Koronaavaayirasiifi oggeessoota fayyaa: 'Itoophiyaatti ogeeyyiin fayyaa 49 Covid-19’n qabamaniiru'

Madda suuraa, Lia Tadesse/Facebook
Itoophiyaatti hanga ammaatti ogeeyyiin fayyaa 49 fi kanneen hojii deeggrsa fayyaa kennan 16 Covid-19n qabamusaanii Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taddesee himan.
Ogeeyyiin fayyaa kun garri caalaan isaanii kanneen magala Finfinnee keessa jiran ta’uus Dr. Liyaan ibsaniiru.
Dr. Liyaan ibsa kana kennuu isaanii guyyoota muraasa dura ogeeyyiin fayyaa miidiyaalee hawaasarratti dhimmi ogeeyyii fayyaa Vaayirasichaan qabamanii akka ibsamu gaafataa turan.
Dr. Liyaan ogeeyyii fayyaa dhibee kana dura dhaabbatanii falmaa jiraniif galata qaban dhiyeessaniiru.
Ministeerri Fayyaa ibsa Kaleessa baasee tureen ji’oota afur dhufan keessatti hugaagaan afaanii fi funyaanii kan meedikaalaa miiliyoona 130 ta’u ji'oota afur dhufan keessatti ogeeyyii fayyaaf akka barbaachisu beeksiseera.
Dr. Liyaan ibsa kaleessa kannan kanaan sadarkaa addunyaatti hanqinni maaskii meeedikaalaa akka jiru himaniiru. Itoophiyaa keessattis ‘hanqinni guddaan jiraa’ jedhaniiru.
Gama kaaniin ogeeyyii fayyaa 1,750 kan magaala Finfinneetti yaala dhukkubsattoota Covid-19 irratti hojjetaniif manneen jireenyaa yeroo qophaa’uus guyyaa sadii dura beeksisaniiru.
Saaxilamummaa ogeeyyii fayyaa kanaa xiqqeessuuf dhiyeessii farra infeekishinii guutuufis akka hojjetan himanii turan Dr. Liyaan.
Ogeeyyiin kun yoo dhibee kanaaf saaxilaman osoo matii isaaniitti hin dabarsiin bakki itti tursiifamaniifi yaalamanis qophaa’uu dubbatanii turan.
Torbee kana keessa maaskiin miiliyoona 25 arjoomaafi bittaan argame biyyatti galee ogeeyyii fayyaaf akka raabsamulle himanii turan.
Walumaagalattis, kan harra qabamunsaanii mirkanaa'ee 142 dabalatee, Itoophiyaatti namoonni 1,486 vaayirasiichaan kan qabaman yoo ta'u, lammiilee 17 ammoo sababiidhuma vaayirasichaatiin lubbunsaanii darbeera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













