Koronaavaayiras: Qarannoon Covid-19 fi qufaa haaraa daqiiqaa 90tti taasifamu ‘bu’aa qabeessa’ jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon haaraa Covid-19 fi qufaa daqiiqaa 90 keessatti taasifamu “lubbuu baraara" jedhame torban dhufurraa eegalee jalqabamuuf.
Qorannoon kunis dhukkuboota biroo fi Covid-19 adda baasuu danda’a jedheera mootummaan UK.
Ministirri fayyaa qorannoon kun ji’a gannaa keessatti “baay’ee bu’a qabeessa” ta’a jedhaniiru.
Yeroo ammaatti bu’aan qorannoo harka afur keessaa sadii sa’aatii 24 keessatti ifa taasifamu. Walakkaansaanii ammoo hamma guyyaa lamaatti turu.
Ji’oottan dhufan keessatti qorannoo samuudaa miiliyoona 5.8 taasisuuf maashinoonni 5,000 hojiirra ni oolfamu jedheera jiddu galichi.
Ministirri Fayyaa Maat Haankook kalaqoota qorannoo koronaavaayirasiif oolan haaraa “lubbu baraartota” jedhaniiru.
UK keessatti qorannoon koronaavaayirasii hospitaalota NHS kan dhukkubsattootaa fi hojjattootaa, wirtuulee qorannoo yookiin konkolaataa namoota dhuunfaa keessatti taasifama.
Namnis ofiisaatii qorannicha akka taasisuuf meeshaaleen qorannoo manatti ni geeffamu.
Bu’aa qorannoo sirrii ta’e’
Piroofeesar Kiriis Toomaazu, hundeessaa DnaNudge, kan maashinoota qorannoo dhiheessaan akka jedhanitti qorannoon Covid-19 “saffisaa” fi “bu’aan isaa sirrii ta’e” laabiraatoorii keessatti hojiirra ni oolfamu.
Ji’a darbe keessatti mootummaan biraandii mana keessatti qorannoo taasisu tokko sababa yaaddoo nageenyaatiif hojicha keessaa akka bahu taasiseera.
Gama biraatiin qorattoonni namoonni asiin dura dhukkubicharraa fayya pilaazimaa dhiigaa isaanii akka arjooman gaafataa jiru. Kunis namoota ji’oota dhufan keessatti dhukkubsatan yaaluuf jechadha.
Guyyaa kaleesaa UK keessatti namoonni haaraa saddeet kan du’an yoo ta’u, kunis lakkoofsa namoota du’anii gara 46,201’tti ol guddiseera.
Dabalataanis namoonni haaraa 744 koronaavaayirasiidhaan qabamuusaanii gabaasni mootummaa ni mul’isa.















