Itoophiyaan viizaa Afirkaanotaaf battaluma seenaniin kennuuf

Malian passports

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Imaltoonni Afirkaan hedduun akka jedhanitti viizaafi geejjibni ardiicha keessatti rakkisaadha jedhu

Waadaan Gamtaan Afirikaa Afirikaanonni ardiicha keessa haala salphaa ta'een akka deeman taasisuuf gale ammallee dhiyoo hin fakkaatu Itoophiyaan garuu hawwiin Afirikaanotaa bilisaan walkeessa deemuu akka dhugoomuuf tarkaanfii fudhachaa jirti.

Haasawaa baniinsa paarlamaa jalqaba waggaa kan irratti sagantaa hojii mootummaa irratti ifa gadhanirratti Pirezedaantiin Dr. Mulaatuu Tashoomee, lamiileen Afirkaa dursanii iyyachuun osoo hin taane battaluma isaan ga'anii akka viizaa argachuu danda'an taasifna jedhan.

Karoora Gamtaa Afirkaa jalatti biyyoonni Afirkaa lammileen Afirikaa maraaf bara 2018 irraa kaasanii ulaagaalee viizaaf barbaachisan hambisuuf hojjechaa jiru.

Hanga har'aatti garuu biyyi Afirikaanota hundaaf banaa ta'uudhaan viizaa malee akka seenan taasifte Siishelsii qofaadha.

Gabasni Gamtaa Afirkaa dhiyeenya kana ba'e akka agrsiisutti Afirikaanonni viizaa malee biyyoota Afirkaa %22 ta'an keessa deemuu ni danda'u.

Tujaarichi Afirikaa beekamaa Aliikoo Daangotee ardii Afirkaa keessa deemuudhaaf paaspoortii biyya isaa Naajeeriyaa irratti viizaa viizaa 38 akka isa barbaachisu dubbata. Gama biraatiin lammileen Awurooppaa viizaa malee biyyoota Afirkaa gara caalan keessa ni galu.

Yeroo seera baastonni Keeppii irraa hanga Kaayirootti namoonni bilisaan socho'uun jijjiirama dinagdeetiif murteessaa akka ta'u cimsanii dubbachaa jiranitti biyyoota Afirkaa tokko tokko keessatto amala lammummaan walqoodanii wal jibbuufi wal sodaachuun rifaasisaa ta'a.

"Gaggeessitoonni keenya daangaaleen warreen sirna bittaatiin nuuf sararan tursiisuudhaafi eeguudhaaf karaa fagaa deemu," jedha barreessaan waa'ee imalaa lammii Afirkaa Kibbaa Kachii Nizamaa.

Barreeessaan kun biyyoota Afirkaa 55 keessa biyyoota 35 daawwateera.

Gamtaan Afirkaa ardii daangaa hin qabne lammileen ardichaa biliyoona 1.2 ta'an bilisaan walkeessa adeeman barbaada.

Seera akka-lamee qabaachuu?

Afirkaan Kibbaa byyoota ardichaa keessaa seera akka-lamee qabaachuun beekamti. Afirkaan Kibbaa biyyoota Afirkaaf karraa cufattee addunyaa biraaf garuu banattee simatti.

Lammileen viizaa malee Afirkaa Kibbaa seenan biyyoota Afirkaa 15 qofa keessaa yommuu ta'u lammileen biyyoota Awurooppaa seenan ammoo 28.

Sadarkaa biyyoota Afirkaa viizaa malee daaawwachuun danda'aman
Ibsa waa'ee suuraa, Sadarkaa biyyoota Afirkaa viizaa malee daaawwachuun danda'aman

Keenyaan lammileen Afirkaa Kibbaatiif battalum ga'aniin kennitiif. Lammileen Keenyaa garuu Afirkaa Kibbaa deemuudhaaf dursanii iyyannoo viizaa gafachuun kaffaltii tajaajilaa kaffalauun osoo gara biyyattii hin deemiiniin dura guyyoota hojii shaniif eeggachuu qabu.

A beach in Senegal

Madda suuraa, Corbis/Getty Images

Paaspoortii Afirkaa

Afirkaa keessaa Naamiibiyaa, Mooriishes, Gaanaa, Ruwaandaa, Beeniniifi Keenyaan biyyoota dhorkaa imalaa banaafi bilisa taasian keessatti argamu. Biyyoonni kunneen battaluma ga'anii viizaa kennuu ykn paaspoortii qofaan guyyoota 90f akka daawwatan ni hayyamu.

Haata'u malee garuu lammileen biyyoota Afirkaa ammallee walkeessa deemuudhaaf viizaa barbaadan walakkaa olidha. Biyyoonni kun daandaa sirna bittaa Awurooppaadhaan jaarraa tokko dura sararameen walqooduun karra walitti cufatanii jiraachaa jiru.

Pirezedaantii Ruwaandaa Pool Kagaameefi Dursaa Gamtaa Afirkaa duraanii Idriis Débii bara 2016 yeroo paaspoortii Gamta afiraa kennamuufitti

Madda suuraa, AFP/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Ruwaandaa Pool Kagaameefi Dursaa Gamtaa Afirkaa duraanii Idriis Débii bara 2016 yeroo paaspoortii Gamta afiraa kennamuufitti

Ijaarama naannoodhaa gara naattii jiru kan akka Hawwaasa Afirkaa Bahaa, kan biyyoota Afirkaa Dhihaa, Biyyoota Afirkaa Kibbaa, Maagiriib warra jedhamaniifi kan biroo gidduutti walkeessa deemuun ni salphata.

Haata'u malee garuu naannoo tokkorraa gara naannoo biraatti deemuun baayyee dhowwamaadha.

Rakkoon biraan akka biyyoonni Afirkaa walkeessa hin deemne taasisu biraan xiyyaarri naannoo tokkoo gara naannoo biraatti balali'u rakkisaa ta'uu isaati. Balaliin xiyyaaraa jirus gara malee gatiin isaa ol ka'aadha waan ta'eef kan namoonni hedduun kaffalanii walkeessa adeemuu danda'an miti.

Dureessa guddicha Afrikaa kan ta'e Daangoteef ardii isaa keessa deemee bakkeewwan invastimantiin isaa jiran daawwachuudhaafiyyu rakkoo itti ta'eera.