Koronaavaayiras: Finfinneetti ogeeyyiin fayyaa Covid-19 irratti argame rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himan

Ogeessota fayyaa

Madda suuraa, Ministeera Fayyaa

Ogeeyyiin fayyaa Finfinneetti koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'ee maatiin adda baafaman rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himatu.

Keessumaa ogeeyyiin fayyaa dhibeen kun irratti argamuun Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalittii buufata fayyaa aanaa 10 keessatti adda bahanii jiran "haala rakkisaa keessa jirra" jedhan.

"Haalli keessatti argamnu jeequmsa xinsammuu hamaa nutti uume. Rakkoo gama fayyaan jiru qofa osoo hin taane ilaalchi mootummaan nuuf qabus baay'ee na gaddisiisera," jedhan ogeettiin fayyaa Covid-19n qabamanii buufata fayyaa kana keessatti yaalamaa jiran tokko.

Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittii buufata fayyaa aanaa 10 keessa ogeeyyii fayyaa dhibeen Covid-19n qabaman 35 ta'an akka jiran dhageenyeerra.

Narsootni, doktarootniifi ogeeyyiin fayyaa biroo kunneen sababa rakkoolee buufaticha keessa jiraniin yaaddoo dhibeewwan birootiif saaxilamuu dandeenya jedhuu qabaachu isaanii ogeeyyiin fayyaa buufaticha keessa jiran BBC'tti himaniiru.

"Guyyaa torba guutuu rakkoo guddaa keessa jirra. Haalli asi jiruu dubbachuufuu baay'ee ulfaataadha. Nama dhukkubsa. Bishaan hin jiru. Manni fincaanii hin hojjetu. Kutaan dhiqannaa qaamaas hin hojjetu," jedhan ogeettiin fayyaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan.

Dubartootniifi dhiironnillee mana fincaanii tokkotti fayyadamaa akka jiran kan himan ogeettiin fayyaa kun, giddugalli turmaataa keessa jiran yaaddoo fayyaa biraa itti fiduusaas dubbatu.

"Mana fincaanii keessa bishaan hin jiru taanaan, harka hin dhiqannu taanaan waan baay'eef saaxilamuu dandeenya. Rakkoon kun dhukkuboota akka tiruu, dhukkuba kalee fincaanii, akkasumas dhukkuba baasaa fiduu danda'a," jedhu ogeettiin fayyaa BBCn haasofsiise kun.

Kana malees, nyaatnis yeroodhaan akka hin dhiyaanneef kan himan ogeeyyiin fayyaa sababa Covid-19n buufaticha keessa jiran, "cireen sa'aa 3:15 ykn sa'aa 4tti, irbaatni immoo halkan sa'aatii sadii booda yookin 4tti erga namootni beela'anii booda dhufa," jedhan.

"Oolmaa keenyaaf deebiin kana ta'uunsaa nu gaddisiseera…"

Giddugalichi wantota bu'uuraa barbaachisan waan hin guutamneef jalqabumaa iddoo tursiisaa ta'uu hin qabu kan jedhan ogeeyyin fayyaa BBCn haasofsiise, "buufata kana filachuun isaanii dogongora osoo hin taane dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu dhiisudha.

Keessisaa maal qaba? Rakkoo maal qaba? jedhanii hin ilaalle. Kanaaf, nuf gatii akka hin laanne agarsiisa" jedhan.

"Nuyi maatii keenya dhiisnee nama fayyisna jennee deemnee dhukkubichaaf saaxilamne. Biyyaaf jennee nama fayyisna jennee saaxilamnee deebin keenya kana ta'uunsaa baay'ee nu gaddisiisa," jedhu.

Rakkoo isaan mudate qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatutti himanis deebii akka hin arganne kan himan ogeeyyiin fayyaa kunneen, "hanga ammaatti 'itti deemaa jirra' nun jedhu. Kuni dubbiinsaas furmaatni isaas beekamaadha. Yeruma sana hojjechuu danda'u. Garuu fedha hin qaban," jechuun qaamoleen mootummaa gaafii isaanii deebisuuf fedhii akka hin qabne himan.

Ogeessi fayyaa biraanis "Biiroo Fayyaa Magaala Finfinneef yeroo bilbillu 'ni furama eegaa' jedhu. Haata'u malee, dhibichi kan yeroo namaaf kennu miti. Haalli itti jirru namni fayyee akka bahu kan dandeessisu miti. Caalaatti kan nama saaxiluudha," jechuun himan.

Dabalataan namni tokko vaayirasichaan qabamee gara giddugala tursiisaa erga seenee booda guyyaa torbaffaatti qorannoon lammataa taasifamuufii akka qabu kan himan ogeessi fayyaa kun, "qorannoon akka nuf taasifamuf gaafanullee hayyamamoo miti. 'Nuyi nun ilaallatu' jechuun nuf deebisan," jedhan.

Saaxilamummaa ogeeyyii fayyaa…

Ogeeyyiin fayyaa BBCn haasofsiise wayita hojiirra turanitti meeshaalee ittisaaf itti fayyadaman darbee darbee maallaqa ofiitin bituun fayyadamaa akka turan himan.

"Dhibichi hawaasa keessa babal'achaa yemmuu dhufu ogeeyyii fayyaaf hojiin ittisaa gahaa ta'e hojjetamuu qaba ture. Garuu hin hojjetamne. Akka fakkeenyaatti, dhukkubsattootni gara dhaabbilee fayyaa dhufan 'emergency' yoo ta'anin ala dura covid-19 yaa qorataman kan jedhu ka'aa ture, garuu deebii hin laanne," jechuun of eeggannoon ogeeyyii fayyaatiif taasifamu xiqqaa ta'uu dubbatu.

Dabalataan hanqinni dhiyeessii meeshaalee ittisaa kunneen akka maaskiifi uuffataa ogeeyyii fayyaa covid-19f saaxiluusaa himan.

Kana malees, ogeeyyii fayyaa Coid-19n qabaman hunda giddugalawwan akkanaa keessa tursiisurra kunneen mana ofii turuu danda'an mana isaaniitti akka turaniifi tajaajila fayyaa akka argatan gochuun furmaata fooyyee ta'uu ogeeyyin fayyaa BBCn haasofsiise himaniiru.

Miidiyaalee hawaasarratti dhimmi ogeeyyii fayyaa vaayirasichaan qabamanii akka ibsamu gaafataa tureen, Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddasaa Waxabajji 3, 2020 ibsa kennaniin Itoophiyaatti hanga guyyaa sanaatti qofa kanneen deggersa fayyaa kennan dabalatee ogeeyyiin fayyaa 65 Covid-19n qabamusaanii himanii turan.

Ogeeyyiin fayyaa kun garri caalaan isaanii kanneen magala Finfinnee keessa jiran ta’uus Dr. Liyaan ibsanii turan.

Ministeerri Fayyaa ammoo ibsa tibba darbe baaseen ji’oota afur dhufan keessatti maaskiin kan meedikaalaa miiliyoona 130 ta’u ogeeyyii fayyaaf akka barbaachisu beeksisee ture.

Dr. Liyaan ibsa isaanii darbe sanaan sadarkaa addunyaatti hanqinni maaskii meeedikaalaa akka jiru himaniiru. Itoophiyaa keessattis ‘hanqinni guddaan jiraa’ jedhaniiru.

Saaxilamummaa ogeeyyii fayyaa kanaa xiqqeessuuf dhiyeessii farra infeekishinii guutuufis akka hojjetan himanii turan Dr. Liyaan.

Ogeeyyiin kun yoo dhibee kanaaf saaxilaman osoo matii isaaniitti hin dabarsiin bakki itti tursiifamaniifi yaalamanis qophaa’uu dubbatanii turan.

Hubachiisa: Komii ogeeyyii fayyaa Covid-19 irratti argamee magaala Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittii buufata fayyaa aanaa 10 keessa adda bahanii jiran kanaaf deebii argachuuf angawoota Biiroo Fayyaa Magaala Finfinneefi ogeeyyii Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti bilbillee deebi argachu hindandeenye.

Haa ta'u malee yoomiyyuu aanga'oonni fayyaa dhimmisaa ilaalatuu deebii nuuf kenninaan kan keessumeesinu ta'u beeksiifne.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa