Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ittisa COVID-19'f Gamtaan Awurooppaa daangaa cufachuufi
Gamtaan Awuroopaa imala biyyoota miseensa gamtichaa hin taanerraa gara biyyoota gamtichaatti godhamu hunda guyyota 30 dhufaniif dhorkuufi.
Murteen kun qaama duula ittisa tamsa'ina Koroonaavaayiras yoo ta'u biyyoota miseensa gamtichaa ta'an 26 fi kanneen akka Ayiislaand Noorway fi Siwiizerlaand fa'a irrattis ni raawwata.
Gamtaan Awurooppaa murtoo kanarra kan gahe lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii Awuroopppaa keessatti daran dabalaa jiraachuufi Itaaliifi Ispeen akkasumas Firaans keessatti duuti heddummachuu isaatiini.
Dorgommiin Kubbaa miilaa Awuroopaa bara kana gaggeeffamuus waggaa tokkon akka achi siiqu murtaa'eera.
Murteewwan kunniin yaa'ii viidiyoo hooggantoota biyyoota Awurooppa gidduutti Kibxata gaggeeffame booda dhagahame.
Gaggeessitootni kun murticha hatattamaan hojiirra olchina jechuu isaanii Komishinarri gamtochaa miidiyaaleetti himaniiru.
Chaayinaan alatti lakkoofsa dhibamtoota vaayirasii kanaa guddaa kan qabaatte Itaaliin hanga ammaa lammiilee ishee 2,500 ol dhabdeetti, 31,500 ol kan ta'an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru.
Itaaliitti aantee biyyi miidhamni guddaan itti galmaahe Ispeen ammoo lammiileen 11,200 tti siiqan COVID-19 qabamuu beeksifteetti.
Gamtaa Awurooppaan ala Yunaayitiid Isteets keessa bulchiinsonni shantammanuu keessatti COVID-19 mul'achuun ibsameera.
Hanga ammaattis namootni 108 ta'an du'anii, kanneen vayirasichaan qabaman ammoo 6,300 ol gaheera.
Bulchiinsonni tokko tokko manneen nyaataa fi dhugaatii akka cufamaniifi namootnis bakkuma jiranii osoo socho'uu baatanii gaarii akka ta'e gorsaa jiru.
Bulchiinsotni akka Los Anjalas ammoo manneen hidhaa keessatti namni akka hin heddummaanneef jecha lakkoofsa namoota to'annoo seeraa jala oolchanii xiqqeessuuf karoorsaniiru.
Magaalli bashannanaa fi manneen qumaaraan beekamtu, Laas Veegaas manneen qumaaraa ishee ji'a tokkoof akka cufaman ajajjeetti.