Koronaavaayiras: Keeniyaatti namni Koronaavaayirasiin qabame jalqabaa argame

Madda suuraa, SOPA Images
Mootummaan Keeniyaa biyyattiitti namni koronavaayirasiin qabame jalqabaa argamuu beeksise.
Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahi Kaagiwe ibsa amma kennaa jiraniin akka beeksisanitti namni kanaan qabame dubartiidha.
Lammii Keeniyaa kan taate dubartiin kuni Yunaayitid Isteet irraa kara Landan gara Keeniyaa kan imaltedha jedhameera.
Biyyoota ollaa Itoophiyaa daangeessan jiran keessaa biyyi kun itti argame Keeniyaa qofa.
Dhukkubsattuun kuni Keeniyaa kan seente torban dura Bitootessa bultii 05, 2020 yoo ta'e, kan irrati argame garuu kaleessa [12,03,2020] galgaladha.
Ministirichi dabaluun waan jedhan, ''dhukkubsattuun kun mallattoon dhukkubichaa kan itti hin hammaannefi nyaatas nyaachaa jirti jedhaniiru. Kana malees ho'i qaamaashee hir'achaa akka jiruufi haga bu'aan qorannooshee negatiiva (bilisa) tahutti adda baafamuun akka turtus dubbatan.
Qorannoon kuni laabiraatorii biyyaalessaa Infiluweenzaa Keeniyaan mirkanaa'e.
Mootummaan Keeniyaa imala Chaayinaafi Xaaliyaanii irraa erga dhorke bubbuleera.
'Namoonni iddoo tokkotti akka walitti hin qabamne'
Keeniyaan murtoo kana kan fudhatte erga namni jalqabaa koroonaavaayirasiin qabame argame boodadha.
Ministeerri fayyaa biyyattii Mutaahii Kaagwee waldaaleen Kiristaanaa tajaajila kennuu itti fufu garuu dhagala'aa alkoolii harka qulqulleessu kennuu qabu jedhan.
Manneetii barumsaas hojii itti fufu garuu sochiiwwan mana barumsaa mana barumsaatti taasifaman hin jiraatan jedhan.
Gorsa kennamu sirnaan hordofuu dha malee yaadda'uu hin barbaachisuu jedhaniiru.
Qaamni dhukkuba kanaaf deebii atattamaa kennu ni bobba'as jedhaniiru.
Uummatni qulqullina akka eeeggatu, warreen geejiba irra hojjetan konkolaataa isaanii yeroo yerootti akka qulqulleessan gorsan.

- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'















