Koronaavaayirasi: Talaalliin Covid-19 Raashiyaa 'dandeettii dandamannaa cimsa' jedhame

Madda suuraa, Reuters
Qorattoonni Raashiyaa gabaasa jalqabaaa talaallii koronaavaayirasiirratti maxxansaniin, yaalii jalqabaa talaalicha irratti taasifameen mallattoo dandeettii dandamannaa akka cimsu argamu himan.
Gabaasa barruu wal'aansa irratti maxxanfame kanaanis, namoonni talaallicha fudhatan hundinuu dandeettii vaayirasicha dandamachuu kan uummatan yoo ta'u miidhaa gara biraa cimaan homtuu hin mullanne jedheera.
Raashiyaanis qorichii biyya keessatti hojiirra akka oluuf baatii Adooleessaa keessa kan mirkanneessite yoo ta'u, kunis osoo daataan hin maxxanfamiin hojiirra yoo olchitu biyya jalqabaa ishee taasiseera.
Qorattoonni tokko tokko garuu bu'aa qabeessummaa fi nageenyasaa mirkanneessuuf yaalii taasifame baayyee gadaanaadha jedhu.
Haa ta'u malee Raashiyaan qeequmsa kanaaf deebii kennuuf jecha bu'aa argame baayyee leelliftee jirti.
Qondaaltonni biyyoota Awurooppaa tokko tokkos qorannoon taasifame baayyee yeroo gabaabaa keessatti raawwate jechuun yaaddoo qaban kaasu.
Baatii darbe ammoo pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin talaallichii haal-dureewwan barbaachisu hunda keessa darbuu himuun, intalli isaayyuu fudhachushee himanii turan.
Gabaasich maal jedhee?
Yaaliin talaallii maqaa Sputnik-V jedhamuun moggaafame baatii Waxabajjii fi Adooleessa keessa al lama gaggeefameera.
Tokko tokkoo yaalii kana keessattis hojjattoonni fayyaa 38 hirmaachuun talaallii fudhataniiru.
Namoonni yaalii talaalii kana keessatti hirmaatanis kanneen umuriinsaanii waggaa 18- 60 jidduutti argaman yo ta'an, guyyoota 42f hordoffiin irratti taasifameera.
Hundi isaanii torban sadiin booda dandeettii dandamannaa (antibody) uummachuun himame.
Mallattoo beekamaa namoota kanneen irratti mullate keessaa boowwoo mataafi dhukkubbiin maashaa jiraachuu himame.
Hirmaattoonni waa'ee talaalichaa hubachuun ture kan kennameef.
''Talaalichi akka weerara Covid-19 ittisu gochuuf yaaliiwwan bal'aa, kan yeroo dheeraa kennamuun hordooffiin nageenyummaasaa fi bu'aa qabeessuummaa isaarratti agggeeffamu qabaata'' jedha gabaasichi.
Yaaliin marsaa sadaffaa talaallii kanaas namoota 40,000 kan hirmaachisu yoo ta'u, ''gareewwan umurii garaa garaa irratti hirmaatu'' jedheera barreeffamichi.
Talaalliin Raashiyaa kunis vaayirasii adenovirus kan qofaa nama qabsiisuu irratti bu'ureeffachuun akka namoonni dandeettii dandamannaa qabaatan gargaaruuf ta'ee kan omishameedha jedhameera.

Deebii akkamii argataa jiraaree?
Kiril Dmitriev, Duree fandii ivastimantii talaallii kana duuba jiruu yoo ta'u, ibsa gaazexessitootaaf taasifameerratti ''gabaasichi shakkitoota sababii gahaa malee talaallii Raashiyaa qeeqaniif deebii cimaadha'' jedhaniiru.
Yaalii marsaa sadaffaatiif ammoo namoonni 3,000 qophaa'aniiru jedheera.
Ministirri Fayyaa Raashiyaa Mikha'il Murashko biyyattii gareewwan caalaa saaxilamtoota ta'an irratti xiyyeeffachuun Sadaasaa ykn Muddee irraa kaaftee talaallii kennuu eegalti jedhaniiru.
Garuu qondaaltoonni ammoo ammalleen hanga talaalliin kun gabaa keessa galuutti baayyeetuu hafa jechuu akeekachiisu.
Gabaasichi baayyeen isa kan hafu ta'ulleen gaariidha jedhuu qorattoonni biyyoota akka Landaniitti argamanis.
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti addunyaa guutuutti talaalliiwwan 176 ammaan tana qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Isaan keessayis kanneen 34 ta'an ammoo sadarkaa namoota irratti yaalamuurra kan gahaniidha. Isaan keessaayis saddeeti ammoo sadarkaa sadaffaa ykn kan baayyee fooyya'eerrattikan argamaniidha.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














