Koronaavaayiras: Werarri marsaan lammaaffaa waqtii gannaa hangam hamaa ta'a?

Dubartii maaskii godhattee dibaabee qabattee dhaabbachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota gara kaaba waaltaatti argamaniif amma gara waqtii qorraafi qufaan itti hamaatutti deemaa jira. Tarii haalli kun ammoo tatamsa'ina Covid-19 fi dhukkuuboota gara biraatiif caalaa kan itti saaxilamanuun ta'aa?

Kunis amma koronaavaayirasiin walqabatee tarii dhukkubicha marsaa lammaaffaaf kan isa jalqabaa caaluu akka ka'u ni taasisaa laata sodaa jedhu guddaa umaa jira.

Haata'u malee, Covid-19 yeroo gannaa keessa maal fakkaachuu akka danda'u tilmaamuun rakkisaadha.

Irra caalaas haalli koronaavaayirasii murtaa'uu kan danda'u haala qilleensa gannaa, amala namoonni of eeguuf taasisaniif imaammata mootummaa biyyootaa irratti jedhamaa jira

Weerarri Covid-19 ganna caalaa cimaa laata?

Dubartii maaskii uffattu

Madda suuraa, Getty Images

Gaaffiin kun kan deebii hin argatiin ta'ullee qorattoonni garuu garuuma dhugaa ta'etti akeekaa jiru. Kun kan tilmaamamu ammoo vaayirasiiwwan biroo beekaman irratti hundaa'un jedhu.

Vaayirasiiwwan tibba qorraatti mallattoo dhukkubbii uuman gosa afurituu jiru. Hundiisaanii caalaa tibba gannaa haala salphaan tatamsa'u. Isaanis Influenza, rhinoviruses, kan qufaa nama qabsiisaniifi vaayirasiin qaama argansuu 'syncytial virus (RSV)' amala walfakkaatu qabu.

''Haaluma vaayirasota biraa kan tibba gannaa hammaatan irratti hundaa'uun, koronaavaayirasiifis mijataa ta'uu mala'' jedhu Dr Raachel Lowe London irraa.

Haata'u malee, wantoonni kana hameessuu danda'an haala fayyinaafi amala ilmaan namootaati jedhu.

Vaayirasoonni hundi tibba qorraatii caalaa qaama namaatiin ala jiraachuu danda'u. Gareen Gorsitoota Saayinsii Yeroo Balaa Tasaa UK (Sage) akka jedheetti, haalli qilleensaa 4C koronaavaayirasiif baayyee mijataadha.

Wayita alaa qorrii hammaatu hunduu manatti galuun karra cufata. Foddaawwan waan cufamaniif haalli qilleensi itti seenuu malu ni xiqqaata. Haalawwan kunneen hunduu tatamsa'ina Covid-19f ni mijata.

Sodaa olaanaan jiru, biyyoonni kaaba waaltaatti argaman qufaa hamaafi marsaa lammaffaa koronaavaayirasiin rukkutamuu malu kan jedhuudha.

Haata'u malee, hanga ammaatti wanti qabatamaan barame hin jiru.

Ibidda cinaa

Madda suuraa, Getty Images

Haalli hawaasni ballinaan itti jiraatu, fakkeenyaaf harka keenya yeroo baayyee dhiqachuurraa kaasee, maaskii kaawwachuu, fageenya keenya eeggachuufi manaa hojjachuu dhimmoota tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabuuf gargaaran keessaa murteessoo kan ta'aniidha.

Fakkeenyaaf, biyyoota amma ganna keessa jiran kan akka Hong Kongiifi Awustiraaliyaatti ugguurri guutuu taasifameera. Kanaafuu, waqtiin qufaa hin jiru ykn gara dhumaa gahaa jiru.

Haata'u malee, biyyoota gara Kibbaatti argaman kan akka Chiiliifi Afriikaa Kibbaatti dabalatee taateen walfakkaataan qufaa gannaafi ilbiisoonni biraa mudataa jiru.

Kanaafuu, haalli walfakkaataan biyyoota garaa kaaba ni mudata jechuu hin danda'amu.

Garuu manneen barnootaa cufuu, uggura kaa'uufi balaliinsa xiyyaaraa tibba waqtii qufaatti dhaabuun ni gargaara. Biyyoonni hedduun garuu amma uggura kaa'an kaasaa jiru.

Prof Juliyaan Hiscox Yunivarsitii Liivarpuul irraa BBC'tti akka himeetti, ''Akkan yaadutti marsaa lammaaffaaf qophaa'u qabna. Of eeggannoowwan gama fageenya eegachuufi harka dhiiqachuu of dagachu hin qabnu.''

Qorannoo cimsuunis haala ittisaa tokko ta'uu dubbatan oggeessi kun.

Vaayirasiin wayita wal makan maaltu umamaa?

Vaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Haalli vaayirasiin gosa tokkoo kan biraa itti ugguru saayinsiidhaan waan haaraa mullataa jirudha. Kun garuu koronaavaayirasiif hikkaa akkamii akka qabaatu ammallee hin barmne.

Wanti amma yoonaatti saayinsiidhaan adda hin baafamiinis koronaavayirasiin attamiin vaayirasoota biraa waliin akka waliin deema kan jedhuudha.

Vaayirasoonni argansuu hundi qaama keenya keessatti eddoodhuma walfakkaataa kan akka funyaanii, qonqoofi somba namaa miidhu. Kunis haala walxaxaa keessa nama galchuu danda'a.

Qorannoon garuu wayita qaamni namaa gosa vaayirasii tokko ittisuuf deebii kennuutti vaayirasii kaan na dandamata kan jedhan jiru.

Dr Paabloo Murishiyaa jiddugala qorannoo vaayirasii Yunvarsitii Glasgow BBC'tti akka himaniitti: ''Vaayirasiin tokko wayita nama qabutti qaamni akka umamaan deebii kennu kakaasa. Deebiin kunis akka yeroo muraasaaf vaayirasiiwwan kan biraa irra of ittisu ni dandeessisa qaamni.''

Haata'u malee, qorannoowwan gara biraa ammoo vaayirasoonni muraasni waliin ta'uun yeroo walfakkaataatti akka faca'an mullisa. Kanafuu, Covid-19 attamiin haala walxaxaa kana keessatti tamsa'a laata?

''Ragaan keenya akka mul'isuutti influwenzaan haala wal makaa akkasii keessatti kan faca'u baayyee gadaanaadha. Kanaafuu qufaa infloweenzaa fi Sars-CoV-2 waliin ta'a faca'uun baayye ni jiraata jedhee hinyaadu,'' jedhu Dr Murishiyaan.

Namni vaayirasiiwwan lamaan qabamusaatiif baayyee dhukkubni itti cimelleen hinjiru jedhu.

Haata'u malee, gosti koronaavaayirsii gara biraa kan akka RSV, adenoviruses fi parainfluenza muraasni waliin haala walfakaataatti faalama umuu danda'u ta'a jedhu Dr Murshiyaan.

Itti dabaluunis "Ani waa'ee ammaafi gara fuula duraa yaadaan jira," jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa