Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Saayintistonni Awustiraaliyaa Chaayinaan alatti vaayirasii jalqabaa koronaavaayirasii fakkaatu guddisan
Saayintistonni Awustiraaliyaa Chaayinaan alatti koronaavaayirasii irra deebi'anii uumuudhaan kan jalqabaa ta'aniiru. Kun ammoo, "jijjiirama guddaa" jedhaniiru.
Argannoon kunis abdii vaayirsaii kana yaaluun fayyisuun danda'ama jechuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin ni hojjatu.
Saayintistonni Chaayinaan vaayirasicha irra deebi'anii kan uuman yoo ta'u vaayirasii koronaa mataasaa miti.
Vaayirasichi Chaayinaa keessatti hamma ammatti namoota 132 yoo ajjeesu namoonni 6,000 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.
Biyyoota 16 keessatti namoonni 47 vaayirasichaan qabamaniiru. Chaayinaan alatti namni vaayirasii kanaan lubbuun darbe garuu hin jiru.
Qorattoonni Awustiraaliyaa akka jedhanitti dhukkubsataarraa vaayirasii koronaa fakkaatu vaayirasii biroo guddisaniiru.
"Taatee akkanaaf waggoota hedduuf waan karoorafanneef kan salphatti deebiisaa argachuu dandeenye," jedhan Dr Maayik Kaatan.
Abdii 'tapha jijjiiruu' danda'u
Doktoroonni vaayirasiin koronaavaayirasii fakkaatu argame kun doktorootaan kan to'atamuufi "dhukkubsattoota yaaluuf" kan ooludha jedhan.
Kunis qorannooo sadarkaa jalqabaarratti namoota mallattoo dhukkubichaa hin agarsiifnee keessatti vaayirasicha adda baasuu keessatti qooda fudhachuu danda'a.
Qondaltonni Chaayinaa vaayirasichi sadarkaa laabiraatooriirrattillee daddarbuu danda'a jedhu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu osoo mallattoo hin agarsiisni daddarbuu danda'a kan jedhu ifa miti jedha.
"Qorannoon aantiiboodii dhukkubsattoota keessatti suuraa guutuu vaayirasichi hammam akka tamsa'eefi wantoota biroo, humna ajjeessuusaa fa'a beekuu nu dandeesisa," jedhan Dr Maayik.
"Dabalataanis tajaajillii bu'aa qabeessa akka ta'e beekuufis nu gargaara."
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti turtiin kutaa laabiraatoorii guyyoota lamaa hamma 10 turuu danda'a.
Yeroo dhihoo asitti Chaayinaa keessatti lakkofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabaleera.