Koronaavaayiras: Manneen barnootaa deebisanii banuurratti maatii, barsiiftoonnifi barattoonni maal jedhu?

Baratuu olmaa daa'immanii

Madda suuraa, ullstein bild

Akoteet Yashaw barataa kutaa 12ffaa ture. Qormaata biyyaaleessaa fudhachuuf qophaa'aa osoo jiruu Covid-19 dhufee barnoonni dhaabbata.

Waa'ee torban jalqabaa sanatti itti dhagahamee ture yoo dubbatuus, ''Yeroo sana Wiixata itti aanaa qormaata moodeelaa jalqabuuf waan turef cufamuusaatti barattoonni gammadan ture jedha.

Booda garuu akka jalqaba jedhame guyyoota 15 qofaaf osoo hin taanee yeroo dheeraaf akka cufamu himamnaan karoorri isaa hundi geedaramuu dubbata.

Sababii koronaavaayirasii kanaanis barataa kana qofaas osoo hin taanee hedduun baatiiwwan torbaaf barnootasaanii irraa akka fagaachuun turan taasifamaniiru.

Amma erga Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa deebiisanii akka eegalaniif labseen booda, Akoteet fa'i qoramaata biyyaaleessaatiif qayyabachaa jiraachuu hima. Haata'u malee, ''Qophii isa kan jalqabaa hinfakkaatu'' jedha gargaagarummaa haamlee duraafi kan ammaa yaadachuun.

Barattoota qormaata kutaa 12 fudhataniif yeroon qophii guyyoota 45 kennammu Ministeerichi beeksiiseera. Haata'u malee, Akoteet tekinooloojii waliin walbaruufi naannoo mana barumsaatti deebii'ee miira duraa sana argachuuf yeroon kennamee xiqqaadha jedha.

Osoo mana barnootaa keessa ta'anii qormaatawwan modeelii hedduu fudhachuu akka danda'an eeruun, ''Yeroo kennametti baayyeen keenya gammadoo miti,'' jedha.

Kanas ta'u garuu, dafanii qoramuun keessa darbuu akka wayyu yaada.

"Manni baromsaa saaqamuunsaa na hingammachiifne"

Manneen barumsaa akka banamaniif murtee kan dabarse MInisteerri Barnootaa hojiitti kan galamu erga koreen hundeeffamee qophii manneen barnootaa mirkanneessanii booda ta'uu himeera.

Miseensoonni Koree kanaa caalmaan isaanii maatii barattootaafi dameewwan fayyaa, barnootaafi bulchiinsa irra babbaniidha.

Miira manni barnootaa banamuun itti uumee BBCn kan gaafate barsiisaafi daarektarri mana barnootaa sadarkaa lammafffaa Lam Obboo Tasfaamikaa'el Kiflee akkas nuun jedhaniiru.

Manni barnootaasanii bara 2013tti barattoota 2,000 galmeessuu kan himan Obbo Tasfaamikaa'el, of dagannaan barattootaa tibba galmeetti hubatan isaan naasisuu himu.

Barattoota kutaa keessatti

Madda suuraa, Bartosz Hadyniak

Haala kanaan wayita barnoonni kennamutti, sa'aatii boqonnaatti haala akkamitiin covid-19 ittisuun danda'ama dhimmi jedhu yaaddoo itti umuu dubbata.

Barattoonni maaskii kaawwachuunsaanii qofti waan Covid-19 irraa isaan oolchu waan itti fakakatuuf fageenya isaanii eeggachuun qormaata itti ta'uu dubbata.

Kanaafuu, manni barnootaa banamuun ''na hin gammachiifne'' jedhaniiru.

Kanaafis sababii yoo eeran, tibba manni barnootaa cufametti namoonni vaayirasiin qabaman gadaanaa yoo ta'u, amma garuu lakkoofsichi dabalaa dhufeera jedhu.

Barattoonni malawwan ittisaa kaa'aman irratti waan haala barbaadamuun hubatan hin fakkaatu kan jedhan barsiisaan kun, fageenya isaanii akka hin eeggannee tibba galmeetti hubachuu himu.

Kana malees, manni barnootaasaanii haaluma Ministeera Barnootaatiin kaa'ameetti daree tokko keessatti barattoota 25 qofa barsiisuun kan isaan rakkisu ta'uu himu.

''Daree tokkoo keessatti barattoota 70 waan galmeessineef, 25 qofa keessummeessuu kan dandeenyu dabaree [shiftii] sadiin yoo ta'e qofaadha. Dabaree lamaan keessumeessina yoo ta'e 35 ta'uu,'' jedhaniiru.

Haata'u malee, tibba barnoonni cufameetti lakkoofsa mannen fincaanii dabaluufi ujjummoo bishaanii diriirsuu dubbataniiru.

Kana malees, kutaalee hundaaf farri vaayirasii biifuun raawwatamaa jiraachuu, beeksisoonni hubannoo cimsan adda addaa maxxanfamaa jiraachu himu.

Dhimmicharratti miira lama keessa jirra

Obbo Efreem Taayyee abbaa ijoollee lama yoo ta'an, manneen barnootaa dhuunfaa Finfinneetti ijoolleesaanii galmeessisuu himu.

Ijoolleessaanii mana barnootaa qaamaan ergee barsiisuun yaaddoo itti ta'ulleen galmeessisuu BBC'tti himeera.

Ijoollee bakka tokkootti walitti qabuun wal hin tuqiinaa jechuun rakkisaadha kan jedhan Obbo Efireem, haala kanaan barnoota irraa fagaatanii turan jechuun miira lama keessa jiraachuu himu.

Obbo Efireemiifi haatii warraasaanii manneen barnootaa ijoolleerraa vaayirasicha ittisuuf hangam waan barbaachisu akka guutattan waan dhagahan waan hin jirreef yaaddoo qabu.

Obbo Efireem bulchiinsa mana barnootaa ijoolleen isaanii itti baratan waliin mari'achuu ibsuun, weerara vaayirasichaa ilaalchisee fooyya'insa taasisaa jiran akka hin hubannee dubbatu.

Manni barnootichaa walakkaa guyyaa qofa barsiisuuf karoora qabaachuu himanii, kanaan alatti wanta qabatamaan ijoollee ittisuuf gochaa jiran akka hin dhageenye dubbatu.

Qophiiwwan akka qulqullina eegisisu, qophiilee barsiistootaa, akkasumas qophiilee gara biraa maatiin beeksisuun barbaachisaadha jechuun, ''Onkolooleessa 30 barnoonni akka eegalamu ibsameera. Isaan dura garuu qaamaan dhaqeen qophii jiru ergan ilaaleen booda ijoollee kiyya erguu barbaada,'' jechuun yaaddoo isaanii himu.

Obbo Efreem mana barnoota ijoolleen isaanii itti baratanitti koreen maatii jiraachuu beekuu baatanilleen, maatiin walitti qabamuun haala ijoolleen koronaavaayirasiirraa itti ittifamuu danda'aniirratti waliin hojjachuun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Haala barbaachisuun qophoofneerra

Qonjiitti Mogas Hojii gaggeessituu mana barnootaa Maaldiiti. Manni barnootaasaanii oolmaa daa'immanii hanga sadarkaa tokkooffaa kan qabu yoo ta'u, Covid-19 ittisuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu BBCtti himan.

Galmeen osoo hin eegalamiin dura maatiidhaaf gaaffii erguun, maal maal guutamuu akka qaburratti yaada walitti qabachuu himu.

Manni barnootaasaanii dabareen barsiisuu kan barbaadu ta'uu himuun, gamoo haaraa waan kireeffataneef kana hojjiirra oolchuuf carraa gaarii qabaachuu dubbatu.

Akkasumas, barataan tokko qofaatti teessumaafi miinjaala akka qabaatuuf akkasumas lafa barataan harka itti dhiqatu qopheessuuf hojjechaa jirra jedhu.

Kana malees, hojjattoonni mana barnootichaa barattootaatti vaayirasii akka hin dabarsiineef haal-dureewwan qophessaa jiraachuu himu. Fakkeenyaaf, maaskii alatti kaawwatan mana barnootaa keessatti akka baafataniifi uffata alaarreen akka geedarataniif uffata qopheessaa jiraachuu himu.

Kunis keessattuu barattoonni oolmaa daa'immanii barsiistota isaanii hammachufi dhungachuun baratamaa waan ta'eef, tutuqqaa kana hir'isuudhaaf uffata barsiistonni mooraan alatti uffatan mooraa mana barnootaa keessatti akka hin uffanne murteessuu isaanii ibsaniiru.

Saanitaayizarii harka ittiin qulqulleeffatan, maaskii afaaniifi funyaan ittiin aguuddatan tokkoon tokkoo barsiistotaa akka qabaataniif qopheessuu isaanii dubbataniiru.

Bakka barattoonni harka itti dhiqatanis tuttuqqaa harkaa irraa akka bilisa ta'u gochuudhaaf buustuu harka dhiqannaa kan 'seenseriidhaan' hojjetu qopheessuu isaanii BBCtti himaniiru.

Mana barnootaa Kibbatti argamu keessaa

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Daree tokko keessatti barattoota 15 qofa akka barsiisan kan dubbatan hoji-gaggeessituun kun, dareewwan barnootaas baballaa waan ta'aniif qilleensa salphaatti akka argatan ibsaniiru.

Mana barumsichaa keessatti meeshaaleen barnootaafi bakkeewwan taphaa barattoonni waloon itti fayyadaman hir'isuun tokkoo tokkoo barataaf meeshaalee barnootaa dhiyeessuun bakka qophaa qophaatti kaawwatan qopheessuufiif dubbatu.

Barattoonnis yeroo mooraa mana barumsaa keessa seenan akka osoo of hin qulqulleessiin hin seenne bakka itti adda baasan qopheessuu kan dubbattu daarektarri kun, yeroo gara mooraafi dareetti seenan hafaa barakiinaatiin cuubamerra ejjetanii miila isaanii qulqulleeffatanii akka seenan qophaa'uu isaa ibsiteetti.

Manni barumsichaa barattoonni mallattoo koronaavaayirasiin kan irratti mul'atu yoo jiraataniifis kutaan itti adda baasanii tursiisan jiraachuus himaniiru.

Hoji-gaggeessituun Mana Barumsaa Maalid Qonjiit akka jedhanitti hordoffii biiroon barnootaa taasisuun alatti maatiin manneen barumsaa ijoolleen isaanii itti baratan hordofuu qabu.

Kanaaf ammoo maatii fedhiin hordoffii kana keessatti hirmaatan filachaa jiru. Kana gochuun sochii manni barumsichaa Covid-19 ittisuudhaaf taasisu hordofuudhaaf, akkasumas qaawwi uumame yoo jiraates sirreessuudhaaf akka isaan gargaaru dubbatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa