaluun namoota 1,000f carraa hojii uumteetti. Ijoollee lamaafi ijoollee akkooshee ta'an amma kana kan qabdu waggaa 15 dura iyyattee baasii tokko malee eyyamma lammummaa biyya Maaltaa argatte.
''Yeroon murteessetti an nama biyya kanaan ta'a jedheen yaadee ture, kanaafan murteessee asitti hafe. Amma asii hiriyoota heddun qaba, baayyee beekameera asitti ,ammatuu waayee koo warra Maaltaa gaafattee sirriitti akkan galii argadhu sitti himu.''

Garuummoo akka lammummaa argachuuf mirgi barbaannu maali? Kanaan booda maatii keenyarraa arganna, carraadhaan.
Javiyer Hidalgoo, Varjiiniyaa, Yuuniversitii Riichmoondi keessatti qorataan siyaasaa, lammummaan maalaaqaan waan argamu miti, si'a tokko tokko lammummaa biyya lamaa qabaachuun akka meeshaatti yeroo gurguraman ni jiraata jedheera.
''Waa'ee dhowwamuu godaansaa kan gaafannu yoo ta'ee, waa'ee gurgurtaa lammummaas gaafachuun keenya hin hafu. Sababni isaa namootaaf bilisaan lammummaa kennuun dirqama akka ta'etti waan yaadnuuf. Garuu biyyoonni hedduun godaantota dhorguuf fedhii qabu. Yoo kana ta'e , gurguruunimmoo maaliif rakkoo hin qabaaturee?
''Qoollifannaa lammiileef qophoofte jechuudha. Warra qoollifatte sanaaf maaliif tolaan lammummaa hin kennine?''
Daldala Addunyaa
Amar Al-Sadiifi maatiinshee manasaanii kan biyya Maaltaa jiru, obbolootashee waliinis barachaa jiru.
Akkasheen jettutti jireenyi biyya Maaltaa kan itti toleefi ollaasheetiin kan jaallatamte, hiriyoota hedduus akka horatteedha.
''Garuu hundinuu akka keenya carroomaniiru jedhee hin yaadu, dhugumatti nama gaddisiisa.''












