Uggurri sochii nama miiliyoona hedduu du'a baraaruu qorannooleen ibsan

Uggurri sochii lubbuu miiliyoonataa baraaruu qorannooleen ibsan

Madda suuraa, Getty Images

Uggurri sochii Awurooppaa keessatti ittisa Covid-19'f labsame lubbuu namoota miiliyoona sadii ol ta'an vaayirasichaan du'uurraa baraareera jedhe qorannoon.

Qorannoon 'Imperial College' kan magaalaa Landan jiruu kun murteen sochii guutummaatti dhaabuu osoo fudhatamuu baatee lakkoofsi namoota du'anii guddaa ta'a turee jedha.

Lakkoofsi namoota faalamanii amallee xiqqaadha weerarri kun jalqabbiirra jira jechuunis akeekkachiisan.

Qorannoo kan biraanis akkasuma uggurri sochii ''yoomiyyuu caala yeroo gabaabaa keessatti lubbuu hedduu baraare'' jedheera.

'Imperial College' biyyoota Awraappaa 11 Oostiriyaa, Beeljiyam, Denmaark, Firaans, Jarmanii, Italii, Norweey, Ispeen, Siwiidin, Siwiizarlaandifi UK keessattti jalqaba ji'a Camsaa keessa qorannoo kana gaggeesse.

Yeroos biyyoota 11 kana keessatti namootni du'an 130,000 turan.

Qorattootni kun sirna 'disease modelling' jedhamu fayyadamuun osoo uggurri sochii(lockdown) labsamuu baatee nama hangam ta'utu du'a ture jechuun qoratan.

Gareen kun yaada UK'n sochii ugguruu qabdi jedhus mootummaaf dhiyeessee, yaadichi fudhatama argateera.

Namni manuma isaa akka taa'uufi manneen daldalaas akka cufaman osoo godhamuu baatee hanga Caamsaa 4'tti lakkoofsi namoota du'anii miiliyoona 3.2 gahuu akka danda'u tilmaameera qorannoon kun.

''Uggurri sochii du'a miiliyoonataan hambiseera, duutii hanga kanaa baayyee gaddisiisaa ta'a ture'' jedhan qorataan Imperial Dr. Seth Flaxman.

Qorannoon kun Awrooppaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii Caamsaa 4'tti miiliyoona 15 gahuu akka danda'u tilmaamee ture.

Dr. Flaxman akka jedhanitti weerarri kun ammallee jalqabiirra jira.

Uggurri sochii laaffifamaa jiru kun weerarri kun deebi'ee akka jabaatu carraa uumas jedhan.

Qorannoo biraan US, Kaalifoorniyaatti gaggeefame ammoo bu'aa uggurri sochii Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa, Iraan, Firaansiifi achuma US keessatti qabaate qorateera.

Bu'aan qorannoo kanaas sababa uggura sochii kanaan biyyoota shanan kana keessatti qofa namootni miiliyoona 530 ta'an Vaayirasichaan qabamuu jalaa oolaniiru jedha.

Uggurri sochii kaahamuun dura biyyoota kana keessatti lakkoofsi namoota qabamanii guyyaa lama lamaan dachaan dabalaa akka tures ibseera.