Koronaavaayiras: Paarkii indaasatirii Hawaasaa keessatti namoonni 100 ol Covid-19n qabaman

Paarkii Industirrii Hawaasaa

Madda suuraa, BBC Amharic

Paarkii indaasatirii naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaa keessatti argamu keessatti namoonni 100 ol Covid-19n qabamuu daarektara itti-aanaa Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichaa Dr Maatee Mangashaa BBCtti himaniiru.

Qorannoo naannichi guyyoota 12 darbaniif paarkii indastirii kana keessatti taasiseen hojjettoonni qabamuu isaanii mirkaneesseera jedhe. Sheediiwwan lama keessatti bal’inaan tamsa’ee akka jirullee Dr Maateen BBCtti himaniiru.

Paarkii Indaastirii kana keessatti weerarichi galuu kan barame guyyoota 12 dura hojjetaan tokko dhukkubsatee kiliinika dallaa keeessa jiru yoo deemu mallattoo dhukkubichaa agarsiisuun mirkanaa’uusaan booda dha.

Namoonni nama kanaa fi namoota biyya alaatii dhufan biroo waliin tuttuqqaa qaban yoo qorataman namoota 100 caalaa keessatti vaayirasichi argameera.

Ammallee namoota tuttuqqaa qabu jedhaman hundumarraa saamuudni fudhatamaa jira jedhan Dr Maateen.

Sheediin hojjettoota dhibba saddeetii ol qabu keessatti bal’inaan tamsa’eera tilmaamni jedhu waan jiruuf hojjetaa hundumaa qorachuuf yaalaa jirra jedhan.

Sheedii isa lammataa irraa garuu samuudni guutummaan akka hin fudhatamne himan.

Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa lammiilee biyya alaa, hojjettoota bulchiinsa humna namaa, oppireetaroota tuttuqqaa qabani fa’I jedhan.

‘’Tamsa’ina paarkii indaastirii kana keessa jiru to’anneerra jechuun nu dhiba,’’ kan jedhan Dr Maateen, warreen qabaman waliin tuttuqqaa kan qaban hunda adda baasuuf hojjetaa jirra jedhaniiru.

Ogeessotni koroonaavaayirasii irratti hojjetan waa’ee dhukkubichaa hubannaa kennuu dabalatee namoota tuttuqqaa qaban adda baasuuf tattaafachaa jiru jedhaniiru.

Vaayirasichi kanaa ol akka hin babal’anneef hojjettoonni tuttuqqaa qabu jedhamanii shakkaman hojii dhaabanii akka of adda baasan gochuuf yoo yaalameyyuu hin danda’amane jedhaniiru.

Dr Maateen naannoo Sidaamaa keessatti ogeessota fayyaa 13 dabalatee hojjettoonni gargaarsaa lama Covid19n qabamuu himaniiru.

Ogeessoti fayyaa kunneen lafa deemanitti vaayirasichaaf kan saaxilaman, iddoo hojjetanitti of eeggannoo dhabuufi hanqina meeshaalee of eeggannoo irraan dhukkubichaan qabamuu danda’an jedhaniiru.

Daariktarri Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichatti hanga yoonaa namooti 452 dhukkuba kanaan qabamuufi shan immoo lubbuu dhabuu himaniiru.