'Balal'uu dhaabuu dhiisuu keenyatti muuxannoo arganneera' - Obbo Tawaldee Gabramaariyaam

Obbo Tawalda Gabramaariyaam

Weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudate haala seenaa keessatti tahee hin beekneen daandiiwwan qilleensaarratti dhiibbaa olaanaa geessisuu Hojii Gaggeessaan Olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Tawaldee Gabramaariyaam BBC'tti himan.

Erga weerarri Covid-19 addunyaarratti mul'ateen booda ummanni addunyaa sadii keessaa harka tokko kan ta'uu manaa akka hin baaneef erga ugguramanii baatiiwwan lakkaa'amaniiru.

Akkasumas, barattoonni gara biiliyoona 1.5 ta'an ammoo barnootasaanii dhaabuun manatti deebii'aniiru. Kana jechuunis imalli xiyyaaraan taasifamu gutummaatti dhaabateera.

Haalli kunis ija daandiiwwan qilleensaatiin wayita ilaalamu, daandiiwwan qilleensaa hedduun xiyyaarasaanii dhaabuu argasiisa jedhu Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun.

''Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa mataansaa xiyyaaroota imaltootaa harka 90 ta'u hojiirraa dhaabeera,'' jedhan.

Hojii dhaabuun walqabatees baatii Guraandhala hanga dhuma Waxabajjiitti dhaabbatichi galii imaltoota deddeebiisuun argachuu malu dolaara biiliyoona tokko dhabuusaa ibsaniiru.

''Kunis dhaabbaticharratti dhiibbaa faayinaansii olaanaa qaqqabsiisa. Kana haaluu hin dandeenyu baay'ee miidhamneerra,'' kan jedhan Obbo Tawaldeen, gama biraatiin ammoo daandiin qilleensichaa hojii baay'ee nama boonsu raawwateera jechuun leellisaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii'us, dhiisus ji'aan qarshii biiliyoona shan baasa kan jedhan Obbo Tawaldeen, baatii Bitooteessa irraa eegalee imalli namoota xiyyaara fayyadamanii wayita dhaabbatuutti haala adeemsa gara fuula duraa ilaallatu irratti marii taasisuusaanii dubbatu.

Baasii dhaabbataa haguuguun liqaa xiyyaara bitachuuf fudhatan dhalasaa waliin deebisuuf, kiraa xiyyaarotaaf ji'aan kaffaltii raawwachuu, akkasumas mindaa, fayidaaleefi durgoo hojjataa, haguuguun kan isa dandeessisu ji'aan birrii biiliyoona shan attamiin argama kan jedhuufi weerarichi kan itti fufuu yoo ta'e hoo attamiin itti adeemama dhimmota jedhan irratti mari'achuu himu.

Kanaafuu ''tarsiimoo keenya duraan guddinarratti xiyyeeffatee ture amma gara jiraachuu mirkanneessuutti geeddarree jirra,'' jechuun carraawwan imaltoota deddeebiisuun alatti jiran ilaaluun tajaajila kaargoo (fe'umsaa) kennuun carraa gaarii argatan ta'u himan.

Daandiin xiyyaara Itoophiyaa meeshaalee ittis Covid-19 raabsaa ture

Madda suuraa, Ethiopian Airlines/twitter

Gama kanaanis daandiin qilleensichaa xiyyaaroota fe'umsaa baay'ee gaarii jedhaman 777 kudhaniin alattis, kaargoo hammayyaa toonii miiliyoona tokko keessummeessuuf dandeettii qabaachuuufi kan biyyoota akka Singaapoor, Hong Kong, Amistardaam waliin fa'ii dorgomuu danda'uu waan qabuuf, kana akka carraatti itti fuyyadamuu dubbatu Obbo Tawaldeen.

Akka isaan jedhaniitti, ammatti meeshaaleen ittisa Covid-19 baay'ee kan barbaadaman waan ta'eef, haala fedhii gabaa jiruu ilaaluun biyyoota Awuroppaa, Ameerikaa, Ameerikaa Kibbaafi kan Afrikkaa hedduutti tajaajila fe'umsaa kennaa jiru.

