Koronaavaayiras: Raashiyaan yaaddoo biyyoonni talaalliisherratti qaban ‘fudhatama hin qabu’ jette

Ministeera fayyaa Raashiyaa (bitaarra)

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaan nageeyummaa talaallii Covid-19 biyyattiin argadhe jetturratti addunyaan 'yaaddoon qaba' jedhaa jirtu gonkumaa fudhatama hin qabu, jette.

Raashiyaan guyyaa Kibxataa ture talaalliin sadarkaa qorannoo barbaachisu keessa darbeera jechuun ifa kan goote.

Talaallichi dhala namaarratti erga yaalamee booda ji’oota lamayyuu hin guunne.

Ogeeyyiin garuu talaallii Covid-19 Raashiyaa saffisaan hojjatamerratti shakkii qaban ibsaa jiru.

Saayintiistonni Jarman, Firaansi, Ispeen fi US yaaddoosaanii ibsaniiru.

“Waahillan keenya biyyoota biroo waldorgommii talaallii keenyarratti qaban mul’isaa jiru, akkasumas yaada… fudhatama hin qabne ibsuuf yaalaa jiru,” jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii Mikhail Murashkoo.

Dabalataanis talaallichi yeroo dhihootti akka dhiyaatu dubbataniiru.

“Dhiyeessiin talaallii inni jalqabaa torbeewwan laman dhufan keessatti kan dhiyaatu yoo ta'u, jalqabarratti doktorootaaf kennama,” jedhan Mikhail Murashkoo.

Qondaaltonni biyyattii ji’a Onkololeessa keessa talaallichi namoota baay’eef akka kennamu ibsaniiru.

Pireezidaant Vilaadmeer Putiin guyyaa Kibxataa talaallichi sadarkaalee barbaachisu keessa darbee, akkasumas intalli isaa talaallicha akka fudhatte ibsaniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhimma talaallichaarratti qondaaltota Raashiyaa waliin dubbachaa akka jiran himeera.

Talaallichis maqaan Sputnik-V jedhamu kennameeraafi.

Deebiin jiru maal fakkaata?

Biyyoonni Awuroppaafi US talaallii koronaavaayirasii Raashiyaan qopheessiterratti yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Guyyaa Roobii ministeerri fayyaa Jarman talaallichi haalan qoratamee hin jiru jedheera.

“Ammatti namoota miiliyoonatti laakkama’aniif talaallicha kennuun balaa qabaata ta’a… talaallichi bu’aa qabeessa yoo hin taane fudhatama balleessuu danda’a,” jedhan. “Jalqaba ta’uu osoo hin taane – talaallii nageenyummaansaa eegame qopheessuudha malee.”

Qorattuun Isaabeellaa Imbeert Firaansi irraa talaallichi “balaa fiduu danda’a” jedhan.

“Haala talaallici itti hojjatame yookiin bu’aa yaaliisaa hin beeknu,” jette Parisien.

Ogeessi dhukkuboota daddarboo US Dr Antoonii Fawuchiis talaallicharratti yaaddoo akka qaban ibsaniiru.

Gama biraatiin dhaabbiin ‘Clinical Trials Organizations’ jedhamu ministeerri fayyaa talaallichi sadarkaa yaalii kiliinikaa sadaffaa booda akka gabaarra oolu jechuu mormee ture.

Daayirektarri dhaabbatichaa Svetlana Zavidova talaallichi sadarkaa yaalii tokkoffaafi lammaffaa qofa keessa darbe, kunis erga namoota 76 irratti yaalamee boodadha jechuun marsariitii MedPortal jedhamutti dubbataniiru.

Kun ammoo bu’aa qabeessummaa talaallichaa mirkaneessuuf rakkisaa ta’uu danda’a.

Biyyoonni muraasni garuu talaallii Raashiyaarratti deebii gaarii akka qaban ibsaniiru.

Pireezidaantiin Fiilippiinsi Rodriigoo Duteertee talaallicha ofiisaaniirattii yaaluu akka barbaadan dubbataniiru.

“Talaalliin isa qopheessitan namummaadhaaf gaarii akka ta’e nan amana,” jedhan. “Nama jalqabaa yaalii irratti taasiftan nan ta’a.”

Israa’eelis gamasheetiin “omisha gaarii” yoo ta’e bituuf akka marii taasiftu ibsiteetti.

Waa’ee talaallichaa maal beekna?

Saayintistoonni Raashiyaa sadarkaa duraa yaalii talaallichaa xumuramuusaafi bu’aansaas milkaa’aa ta’uu himaniiru.

Talaalliin Raashiyaa gosa Adeenoovaayiras kan yeroo baay’ee qufaa fidan fayyadama, kunis deebiin sirna ittisa qaamaa akka si’aayu taasisa.

Talaalliin Raashiyaa osoo sadarkaa yaalii sadaffaa jedhamuun beekamu keessa hin darbine dhukkubsattootaaf akka kennamu jedhame.

Ogeeyyii sadarkaalee yaalii kunneen adeemsa sana keessatti barbaachisoodha jedhu.

Kun osoo kanaan jiru, Obbo Murashkoo talaallichi “bu’aa qabeessaafi nageenyummaansaa kan mirkanaa’eedha,” jedhaniiru.

Kunis “injifannoo dhala namaa” Covid-19 irratti argameedha jedhaniirus.

Raashiyaan barbaacha talaallichaa walmorkii biyyattiiniifi US yeroo Waraana Ololaa ture sana waliin wal qabsiifteetti.

Raashiyaan kanaan dura qorannoo Covid-19 waliin wal qabatan waliin UK, US fi Kaanaadaadhaan qeeqamteetti.

Yeroo ammaa kanatti talaalliiwwan 100 sadarkaa yaalii jalqabaarra jiru. Muraasnisaanii dhala namaarratti yaalamaa jiru.

Addunyaarratti yaaliin adda addaa taasifamaa jiraatanis, talaalliin hamma walakkeessa bara 2021 bal’inaan ni dhiyaata jechuun himu.