Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxiin 'rifaasisaa' galmaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa qabxii giddugaleessaa 50% ol kan fidan 3.3% qofa ta’u Ministeerri Barnootaa beeksise.
Bara barnootaa Itoophiyaa 2014’n qabxiin galmaa’e ‘‘rifaasisaa’’ ta’u hubanna jechuun Ministirri Barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa dubbachuun isaanii gabaafameera.
Qabxiin kuni ‘'agarsiistuu rakkoo barootaa as darbaa dhufeefi sadarkaa sirni barnootaa irra jiru agarsiisedha’' jechuun Pirof. Birhaanuun dubbataniiru.
Akkaatuma kanaan barattoonni yunivarsiitii seenuu danda’an kan 50% ol galmeessan jechuunis barattoota 29,909 qofaadha.
Haa ta’u malee, hammi yunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran simachuu danda’an kuma 100 olidha.
Qabxii 700 keessaa qabxiin olaanaa galmaa'e Saayinsii Umamaarraa yoo ta'u innis 666 dha.
Saayinsii Hawaasummaa irraa qabxiin olaanaa 600 keessaa 524 galmaa'e akka ta'e ministeerichi beeksiseera.
Akka karooraatti kanneen qabxii isaan dabarsu hin arganne barnoota ga’umsa isaanii ittiin fooyyeessan fudhatanii waggaa booda qoramu jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barattoonni amma qabxiin isaanii ifa ta’e addatti manneen barnoota keessa baratan osoo hin taane yunivarsiitiiwwan adeemun ture qormaata kan fudhatan.
Kunis hanna qormaataa hambisuufi. Qormaatni baranaas guutummaa guutuutti hannarraa bilisa miti jedheera ministeerichi.
Akka ministeerichi ibsetti kanneen qoramaniifi qabxiin isaanii qabame barattoota 896,520 dha.
Kanneen qormaata qoramuuf galmaa'an garuu kanaa ol dha. Ta'us, qormaatarraa kan hafan, dambii kan cabsaniifi qormaata dhiisanii kan bahan jiru.
Fakkeenyaaf barattoonni kuma 12 ol Naannoo Amaaraa keessa argaman qormaata dhiisanii bahuufi lammatas akka hin qoramne ministeerichi kana dura ibsee ture.
Damee Saayinsii Uumamaa keessaa 31.63% Saayinsii Hawaasummaa keessaa 27.79% qabxii 50% ol galmeessuu ibsameera.
Qabxii barana galmaa’ef kan itti gaafatamu mootummaarraa eegalee hawaasa damee barnootaa keessa jiru hunda ta’uutu ibsame.
Qabxii galmaa’e kana jijjiiruuf karoorri qophaa’aa akka jiru aangawoonni ibsaniiru.