Gabaan dhaabbatichaa dabalaa dhufnaanis meeshaalee kanneen xiyyaaroota fe'umsaa qofaan kaasuun waan hin danda'amneefuu, xiyyaaroonni imaltootaa 25 hatattamaan teessumasaanii buqqisuun gara kaargootti geeddaruu dubbataniiru Hojii Gaggeessaa kun.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kana raawwachuun bu'aa argamsiisee wayita himanis, hojjataa kan hin hir'ifamne, miindaan hojjataa faayidaawwan waliin akka hin hir'anneefi qaama sadaffaa kamirraa deeggarsa homaa kan hin gaafannee ta'uu kaasu.

Kana malees, ''maallaqa hojiin ittiin gaggeefamuus ta'e liqaan keenya akka nuuf dheeratuuf hin gaafannee,'' jechuun tarkaanfiiwwan tibba Covid-19 kanatti fudhataniin milkaa'ina galmeessa ibsu.

Daandiin qilleensichaa kana raawwachuusaatti hojii lubbuu baraaruu hojjataa jiraachuu yoo ibsan: ''Daandiin Qilleensa Itoophiyaa asii ka'uun meeshaalee Covid-19 ittisuuf oolan dhiyyeessuun Ispeen deeggareera. Kana jechuunis lubbuu baraare jira.''

Akkasumas, biyyoota akka Porchugaal, Faransaayi, Jarman, Ingilizii, Ameerikaa, Kaanaadaa, Biraaziiliifi biyyoota Afriikaaf meeshaalee ittisaafi wal'aansa koronaavaayirasii yeroon qaqabsiisuun miidhaa qaqabuuf ture hirrisuu keessatti gahe bahu dubbatu.

Haaluma kanaanis biyyoonniifi ummattoonni kunneen daandii Qilleensa Itoophiyaatiif ulfinaafi oolmaa olaanaa kan qaban ta'u himu.

''Gargaarsa Faawundeeshinii Jaakmaa Chaayinaadhaa fiduun guyyoota jaha keessatti Afrikaaf hirree jirra,'' kan jedhan Obbo Tawaldeen, ''saffisi keenya baay'ee dinqisiifameera'' jechuun biyyoota Afriikaafi Faawundeeshinichaan diniqisifannaa argachuu himu.

Daandiin xiyyaara Itoophiyaa meeshaalee ittis Covid-19 raabsaa ture

Madda suuraa, Ethiopian Airlines/twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Itoophiyaa meeshaalee ittisa Covid-19 fe'ee gara Biraazil geesse

Kana hordofuunis Dhaabbanni Nyaata Addunyaa Finfinnee jiddugala gargaarsa Biyyoota Gamtoomaanii hunda irraa raabsamu maamila taasifateera jechuun BBC'tti himan.

''Ofii keenya fayyadaa, daandii qilleensichaas baraaruun, osoo hojjattoota keenyas hin bittinsiiniifi mindaasaanis hin hir'isiin lubbuu baraaruu danda'uu keenyatti akka lammii tokkootti kabaja olaanaatu natti dhagahama. Hojjattoota daandii qilleensaafi ministira mummees galateeffachuun barbaada.''

Hojjattoonni daandii qilleensichaa haaluma amala hojiisaaniin walqabatee vaayirasichaaf saaxilamtoota ta'usaanii kan kaasan Obbo Tawaldan, barnoota hubannoo cimsuuf barbaachisaniifi of eeggannoowwan taasifameen, hojjattoonni dhaabbatichaa gara kuma 17'tti siqan hundi fayyaa ta'usaanii ibsaniiru.

Kana dura hojjattoota shan irratti vaayirasichi argamuu yaadachuun hundisaaniiyyu fayyusaanii himeera.

Dhiheenya kana ammoo hojjattoota dhaabbatichaa lama irratti Covid-19 kan argame yoo ta'u, kutaa wal'aansa dhaabbatichaa keessatti argamu jedhaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa hojiiwwan tatamsa'ina koronaavaayirasiif gargaaran haalaan hojiirra oolchaa jiraachuu kan ibsan Obbo Tawaldeen, ''balaliinsa dhaabuu dhiisuu keenyatti muxannoo arganneera,'' jedhaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa