Koronaavaayirasiin Ayyaana Irreechaa dhufaa jiru hambisuu danda'aa?

Irreecha Hor- harsadee

Ayyaanni Irreecha bara 2013 baatii Fulbaanaa guyyaa Dilbata Ayyaana Masqalaa hordofee jiru kabajama. Haa ta'u malee, yeroon ammaa koronaavaayirasiin itti babal'ateefi labsiin Yeroo Muddamaa vaayirasicha to'achuuf bahe hojiirraa ooleera. Kanaafuu, irreechi barana ni kabajamaa?

Irreechi Hora Finfinnee bara darbe waggaa dheeraan booda yeroo jalqabaatiif kabajamee tureef Oromoonni daangaa hundarraa ji'oota dursanii qophii gochaa turan.

Uffata Aadaa dursanii qopheefachuuf ji'a dura diizaayinii fi gosa uffataa filatanii dhuunfaa fi gareedhaan qopheeffatu ture.

Ofii Ayyaana Irreechaa dhufaa jiru namoonni yeroo hunda deemuu amaleeffatan maal jedhu?

Magaala Finfinnee kan jiraattu Shamarree Qananii Indaalee, bara kana dhukkubni Koronaavaayirasii waan yaaddessuuf Irreechi kabajamuu dhiisuu mala oduu jedhu dhagahuunuu natti ulfaata jetti.

"Dhugaa dubbachuuf rakkoon amma jiru waan baayyee nama yaaddessuudha. Irreechi waaqa galateefachuu fi kadhachuufi.

Rakkoo jiruufillee waaqasaa kadhata. Kanaafuu akka durii miliyoonan bahu baannullee Abbootiin Gadaa fi nama muraasan kabajuu qabna jedheen yaada" jetti.

Irreechi Hora Finfinnee ammoo seena qabeessa waan ta'eef adda cituullee waan hin qabneef anis argamee kabajuun barbaada jetti Qananiin.

"Fageenya keenya eeggannee, waan barbaachisu hunda of eeggannoo godhee irreecha kabajuun barbaada. Kanaafuu dirqama kabajuu qabna" jechuun dubbatti.

Dargaggoo Leencaa Taammiruus Irreechi qorumsa kam keessattuu kabajamuu waan qabudha jechuun ibsa.

"Irreechi calaqqee aadaa keenyaati hammam rakkoo keessa jiraannuyyuu Irreecha hafuu hin barbaadu ani.

Bara kaan dursinee waan hundaan qophoofna turre Irreechaaf. Barana haala keessa jirruun garuu sana gochuu hin dandeenye. Ta'us namumti naannoo kanaallee kabajuu qaba" jedha.

Waggaa darbe bara 2012 Irreechi magaalaa Finfinnee keessatti yeroo dheeraa booda haala ho'aan kabajamee ture
Ibsa waa'ee suuraa, Waggaa darbe bara 2012 Irreechi magaalaa Finfinnee keessatti yeroo dheeraa booda haala ho'aan kabajamee ture

Abbootiin Gadaa maal jedhu?

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Ayyaanni Irreechaa bara dhufu kuni akkam ta'uu qaba kan jedhu Abbootii Gadaa, Hayyuu Gadaa fi haadholii siinqee waliin mari'achaa jirra jedhan.

"Amma marii jalqabaa gooneerra. Marii itti aanu Hagayya 22 mari'achuuf jirra. Hanga ammaa Abbootii Gadaa hayyuu fi Haadha siinqee taanee mari'anne.

''Kan itti aanu Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa wajjin mari'annee murtii keenya uummataa Ibsina" jedhan.

Mariin Taasifamu kuni rakkoo nageenyaa fi Koronaavaayirasii amma biyya yaaddessaa jiru kana keessatti akkamitti nagaan kabajuu dandeenyaadha malee Irreechi waan hafuu danda'u miti jedhu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

"Ayyaanni Irreechaa kuni akkuma abbaan barbaade hin ta'u. Oromoon dhaha ilaallata. Yeroo biyyi rakkoo keessa jirtu kanatti akkamitti kabajna kan jedhu mari'achaa jirra. Garuu Malkaan osoo hin saaqamne hin bahamu," jedhan.

Namni hirmaatu hir'achuu mala sana irratti mari'anna garuu Irreechi tasumaa hafuu hin danda'u jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

"Kaleessaa yeroo sirna cunqursaa hamaa jala turamettuu Oromoon dhokateetuma malkaatti Irreefachaa ture.

Kanaafuu Oromoon hanguma fedhellee muddamsuu keessa jiraatu, rakkoon jabaan yoo isa mudate Irreechi hin hafu. Kan ta'e galateefatee kan dhufu kadhata" jedhan.

Sababa dhibee Koronaavaayirasii fi rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruun garuu akka duriitti miliyoonan bahamee irreefatamuu dhiisuu mala jedhan.

Irreecharratti dargaggoo akkasumas shamarree miidhaganii gareen adeeman argun baramaa ta'eera
Ibsa waa'ee suuraa, Irreecharratti dargaggoo akkasumas shamarree miidhaganii gareen adeeman argun baramaa ta'eera

Gadaa Oromoo Ardaalee saddeettan irrattu Abbaa Duulaa kan tahanii fi Irreecha bara baraan kabajamu deeggaraa kan turan Abbaa Duulaa Dinquu Dayyaasaa biyya keessaa dhabamuunis dhiibbaa qabaachuus himu.

Marii Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Bulchiinsa naannichaa waliin taasifamuun booda Irreechi Hora Finfinnee fi Harsadii akkamitti kabajama kan jedhu ummataaf akka ibsanis Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa BBC'tti himaniiru.

Dhimma kanarratti kan gaafanne Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deesisaa, hanga ammaatti Irreechi dhufu kuni akkamitti kabajamuu qaba kan jedhu akka hin murtoofnee fi mariiwwan itti aananiin akka murtaa'u himan.

Karoorri akkaataa kabaja ayyaanichaa qophaa'uu fi fuula duratti Abbootii Gadaa waliin miidiyaaleef ibsa kennina jedhaniiru.

Irreecha dabalatee Ayyaana Masqalaa Irreecha dura kabajamuufillee kabajamuun isaa ifatti hin ibsamne.

Itoophiyaan sababa koronaavaayirasiin filannoo biyyaalessaa yeroo biraatti kan dabarsite yoo ta'u lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis haalaan dabalaa jira.

Akka Ministeerri Fayyaa ibsetti hanga yoonaa namoonni kuma 50'tti siqan vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u 750 ol immoo lubbuu dhabaniiru.