Qaalluun eenyuu? Walitti dhufeenyi Irreecha waliin qaban jiraa?

Irreecha Gadaa Tuulamaa

Qaalluun jalqabaa nama irraa osoo hin taane kan afuuraan dhalate jedhamee amanama jedhuu hayyuun Booranaatti qorannoo seenaa taasisan Jaatanii Gidaaruu.

Akka qorataan seenaa kun jedhanitti, qaalluun eebbaa waaqaa, eebba abbaa Gadaafi hayyuun uumame jedhama. Ayyaana Irreechaa irrattis namoonni qaalluudha jechuun argaman jiru. Haalli kunis namoota gariin yoo qeeqaman dhagahama.

Kanaafuu nutis ofii qaalluun maali? Abbooti Gadaa waliin walitti dhufeenya maalii qaba? Achii dhufteen isaaniihoo maal kan jedhuurratti qorattoota seenaa gaafanneerra.

Qorataan seenaa Obbo Jaatanii Gidaaruu akka jedhanitti qaalluun Jalqabaa lama. Daaccituu Alshaayyaa fi Maxxarrii Mandaadaa jedhamuun beekamu. Lamaan isaanii iyyuu dhiiraan osoo hin taane afuuraan dhalatan jedhamee Boorana keessattis himama jedhan Obbo Jaataniin.

Obbo Jaatanii Gidaaruu

Qaalluun jalqabaa Daaccee ykn Daaccituu jedhama jedhan. Daaccituu Alshaayyaa jedhamuunis beekama. Kun hangafa Oromoo jedhamees waamama akka qorataan seenaa Obbo Jaataniin jedhanitti.

Inni Daandama waaqayyooti. Kana jechuun abbaa himatu kan hin qabne waaqarraa qofa kan dhalate jechuudha jedhan.

Qaalluun sadaffaan qaalluu Arusoo jedhamee beekama jedhan. Innis Arsii keessatti nama jalqaba dhalatuufi qaalluun muude illee Arusoo jedhanii moggaasu jedhan.

Qaalluun arfaffaan ammoo kan Karrayyuu yoo ta'u, Urrantee Dagaa jedhama. Hurrii gaaraafi lafa qabattee jirtu keessatti daa'ima ilmoon leencaa, ilmoo Hoolaa, Bofti wallin jiru jalqaba argame jedhan.

Kana namootni argan galanii yoo odeessan, namni kun qaalluudha hin rifachiisiinaa guddisaa jedhameeti, akkasiin argame jedhan. Sanyiin isaanii hundi bakka namootni kaan awwaalamanitti hin awwaalaman jedhama jedha.

Gaafa inni du'us lafti akka dukkanoofte jaarsi argaa dhageettii ni hima jedhan Obbo Jaatanii Gidaaruu.

Qaalluun warra Daaccee godinaalee Oromiyaa keessatti ni beekama kan jedhan Obbo Jaataniin, naannoo Dukamiifi Galaan buufachuun beekamu jedhan.

Isaanis warra Abbaa Muudaa jedhamuun beekamu jedhan. Akkaataan qorannoo gaggeessetti isaan warra Daandana waaqayyoo, daandii ka Waaqayyoo jedhan warra waaqa irraa dhalatan, warra hangaafaati jedhamuun beekamudha jedhan Obbo Jaataniin.

Ilmaan Gooblaa

Qaalluun nama qaallichaa fi Qaallittiirraa dhalatedha jedhan. Qaalluun lama fuudha. Kan aadaan lama fudhuu qaalluu qofa jedhan.

Namni lama guddisuufi fuudhu warra qaalluuti. Tokko ilma qaalluu tahuufi kan biraan ammoo daa'iima haatii warraa isaa kaan deesseef guddisa jedhan.

Kan qaalluu tahu isa qaallittii gosa warra qaalluurraa dhalatee guddifamu yoo tahu, kan qalluun itti darbu jechuudha jedhan.

Ilmi qaallittiirraa dhalatu ammoo ilma Gooblaa jedhamuun beekama. Ilmi Gooblaa gaafa dhalatu irraa eegale akka hin boonye, akka hin rifanne, akka hin rakkanne, rifeensi illee kan irraa hin haadamne, qeensi kan irraa hin muramne addatti kunuunfamee kan guddatudha jedhan.

Akkasumas ''ilmaan Gooblaa'' dhaqna hin qabatu, sibiillis itti hinbu'u, gurras hin uratu jedhan.

Yoo ulaagaa kana guuttate qaalluu tahuu danda'a. Kanaan boodas laduun ykn ayyaanni itti darba jedhan Obbo Jaataniin.

Qorataan Antirooppoloojii Obbo Kabbadaa Galataa ammoo, irra caalaa isaa yaaduma Obbo Jaataniin kaasan waliin kan walii galan yoo tahu, isaan garuu qaalluun hangafa warra ayyaantuu jedhamuun beekamanidha jedhu.

Qaalluun maali kan jedhu garuu hanga ammaattii jala murree ibsuun rakkisaadha, qorannoo dabalataas ni barbaada jedhan.

Tahus garuu qaalluun Abbaa Gadaa waliin tahuun haala waqtii dhufuuf jiruu kan raaganiifi dursanii itti himan amantaa jedhu qabu. Akkasumas namoota beekumsa urjii lakkaa'uun bara himan waliinis wal qabsiisu.

Warri beekumsa urjii lakkaa'uu qaban ammoo suudduu ykn siidaa durii fayyadamu jedhan.

Fakkeenyaaf siidaan ykn Suudduun durii haalli itti dhaabbachaa ture adeemsaafi marsaalee urji waliin hidhata qabu jedhan.

Isaan ammoo ayyaantotatu beeka jedhanii qorannoo kanaaf bal'inasaa ammoo hayyoonni Boorana keessaa isaan caalaa akka himan dubbatan.

Kanaaf yaada qorataa seenaa Obbo Jaatanii Gidaaruu irratti xiyyeeffannee barreessine.

Qaallolee- warra waa himan

Boorana keessatti warri ayyaana qabna jedhaniifi waa himan qaalluu osoo hintaane qaallolee ayyaanaa jedhamu jedhan.

Isaanis jalqaba Boorana keessatti baay'ee jibbamu turan, akkasumas uummata Oromoo keessattis hin beekaman ture jedhan.

Qaalluun ni eebbisa. Akkasumas kan abaaree cubbisu, kan fagee eebbisee qabsiisu jedhamanii waan beekamaniifu ulfina guddaa qaba jedhan Obbo Jaataniin.

Haa ta'u malee Qaalloleen ayyaanaa, warri waa himna jechuun namoota isaan hordofan horatan qaalluu jalqabatti beekaman miti jedhan.

Qaalluun kallacha lama qaba. Abbaan Gadaa Kallacha tokko qaba jedhan. Kanaaf qaalluun ulfina adda tahe qaba jedhan.

Qaalluun hin faradu. Garuu wayita namni wal lolee qaalluu bira dhufan illee qaalluun situ balleesse jedhee murtii hin kennu, akkanumaan araarsa malee jedhan Obbo Jaatanii Gidaaruu.

Odaa
Ibsa waa'ee suuraa, Odaa

Qaalluu fi Irreecha

Waggaa waggaan Irreechi wayita kabajamu kana dura namoonni qaalluudha ofiin jechuun naannoo Hora Harsadiitti argamuun wayita faganiifi dalagan ni mullatu ture.

Ayyaanni Irreechaa waaqa uumaaf guyyaa Oromoon galata itti galchu jedhamuun kan beekamu yoo tahu, Irreecha Birraa malkaatti gaggeeffamu kanarratti Oromoonni amantaan osoo wal hin qoodiin bahuun waliin kabaja.

Haa ta'u malee namoonni muraasi qaalluudha ofiin jedhan ykn Booranatti ammoo qaallolee ayyaanaa warri jedhaman Hora Harsadetti argamuun sirna garaagaraa raawwachaa turan.

Haalli akkasii kunis dhiyeenyatti garuu akka hin gaggeeffamne dhorkamee ture. Gochi isaanii kunis gaaffii Irreechi amantaadha moo aadaadha? jedhu akka ka'u taasisuu hin hafne.

Obbo Jaataniin qaalloleen kunneenis kan jalqaba Oromoo keessatti beekaman osoo hintaane warra booda kana bakka biraatii dhufuun itti makamaniidha jedhaniiru.

Qaalluun ta'uuf ulaagaawwan ilmaan gooblaa guuttachuu qaba jedhan. Kanaaf bakka irreechaatti warri argaman kunneen ulaagaa kana hinguutan jedhan.

Ayyaantuu warri jedhaman ammoo warra waan arganiin milkaa'an, ayyaanota waggaa keessa jiran hundas warra beekaniifi warra urjii lakkaa'uun beekanidha jedhan.

Isaan Abbaa Muudaas ta'e Qaalluu irraas adda jedhan. Ayyaantuun nama beekumsa urjii qabuufi duraa duubaan guyyoota lakkaa'uun maaltu akka tahu kan adda baasaniidha jedhan.

Garuu immoo icciitiin qaalluu irraa dhokatu hin jiru jedhan.

Qorataan Antiropoloojii Obbo Kabbadaa Galataa namoonni qaalluudha jechuun bakka Irreechaatti fagan Oromoo keessatti bakka hinqaban ture, aadaa ormaatu nutti makamee jedhu.

Abbaa Gadaas kan muudu qaalluudha jechuun ibsu. Ayyaantuu warri jedhaman ykn akka ilaalcha isaaniitti qaalluu namoonni tahan, beekumsa urjii lakkaa'uun waqtii himuus qabu jedhu.

Haa ta'u malee isaan siidaa ykn sooduu ilaaluun akka himan dubbatu. Siidaa Ykn soodduun awwaalchaaf dur hojjetamaa ture haalli dhaabbiisaa urjiilee waliin walitti dhufeenya qaba jedhan.

Akkasumas Suudduu ykn Siidaan biyya Masirii fi Sudaan fa'a keessa jiran kana waliin wal qabachuu akka danda'an himan.

Qaalluun maal kan jedhus hanga ammaatti jala muranii ibsuun ulfaataa waan ta'eef qorannoo dabalataa barbaada jedhu.

Manguddoota Booranaa yeroo sirna Gadaa.

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Ibsa waa'ee suuraa, Manguddoota Booranaa yeroo sirna Gadaa.

Abbaa Gadaa fi Qaalluu

Qaalluun Afaan Murtii hin qabu. Ulfinasaas ni eeggata. Kanaafuu Qaalluu afaan qumbii, hayyuu afaan murtii jedhama.

Boorana keessatti Abbaan Murtii hayyuu ykn Abbaa Gadaati jedhan Obbo Jaataniin.

Osoo waraannis ykn waldhabdeen ta'e, qaalluun kallacha isaa fudhatee, barcuma buufatee moonaa ykn dallaa loonii keessa taa'a jedhan.

Qaalluun qulqulluu waan ta'eef osoo waan fedhe dhufeellee isa hin ajjeesan. Qaalluuf Qaallittiin yoo du'en illee dallaa loonii keessatti awwaalamu jedhan Obbo Jaataniin.

Sababni isaa immoo loon cubbuu waan hinqabneef jedhamee amanama jedhan.

Abbaa Gadaafi Qaalluun yoo walitti dhufan illee ka'ee kan teessisu Abbaa Gadaati. Abbaan Gadaa ka'ee kan teessisu dubartii ulfaa, looniifi Qaalluu qofaadha jedhan Obbo Jaataniin.

Dhalootaan yoo ilaalamees Qaalluutu hangafa. Osoo sirni Gadaan hin jalqabiin duras Qaalluun jira ture jedhan.

Hariiroo kabajaafi ulfinaatu gidduusaanii jira. Ijoolleen marsaa Gadaa keessa galtes Qaalluu kunuunsiti jedhan.

Abbaan Gadaan gara muudamaatti yoo dhufu Qaalluudhaan '' Abbaakoo'' jedhee waama jedhan Obbo Jaataniin.

Boorana keessatti ''Abbaakoo'' jedhee kan wal waamu Abbaa Gadaafi Qaalluudha jedhan. Qaalluun Abbaa Gadaaf qumbii kennaaf, Abbaan Gadaa ammoo horii kennaaf jedhan qorataan seenaa kun.