Addunyaarratti paaspoortii biyyoota kamiitu fudhatamummaa cimaa qaba? Kan Itoophiyaa akkam?

Paaspoortii US

Madda suuraa, Getty Images

 Dhaabbanni Henleey jedhamu odeeffannoo waldaa Geejjiba Qilleensa Idil-Addunyaa bu’uureeffachuun sadarkaa baaseen, paaspoortiin Jaappaan paaspoortii addunyaa kanaa cimaadha jedhe.

Namni paaspoortiiwwan Jaappaan qabate tokkos osoo viizaa hin barbaachisiin gara bulchiinsaafi biyyoota 193tti imaluu danda’a, ykn akkuma qaqqabeen bakka gahanirraa salphaatti argachuu danda’a.

Paaspoortiiwwan addunyaa filatamoo 10

Dhaabbanni Heenleey cimina paaspoortiiwwanii kan madaalu, iamaltoonni paaspoortii tokko qabatan osoo viizaan isaan hinbarbaachifne biyya meeqa seenuu danda’u kan jedhu xiyyeeffannoo keessa galchuuniidha.

Akka gabaasa dhaabbata kanaatti, dursa viizaa barbaachisuu dhabuu, gara biyya tokkootti imaluuf viizaa barbaachisuu dhiisuu ykn mirga erga qaqqabanii booda viizaa argachuu kaaseera.

Dhaabbatichi sadarkaa paasportiiwwan kana nuusa wagga kan 2022 ifa kan taasise erga paaspoortiiwwan 199 fi eddoowwan imalaa 227 qorateen booda ta’uu beeksiiseera.

Haaluma kanaanis Singaappoorii fi Kooriyaan Kibbaa wal qixa sadarkaa lammaffaa paaspoortii addunyaa cimaa qabataniiru.

Lammileen biyyoota kanneenis osoo dursa viizaa aragchuun isaan hin barbaachifne gara biyyoota 192tti imaluu danda’u.

Jarmaniifi Ispeen sadarkaa sadaffaa irra kan kaa’aman yoo ta’u, Fiilaand, Xaliyaaniifi Laaksimabarg sadarkaa arfaffaa irra kaa’aman.

Ostiriyaa, Deenmaark, Neezarlaandis fi Siwiidiin amma viizaa malee gara biyyoota 188tti imaluudhaan sadarkaa shanaffaa irratti argamu.

UK gara biyyoota 187, Ameerikaan gara biyyoota 186tti fi Awustiraaliyaan ammoo gara biyyoota 185tti viizaa malee imaluun walduuraa duuba sadarkaa 6ffaa, 7ffaa fi 8ffaa irra kaa’amaniiru.

Itoophiyaa

Akka odeeffannoo dhaabbata Heenleey kanatti, lammiileen paaspoortii Itoophiyaa qabatan osoo viizaan isaan hin barbaachifne imaluu ykn erga qaqqabanii booda viizaa argachuu kan itti danda’an biyyoota 46 dha.

Haala kanaanis paaspoortiiwwan 112 keessaa paaspoortiin Itoophiyaa sadarkaa 100ffaa irra akka taa’uu taasiseera.

Haala odeeffannoo dhaabbata kanaatiin paaspoortiin Itoophiyaa kan biyyoota Afriikaa torba caalaa cimaadha jedhan.

Haaluma kanaanis Itoophiyaan biyyoota akka Somaaliyaa, Liibiyaa, Sudaan, DR Koongoo, Naajeeriyaa, Ertiraa fi Sudaan Kibbaa dursitee jirti.

Paaspoortiin biyyoota akka Kooriya Kaabaa, Liibiyaa, Neeppaal, Bulchiinsa Filisxeem, Smaaliyaa, Yeemen, Paakistaan, Sooriyaa, Iraaqiifi Afgaansitaan ammoo kanneen sadarkaa gadaanaa irratti eergamaniidha.

Fudhatamummaan paaspoortii maaliin murteeffama?

Paaspoortii

Madda suuraa, Getty Images

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, dhimmota fudhatamummaa ykn cimina paaspoortii murteessan ijoo keessaa tokko ammam maallaqa lammiileen argataniidha.

Biyyoonni dinagdee cimaa qaban kanneen iyyeeyyii caalaa dursanii viizaa biyyoota hedduu argachuun irraa hin eegamu.

Kun kan ta’u jedhu qorataan Dhaabbata Henleey Dr Omar Zaarpiilii, ‘‘Sababii biyyoonni warra iyyeeyyii caalaa warra sooreeyyiif daangaa isaanii waan saaqaniifidha.’’

Imaltoonni biyyoota guddatan irraa deeman waan karaa turiistii, daldalaafi invastimantiitiin maallaqa olaanaa invasti godhaniif, guddina dinagdee biyyoota simataniitiif gumaacha qabaata jedha qorataan kun.

Kana malees, imaltoonni biyyoota sooreyyiirraa dhufan, biyyoota dhaqan irratti dhiibbaa hawaasummaafi dinagdee taasisuuf carraan isaanii gadaanaa ta’un carraa viizaa aragachuu isaa akka dabalu hima Dr Zaarapiiliin.

Nageenyaafi cimina paaspoortii

Dhaabbanni qorannoo gaggeesse kun akka jedhetti, nageenyi guutuu biyya tokkoo kallattiidhaan cimina paaspoortii isaa waliin wal qabata.

Biyya tokkootti haleellawwan shororkeessaafi saba bu’uurreeffatan kan baayyatu yoo ta’e, yakkoonni gareewwan ijaaramaniin raawwataman yoo jiraatan, imalli idil-addunyaa lammiilee biyya sanaa kan daangeeffame ta’a.

Akkasumas, biyyoota mootummaa jiddugalaa hin qabneefi buqqaatoonni keessatti baayyatanitti, lammiileensaanii viizaa argachuun akka dirqamaatti haalli itti gaafataman olaanaadha.

Fakkeenyaaf, lammiileen paaspoortii biyyoota akka Yeman, Sooriyaa, Iraaq fi Afgaanisataan qabatan bakka hedduutti viizaa gaafatamu.