Koronaavaayiras: Weerara Covid-19 keessa saalqunnamtii of-eggannoo akkamiin raawwachuun danda'ama?

Maaskii

Madda suuraa, Getty Images

Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee booda jireenya dhala namaa gama hedduun kan duraan barametti deebiyaa hin jiru. Dubbiin kun ammoo hariiroo jaalalaafi saalqunnamtiirrattillee jijjiirama mataa isaa ni qabaata jedha dhaabbanni gargaarsaa dhimma kana irratti hojjetu tokko.

Dhaabbanni gargaarsaa fayyummaa saalaarratti hojjatuTerrence Higgins Trust’ jedhamu gorsi namoota saalqunnamtii raawwataniif dhaame, yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti wal dhungachuu dhiisuu, wayita saalqunnamtii raawwatanitti ammoo maaskii godhachuufi fuulaafi fulaatti walitti gargaraluu hambisuu qabu jedha.

Kana gochuun rakkisaa ta'uu ni mala garuu wayita weerarri Covid-19n hammaate kanatti fedhii saalqunnamtiifi hariiroo jaalaa keenya bifa rakkoo fayyaa kanaaf nu hin saaxilleen mala dha’achuu feesisa jedha dhaaabni gargaarsaa kun.

Yeroo weerara koronaavaayirasii kana keessa saalqunnamtii ilaalchisee michuun amanamaaofii keessaniifi jaalallee waliin jiraattan qofa jedha Tirast.

Kana jechuun garuu saalqunnamtii raawwachuun ciraadhuma dhorkameera jechuu miti. Namni saalqunnamtii waliin raawwatan nama mana tokko waliin jiraattan ta'uu qabaadha.

Dhaabni gargaarsa fayyaa saalaarratti gorsa kennu kun akka jedhutti, namoonni walirraa akka hiiqan wayita gorfamaa jirutti, namoonni saalqunnamti akka dhaaban eeguun hin danda’amu. Haata’u malee, nama mana tokko keessa wajjin jiraattun ala wajjin saalqunnamtii raawwatta yoo ta’e hiriyaa hin baayyisin jedhe gorsa.

Ammallee walirraa fageenya keenya eeggachuun barbaachisaadha, garuu sochii sababa Covid-19f ji'ootaaf dhorkameen booda namoonni osoo saalqunnamtii hin raawwatiin yeroo hin beekamneef turuu qabu jechuun waan dhugaatti danda'amu miti jedha Tirast.

Nama mana keessaniin ala ta'e waliin kan saalqunnamtii raawwatan yoo ta'e, lakkoofsa michuuwwan jaalalaa qabaattan hir'isuun barbaachisaadha jedha.

Yeroo ammaa kana keessa ammoo mallattoowwan Covid-19 ofirratti ykn michuu keessanirratti argitan jiraannaan adda of baasuu hin dagatiinaa.

Yoo nama haaraa waliin kan michoomtan ta'es mana isaa/ishee keessaa namni mallattoo Covid-19 qabu ykn dhibeen kun irratti argame jiraachuu isaa gaafadhaa.

Vaayirasichi karaa saalqunnamtii ni daddarbaa?

Koronaavaayirasiin karaa hancufaa/gororaa, furrii ykn hangasuun nama vaayirasichaan qabamee wayita dirra waanta jajjabarra qubatu namatti daddarsa. Dr Aleeks Joorji vaayirasichi tarii yeroo wal dhungatanitti hancufaan akka daddarbuu danda’u beekna jedhaniiru.

Ogeessi kun waanti carraa vaayirasichi afaanirraa ykn harkarraa gara qaamaa saalaatti ykn gara funyaaniitti dabarsu kamiyyuu carraa vaayirasichaa daddabarsuu dabala jedhan.

Kanaaf jecha, dhaabbanni gargaarsaa kun akka wal hin dhungaanne, wayita saalqunnamtii maaskii godhachuu, fuulaafi fuulaatti walitti carraa gargaaralu hambisuu gorsa jedhan.

Itti dabaluunis, vaayirasichi dhangala’aa sanyii kormaafi bobbaa keessattillee akka argarmu kaasuun, wayita saalqunnamtii kondomiitti gargaaramuun akka gorfamu kaasan.

Saalqunnamtii duraafi boodas harka sekondii 20f dhiqachuu ykn alkoolii harka qulqulleessu fayyadamuu gorsaniiru.