Waldaan Hakimoota Oromiyaa: Intarneetiin ittisa koronaavaayirasiif hagam barbaachisaadha?

Waldaan Hakimoota Oromiyaa dhukkuba koronaavaayirasii addunyaa waliin gahe dursanii ittisuuf akka gargaaru mootummaan Itoophiyaa intarneetiin Oromiyaa gama lixaafi kibbaatti cufame akka banamu gaafateera.

Waldaan kun xalayaa Waajjira Ministira Muummeef barreesseen Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dursanii ittisuun tamsa'insa dhukkuba kanaa to'achuuf gargaara jechuu isaa eera.

Pirezidantiin waldichaa Dr Jilchaa Dirribii turtii BBC waliin taasisaniin Itoophiyaatti kan amma jiru caalaa fuula duratti tamsa'uu danda'a jechuun yaaddoo isaanii ibsu.

''Ittisuurratti yoo hojjetame malee erga babal'ate booda dhaabuun rakkisaa akka ta'e biyyoota baay'ee keessatti argineerra.''

''Sirna fayya nuti qabnuutiin dhibeen kun erga tatamsa'e booda to'achuun garmalee rakkisaa ta'a,'' jechuun mootummaanillee kana irratti akka dalagaa jiru quba qabna jedhu.

Haata'u malee, odeeffannoo wayitawaa ta'an ummata maraan qaqqabsiisuu irratti hanqinni jira jechuun dubbatu.

''Yeroo ammaa kana garuu gola Oromiyaa baay'ee keessatti tajaajailli intarneetii hin jiru. Kunis, namoonni bakka sana jiraatan odeeffannoo gahaafi wayitawaa argachuu akka hin dandeenye gochaa jira.''

Dabalataan, 'seektarri fayyaa qaamota naannoo sana jiran waliin qunnamtii gahaa adeemsisuu kan danda'u yoo tajaajilli bilbilaa yookiin intarneetii jiraatedha,' jedhu Dr Jilchaan.

Akkasumas, ummanni hubannoo gahaa waa'ee dhukkuba kanaa akka argatu waan barbaachisuuf mootummaan akka furu gaafataniiru.

MM Abiy Ahimad ogeessonni kominikeeshinii odeeffannoo ummata biraan gahuun ummata du'aafi miidhamarraa akkasumas diinagdeen biyyaallee akka rakkoo hin seenne akka hojjetan dhaaman.

Guyyaa kaleessaa ogeessota kominikeeshinii waliin marii taasisaniin dhimma koronaavaayirasii odeeffannoo 'sirriifi wayitawaa' dabarsuu keessatti gahee akka qaban ibsaniiru.

Gaheen ogeessoonni kun amma qaban loltootatti kan walqixxeessan MM Abiy qormaata qiyyattii mudate yoo keessaa baane akka biyya baraaretti ni lakkaa'amtu jechuu isaanii Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaatu gabaase.

Haa ta'u malee, intarneetiin gama lixa biyyattii erga cufamee turuun isaa dhukkuba yaaddoo addunyaa ta'e ittisuu irratti balaa qaba jedhu ogeessonni fayyaa.

Hangam barbaachisaadha?

Yeroo ammaa biyyoota garaa garaatti namoonni beekamoofi qondaaltota mootummaa dabalatee waa'ee dhukkuba kana hubannoo kennuuf miidiyaa hawaasummaa bal'inaan itti dhima bahaa jiru.

Haalli walfakkaataas Itoophiyaa keessatti mul'ataa jira.

Isa miidiyaaleen gurguddoo Itoophiyaa keessa jiran dhimmi dhukkuba kana gabaasan garuu gahaa miti yaada jedhu kaasu Dr Jiilchaan.

''Walitti fufinsaan odeeffannoo hordofanii dhiheessuurratti garuu rakkoon akka jiru sirriitti hubanna.''

Haal walfakkaatuu, jiraataan Godina Horroo Guduruu Wallaggaati dubbisne miidiyaaleen mootummaa odeeffannoo gahaa nubiraan gahaa hin jirani jechuun himatu.

'Dhimmi koronaavaayirasii oduu tokko yookiin lama qofa darba,' jechuun bal'inaan akka hubannoo hin arganne ibsu.

Walgeettiin tajajaila intarneetii Itoophiyaa keessatti xiqqoo ta'us ijoo dubbii hawaasaa qajeelchuu keessatti gaheen isaanii olaanaadha.

Koronaavaayirasiin alatti dhukkubni gifiraallee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti lubbuullee galaafataa wanta jiruf 'ittisuun kan danda'amu barumsa walitti fufinsaan kennuudhan,' jedhu.

Kan gaaffii intarneeta Lixa Oromiyaatti cufame kan kaasan galma siyaasaafi jedhanii kanneen qeeqan jiru yaadni keessan maali kan jenne Dr Jilchaan, ''Dhimma siyaasaa keessa qooda hin qabnu,'' jedhan.

''Dhimmi addunyaa akkasumas biyyi itti cinqamaa jirtu keessa waan jirruf ummata keenya bira odeeffannoon gahaa akka hin jirre beekamaadha.

Kana gahuudhaaf garuu intarneetiin barbaachisaadha jennee waan amanneefi kan gaafanne,'' jedhan.

Intarneetiin maaliif cufame?

Gama Lixa Oromiyaa sababa rakkoo nageenyaan intarneetiifi toorri bilbilaa bakkee hedduutti erga bade torban 10 ta'eera.

Mootummaan oppireeshinii hidhattoota bakkeewwan sana socho'aniifi rakkoo nageenyaa uumaniiru jedhe irratti gaggeessaa jiruuf cufamuun isaa akka isa gargaare kana dura ibsameera.

Haata'u malee, dhaabbileen mirga namoomaa Human Rights Watch dabalatee xinxaltoonni siyaasaa intarneetiin cufame akka banamu gaafataniiru.

Hojii gaggeessituun olaantuu Itiyoo Telekoom torbanuma kana BBC'tti akka dubbatanitti taanaan intarneetiifi bilbila Oromiyaa gama llixaafi kibbaa addaan cite deebisuudhaaf ammallee wanti murtaa'e hin jiru.

Bara bulchiinsa MM Abiy Ahimad intarneetiin akkasumas bilbilli yeroo hammana dheeratuf yeroo cufamu kuni kan duraati.