Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Lakkoofsi namoota Keeniyaatti qabamanii 7 gahe, biyyattiin guyyaa kadhannaa labsatte
Lakkoofsi namoota Keeniyaatti koronaavaayirasiin qabamanii torba akka gahe Ministirri Fayyaa biyyattii beeksisan.
Kana dura 4 kan turan yoo ta'u ibsa har'a kennaniin 7 gahaniiru jedhameera. Keeniyaan Jimaata darbe ture namni jalqabaa dhukkuba kanaan qabame akka jiru mirkaneessuun kan ibsite.
Gama kaaniin, biyattiin dhibee koronaavaayirasii nu oolchi jechuun Waaqa kadhachuuf labsii dabarsiteetti.
Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa lammileen biyyattii hunduu Sanbata dhufu dhibee koronaavaayiras addunyaa raasaa jiru akka dhaabbatuuf Waaqa akka kadhataniif har'a ganama gaafataniiru.
Pirezidantichi Sanbata dhufu kana fuula keessan gara Waaqaatti debifachuun kadhachaa ooluutiin ala beellama biraa hin qabatiinaa jedhan.
COVID-19 rakkina fayyaa sirna argansuu koronaavaayirasiin qaqqabudha.
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa Mutaahii Kagwee rippoorterootatti akka himanitti erga Jimaata darbe namni COVID-19n qabame mirkanaa'ee booda namoonni 100 qoratamaniiru.
Lakkoofsa kana keessa namoonni 71 bilisa yoo ta'an, 36 ammoo hordofamaa turan jedhu aanga'aan kun.
Akka tiwiitera masaraa mootummaa Keeniyaarratti ergaa Pirezedaanti Uhuruu irraa fudhatanii barreessan irratti biyyattiin tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuudhaaf waan danda'amu mara gochaa jirti garuu lammileenis Waaqa kadhachuun isaanirra jira.
"Sanbata dhufu sagalee tokkoon yaa taanu. Tokkummaan biyya keenyaaf yaa kadhannu. Tokkummaa keenyaaf yaa kadhannu. Dhibeen hamaa kun akka dhaabbatuuf yaa kadhannu.
Walii walii keenyaafis akka jaalala qabaannus yaa kadhannu.
Akkasumas, addnuyaan fuula ishee gara hojii qajeelummaa qabuufi nagaa buusutti akka deebifattuuf waliin yaa kadhannu," jedha ergaan mootummaa Keeniyaa irraa darbe kun.
- Namoota 14 waa’ee Koronaavaayiras homaa hin dhageenye
- ‘Weerara biyyarratti qiyyaafaterraa loltuun baraaru ogeessa kominikeeshiniiti’
- Koronaavaayirasiifi dhukkuba sammuu maaltu walitti fidaa?
- Hindiin sagalee waamicha bilbilaa ergaa odeeffannoo vaayirasiitti jijjiirte
- Ittisa COVID-19'f Gamtaan Awurooppaa daangaa cufachuufi