Koronaavaayiras: Itoophiyaatti namootni haaraan 150 Covid-19’n qabaman

Ogeeyyii fayyaa

Madda suuraa, Lia Tadesse

Sa’aatii 24 darban keessatti saamuda namoota 5,141qoratame keessaa namootni 150 Covid-19’n qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Itoophiyaan erga vaayirasichi biyya seenuu ibsitee guyyaa tokko keessatti nama hanga kana baayyaturratti vaayirasichi argamuu gabaaftee hin beektu.

Kuniis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 1,636’n gaheera.

Qorannoo kanaan kanneen vaayirasichi keessaatti argame keessaa dhiirri 94 dubartiin ammoo 56

Umriidhaan yoo kaahamu 3-72 gidduu jiru.

Namoota kana keessaa sadii lammiilee biyya alaati.

Namoota haaraa qabaman kana keessaa 123 Finfinnee, lama Oromiyaa, 13 Amaaraa, jaha Somaalee tokko Affaar irraa, lama Tigraay irraayi.

Sa’aa 24 darbe kan bayyanatan afur ta’ee namootni hanga ammaa bayyanatan 250 gahaniiru.

Haaraa kan du’e nama tokko dabalatee kan hanga ammaa du’an 18 gahaniiru.

Oromiyaa keessatti qorannoo namoota 417 irratti gaggeefame keessaati namni lama qabamuun kan mirkanaa'e namootni lamaan jiraattota magaalaa Sandaafaafi Adaamaati.

Lakkoofsa waliigalaa keessaa kan Oromiyaa keessatti vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e nama 92.

Ministeerri Fayyaa ibsa isaa kanaan torbeewwan lamaan darban kanatti lakkoofsi nanoota vaayirasichaan qabamanii dhibbeentaa 300 oliin dabaluu beeksiseera.

Vaayirasiin kun saffisaan dabalaa waan jiruuf hawaasni gorsa ogeeyyii ittisa dhibee kanaaf gorsa hojiirra akka oolchu gaafateera.

Akka gabaasa Ministeera Fayyaa kanatti kanneen fayyaniifi Lubbuun isaanii darbeen alatti ammatti kanneen vaayirasii kanaan qabamanii jiran 1,366.

Finfinnee keessatti namootni vaayirasii kanaan qabaman hanga ammaa 1, 205 kan ta'an yoo ta'u kanneen keessaa kutaleen magaalaa Addis Katamaa 355, Lidataan 180, Gullalleen 157 fi Booleen 120 qabaachuun walduraa duubaan sadarkaa 1-4 jirurratti argamu.

Itoophiyaan hanga ammaatti saamuda 125,570 qoratteetti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa