Itoophiyaa Koronaavaayirasii: Namoonni Covid-19n qabamuun erga du'anii booda barame maal akeeka?

Qorannoon wayita taasifamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsi Ministeera Fayyaa fi Instiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatiin Covid-19 ilaalchisee guuyyaa guyyaan kennamu, qorannoo reeffarratti taasifameen namoonni vaayirasichaan qabamanii akka du'an baramaa jira.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii erga du'anii booda baramee salphaa miti.

Dilbataa Waxabajjii 14, 2020 dhiyaateen qorannoo reeffa jirraattoota magaalaa Finfinnee lamaarratti gaggeeffameen vaayirasichaan qabamusaanii adda bahuun himameera.

Namoonni erga du'aniin booda reeffa qorachuudhaan Covid-19n qabamunsaanii adda baasuun waan akeekuu qabaa?

Namoonni kunneen hoo kan du'an Covid-19n moo dhukkuba biraatiini? Waa'ee saffisa tamsa'ina dhukkubichaa hoo maal hima?

Gaaffiilee kanneeniifi kan biraa qorataa qorataa saayinsii fayyaa Hawaasaafi barsiisaa Fayyaa addunyaa kan ta'aiifi wayita ammaa biyya Siwidiin bakka Maalaaregaalan jedhamu kan jiraa Obboo Bantii Galataaf dhiyeessinee turre.

Akka oggeessi kun jedhaniitti qorannoo reeffarratti taasifamuun vaayirasiin qabamuu hubachuun, dhukkubichi haala olaanaa ta'een hawaasa keessa babal'achu mul'isa.

''Gabaasa torban darbe keessa himamee yoo fudhannee namoota du'an 27 keessaa, 11 erga du'aniin booda kan reeffa qorachuun barameedha. Kunis harka 41 kan ta'uudha."

"Kanneen duraan dhukkuba biraa qaban yoo ta'anillee vaayirasichi akka itti cimu taasisa. Sababiin du'aatii isaanis akkasuma vaayirasicha ykn dhukkuba duraa sana ta'u mala'' jechuun ibsu.

Haa ta'u malee haalli sakatta'iinsa dhukkubichaa hawaasa keessatti gaggeeffamu dadhabaa ta'u himu qorataan kun.

Bu'aan qorannoo reeffarraa argamuus namoonni vaayirasichaan qabamuun hin beekamiin hedduun hawaasa keessa jiraachusaanii kan akeekuudha jedhu.

Gama biraan hawaasni waa'ee mallattoolee vaayirasichaa hubannoo gahaa akka hin qabne akeekallee jedhu.

Oggeessoonni fayyaa manarra deemuun ho'a qaamaa safaruu qofti gahaa akka hin taaneefi mallattoowwan dhukkubichaarraatti hawaasichaaf barnoonni hubannoo cimsuu kennamu qabaata.

Hawwasichi wayita mallattoowwan sana arganiitti hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhiheenya isaaniitti argamuu dhaquun akka qorataman jajjabeessuunis barbaachisaadha jedhu.

Kanneen mallattoo hin qabne...

Oggeessoonni fayyaa akka jedhaniitti, namoonni mallattoo osoo hin agarsiisiin dhukkubichaan qabaman tokko tokko ni jiraatu. Isaan kunneen attamiin gara dhaabbata fayyaa deemuun qoratamu danda'u? jechuun oggeessa kanaaf gaaffii dhiyyeessinee turre.

Qorataa Bantii akka jedhanitti, namoonni harka 80 ol ta'an mallattoo dhukkuubaa agarsiisuu dhiisu danda'u. Osoo itti hin beekamnes deebiisanii fayyuu danda'u.

Kanneen %14 ta'an ammoo mallattoo dhukkuubbii agarsiisan illeen sadarkaa mana yaalaa deemu qabaniitti baay'ee hin dhukkubsatan ta'a.

Namoonni hafan harka 6 ta'an garuu kanneen deeggarsa wal'aansaa isaan barbaachisuudha. Isaan kana keessaayis kan dhukkubicha irraa bayyanataniifi kan lubbuu ittiin dhaban ni jiraatu jedhu.

''Namni mallattoo dhukubbii hin qabaannee tokko akka namoota biraatti hin dabarsiineef of eeggannoowwan taasifamuu qabaatan jiru. Namni kamuu dhukkubichaan qabamus qabamuu baatus of eeggannoowwan gorfamaa jiran hunda gochu qaba."

"Fakkeenyaaf yeroo baay'ee harka dhiqachuu, fageenya eeggachuu, wayita qufa'amuutti ciqileen afaaniifi funyaan haguuguu hojiirra olchuun barbaachisaadha.''

'...namoota hedduu saaxila'

Kana duras maanguddoon magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa keessa jiraataa turan tokkos erga du'anii booda vaayirasichaan qabamunsaanii hubatame.

Bu'aan qorannoo maanguddoo kanaa kan baramee erga sirni awwaalchasaanii raawwatameen booda ture.

Kanaan wal qabatees jiraattoonni naannichaafi miseensoonni maatii hundi guyyoota murasaaf sochiirraa ugguramanii turan.

Haala akkasii keessatti namoonni hedduun dhukkubichaaf saaxilamtoota akka ta'aniif carraan isaa hin dabaluu laata? gaaffii jedhu kaasa.

Qorataa Bantiinis carraansaa olaanaa akka ta'e dubbatu.

Itoophiyaa keessatti namoonni kan vaayirasichaan qabamee waliin hidhata qaban, kanneen seenaa imala biyya biraa qaban fi namoota bakka adda baafamuun keessa tursiifaman keessatti argaman adda dureen qoratamu ture.

Aammaan tana dhukkubichi haalaan hawaasicha keessatti waan babal'ateef lakkoofsi namoota qoratamanii haaluma dabaluun kanneen qabamunsaanii baramuus ni dabala jedhu ogeessi kun.

''Baay'inni lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii hawaasa keessa jiran kan nuti yaadnuun ol ta'u mala. Osoo namni hundi qoratamee ammoo hedduutu barama ture,'' jechuun himu.

Kana malees wayita ammaa kanatti gaaffilee 'abdiin dhukkubicha sadarkaa tokkorratti itti dhaabuun danda'amu ni jiraataa moo to'annoon ala waan ta'e fakkaata?' jedhan deebiisuuf baay'ee rakkisaadha jedhu.

''Baay'ee nama soodaachisa. Sababiinsaa reefu yeroo fiixee irra itti gahe hin agarre'' kan jedhan qorataan kun, waan gara fuula duraa ta'uuf jiru tilmaamuun rakkisaa ta'u himu.

Sakatta'iinsa oggeessootni fayyaa taasisaniifi sochii koreen humna addaa hundeeffamee qofti ammoo dhukkubicha ittisuuf gahaa miti jedhu.

Hawwasni mallattoowwan dukkubichaa irratti hubannoo argachuun ofiin akka gabaasa taasisuu jajjabeeffamu qabaata jedhu.

''Namoonni ofiisaanii gabaasa taasisuun, kanneen dhukkubichaan qabaman ammoo kunuunsa gaariin kan kennamuuf ta'u mul'isuun barbaachisaadha."

"Kanneen jidduugalawwan adda baafamuun keessa turaniitti namoonni kabajaan tajaajiila argataa akka jiran yoo hubatamee namoonni hedduun ofiin gabaasa taasiisuuf ni kaka'u.''

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa