Yunvarsiitiin Amboo Bara kana maqaa Haacaaluu Hundeessaatiin sagantaa carraa barnoota Tolaa (Scholarship) jalqabuufi

Yunivarsiitiin Amboo damee isaa Awwaaroo magaalaa Amboo keessa argamu Haacaaluu Hundeessaan moggaasuu Fuulbaana 20, 2020 beeksise

Seeneetiin Yunvarsiitiin Amboo Kaampaasii isaa kan amma dura Awwaaroo jedhamuun beekamu maqaa Artisti Haacaaluu hundeessaatiin moggaasuun alattis sagantaa barnoota tolaa (scholarship) akka jalqabamuuf murteesseera.

Pirezedaantiin Yunvarsiitichaa Dr. Taaddasaa Qana'aa BBCtti akka himanitti yunvarsiitichi moggaasa Kanaan alatti murteewwan yaadannoo artistichaatiif oolan biroos murteesseera.

"Seeneetiin Yunvarsiitii keenyaa dhimootni ijoon murteesse tokko kaampaasii tokko maqaa Haacaaluutiin hundeessuudha. Kan biraa sagantaa barnoota tolaa (Hachalu Hundeessaa scholarship) akka jalaqabamus murteesineerra," jedhan.

Kanaan alattis Yunvarsiiticha keessatti bara darbe kan hundaa'e giddugala aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin jalattis gareen muuziqaa tokko maqaa Haacaaluutiin akka hundaa'us himan.

Sagantaan barnoota tolaa(Scholarship) kuni barumsa digirii jalqabaatii hanga PhD kan kennu akka ta'ee fi sagantaawwan dorgommii isaa fuula duratti akka jalqabus himan Dr. Taaddasaan.

Hojiiwwan yaadannoo nuti jalqabne kuni olmaa Haacaaluun saba keenyaaf oole kan gitu ta'uu baatus Yunvarsiitichi wantoota maqaa artistichaa olkaasan cimsee akka itti fufus himan.

"Hojii Haacaaluun hojjete dhaloonni amma jiru qofa osoo hin taane dhaloonni dhufullee akka beekuf yaadannoodhaaf hojjechaa jirra.Olmaa isaa garuu wanti deebisu hin jiru saba kanaaf nama olmaa guddaa ooledha" jedhan.

Murtiiwwan kunneen seeneetiin Yunvarsiitichaa sagalee mormii tokko malee mirkaneesse kan jedhan Dr.Taaddasaan, yunvarsiitichi murteewwan kanaaf aangoo waan qabuuf kanneen murtee keenyatti garaa isaan hanqate sababa gahaa hin qabani jedhan.

"Maqaa kaampaasii keenyaa maqaa Haacaaluutiin moggaasuu keenya namoonni morman maalirraa ka'anii akk ata'e naaf hin galu. Namoota seenaa hojjetaniif maqaa akkanaa oggaasuun waanuma barame. Biyya kaanitti maqaa yunvarsiitii guutuutuu maqaa namootaan ni moggaasu. Nutimmoo waan goone kanaaf taayitaa ni qabna" jedhan.

Kaampaasii Haacaaluu Hundeessaatiin moggaafame kana balbala durattis siidaan Haacaaluu Hundeessaa ijaaramaa jiraachuu fi yeroo dhihootti akka xumuramee eebbifamus himan Dr. Taaddasaan.

Yunvarsiitiin Aamboo ammaan duras Kaampaasii isaa magaala Gudar jiru maqaa Gooticha Oromoo Maammoo Mazammiriin moggaasuun isaa ni yaadatama.