Koronaavaayirasii: Vilaadimiir Puutin talaallii Covid-19 kennamuuf mirkaneeffame qabna jedhan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin akka jedhanitti talaalliin Covid-19 Raashiyaan qaba jettu ulaagaa mirkaneeffannoof barbaachisan hunda keessa kan darbedha.
Talaallii ji'oota lama dura namarratti yaalamuu eegale kana intalli isaanii osoo hin hafiin fudhachuu himan.
Qondaalonnis biyyattii talaalliin jumlaatti namootaaf kennamuu ji’a Onkololessaa dhuftu akka eegalamuuf jiru himan.
Ogeeyyiin garuu saffisaan Raashiyaan talaalli kana hojjachuurratti gaaffii kaasuun, qorattoonni saffisaan hojjachuuf jecha adeemsa keessaa hambisan qabaachu malu jedhan.
Torban darbe garuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa nageenyummaan qoricha kana sakatta’ame, qajeelfamoota idil- addunyaa hordofuun akka oomishamu qabuu Raashiyaaf waamicha dhiyeessee ture.
Nageenyummaa talaallii maqaan Sputinik-V jedhamu kennameef kanaa mirkaneessuufis aanga'oota Raashiyaa waliin akka mari'atu ibsee ture.
Talaalliin Raashiyaan argamuu ibsite marsaalee shaakalaa 3 keessa darbuun namarratti yaalamuuf talaallii dhaabbatichaan beekamtii qaban 6 keesssatti hin ramadamne.
Pireezidant Puutiin akka jedhanittimmoo, talaallicha jaarmiyaa Gamaleya jedhamu Mooskootti argamutu hojjate. ‘’Madinummmaa koronaavayirasii qolatu namaaf kenna’’ jedhan Puutin.
Ministirri fayyaa biyyatti Mika’eel Murashko ‘’talaalliin kun akka nama hin miine fi bu’a qabeessa ta’e mirkanaa’era’’jedhan.
Sirumayyuu, injifannoo guddaa Covid-19 fayyisurratti dhalli namaa gonfate’’ jedhan.
Torban darbe keessa mootummaan Raashiyaan yaalii taalallii goolabdee, jumlaatti talaallii namootaaf kennuuf qopha’aa jiraachuu kan ibse.
Talaaliiwwaan 100 caalan addunyaarratti jalqabaman keessa muraasni isaanii yaalii kilinikaa darbanii namarratti shaakalamurra qaqqabaniiru.
Hojiin talaalliwwan kanaa saffisaa jiraatullee, amma walakkeessa bara 2021tti namoota hedduu bira hin qaqqabu jedhaanitu ogeeyyiin yaadu.
















