Irreecha 2012: Irreechaafi imala dargaggootaa gara Hora Finfinnee

Dargaggoota imalarra jiran

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadee irratti hirmaachuuf dargaggoonni hedduun iddoo jiranirraa kahuun miilaan imalaa jiru.

Dargaggoonni BBC'n haasofsiise kaan Dirreedhawaa kahan, kaan ammoo Jimmaafi Shaashamanneerraa miilaan kahanii gara Finfinneetti kutaa jiru.

Warra Shaashamanneerraa ka'an

Dargaggoo Mi'eessoo bariisoo hiriyaasaa waliin tahuun Shaashamanneerraa kahan.

''Shaashamanneerraa kaasee qeerroo fi uummanni Oromoo nu gaggeessaa ture. Ka aannan qabu nu obaasaa, nu gorsaa - uummanni nu faana jira,'' jedha.

''Ulfaatina karaa malee rakkoo baayyee hinqabnu,'' jedha. Qaamni nageenyaallee karaarraa isaan gaggeessaafi jajjabeessaa akka jiranis nutti himeera.

Warra Dirree Dhawaa

Juwaar Mohaammad Ibraahim fi hiriyoonni isaa saddeet tahanii magaalaa Dirreedhawaarraa kahan. Wayita nutti dubbisnetti magaalaa Ciroo keessa turan.

''Kaayyoon imala keenyaa qeerroo ALI 2009 Irreecha Hora Harsadee irratti wareegaman yaadachuuf,'' jechuun dubbata.

Kabajni Hora Finfinnees bu'aa qabsoo isaaniitis jedheera Juwaar. ''Harargeerraa imalli lafoo ogguu gaggeeffamuu kun isa jalqabaati''.

Hawaasni karaarratti arganis gammadanii akka dabaalanii fi bisahaanii fi aannan akka isaanii keennan ni dubbata: ''Birraa waan taheef asheeta nuu kennanii''

Rakkoon hanga yoonaa isaan qunnames akka hinjirre ni dubbata Juwaar.

Warra Jimmaa

Maxxansa Facebook irra dabri, 2

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook, 2

Gammachuu Roobaa fi ijoolleen 23 ammoo magaalaa Jimmaarraa kahan. Haatahu malee dargaggoonni biroo hedduun karaarraa itti daddabalamuun namoota 38 tahaniiru. Wayita nuti dubbisnutti magaalaa Sabbataa gahanii turan.

Isaanis akkuma garee imaltootaa kaaniitti simannaa hawaasaan daran akka gammadan ni dubbatu.

Haatahu malee ''waan nu mufachiisus nu mudateera,'' jedha dargaggoon kun.

Magaalaa Tafkiittis ''qaama mootumaarraa alaabaa maaliif qabattan nuun jedhanii ture,'' kan jedhu dargaggoon kun boodarra garuu ''alaabaa keenya nurraa hin fudhattan jennee, boodarra qabadhaa nuun jedhan,'' jedha.

Rakkoon isaan mudate kanumaan hin dhaabbanne iddoo Diimaa jedhamtuttis rakkoon isaan qunnamuu dubbata.

'' Federaalonni nu dhaaban. Alaabaa keessan fudhattanii hin dabartan nuun jedhan,'' kan jedhu dargaggoon kun ''Akkas taanaan hin deemnu gara Jimmatti deebina jennee didne,'' jedha.

Achiis qeerroofi abbootiin naannichaa walitti qabamuun rakkoo jiru furuun, dhiichisaa imalasaanii akka itti fufan dubbata.

'Ofeeggannoo godhaa'

Gama kaaniin ammoo dargaggoonni kunniin wayita lafoo deeman rakkoleen nageenyaa garagaraa isaan mudachuu dubbatu.

Baayyinaan alaabaa qabatan waliin walqabatee rakkoon isaanirra akka gahe himatu.

Kanumaan walqabsiisee miidiyaa hawaasummaa gubbaa dargaggoonni miilaanis tahe konkolaataan Irreeffachuuf imalaaa jiran ofeeggannoo akka taasisan gorsaa jiru.

Kanneen keessaas: Gurmuun socho'uu, warri miilaan deeman akka daandii moggaarra deeman, akkasumas qaamoolee nageenyaa miira tasgabbaayeen dubbisuu fi kanneen biroo gorsu.