Miseensota raayyaa ittisaa duraanii kumaatama waliigalteen Piriitoriyaa ‘bilisa hin baasiin’ hafe

Madda suuraa, Gatty Images
Aaddee Birhaan Mazigab (nageenyaaf jecha maqaanshee kan jijjirame) abbaa warraa koloneela waggoota dheeraaf raayyaa ittisaa keessa tajaajilanii fi abbaan ijoollee ishee ALI Sadaasa 12, 2007 to’atamuun hidhamu kaasti.
Abbaan warraashees yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaleetti to’atamuun shororkeessummaan himatamu dubbatti Aadee Birhaan.
Himatawwan ‘‘Jalqaba shororkeessaadha, Baahir Daariifi Gondar haleelluuf gargaartee jirta. Namoota Tigraayiif filuudhaan yakkamaadha’’ jedhan irratti dhiyaachu himti.
Himaannaa kanaaf garuu ragaa gahaan waan hin dhiyaanneef himannaan gara biraa dhiyaachu yaadatti.
‘‘Qimaantiifi Amaaraatti waliitti bu’iinsi akka ka’u taasiftee jirta…’’ himannaan jedhu akka irratti dhiyaate BBC'tti himte.
Yakka ALI bara 2008-2011tti raawwataniiru jedhameen, waggootaan booda yeroo waraanni Tigraay ka’utti hidhamunsaa amansiisaa akka hin taane ibsti.
‘‘Haata’u malee inni bakka jedhamerrayyuu hin turre. Dhimma kanarratti ammoo raga-baatoota afuritu ture. Lamaansaanii ‘ragaa bahuuf’ waadaa seenanii kan ture ta’ulleen as hin deebiine. Kan hafan kan himan ‘kan dhageenye’ jechuun malee ‘argineerra’ kan jedhu hin turre’’ jechuun haalicha yaadatti.
Abbaan warraashee ammatti mana hidhaa Qaaliitti keessatti akka argamuufi hanga ammaattis haqa akka hin arganne dubbatti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mindaa fi faayidaaleen abbaa warraashee waggoota sadiif waan adda citeef, ijoollee saanii waliin rakkoo keessa jiraachuu, keessattuu ijoolleensaanii rakkoo xin-sammuutiif saaxilamu dubbatan.
Miseensoonni raayyaa hidhaarratti argaman abbaa manaa Aaddee Biraane qofaa miti. Miseensa raayyaa kan turan, kanneen aangoo olaanaa qabaniifi dhalattoota Tigraay, Amaaraa, Oromiyaa, Siidaamaa, Beenshanul, Finfinnee, Dire Dawaa fi naannoolee biraatti hidhamanii akka argaman BBC Tigrinyaan odeeffateera.
Kana malees dhalattoota Tigraay kaaniitti hidhaan waggaa shanii hanga umurii guutuu itti murtaa’e jiraachuu BBCn odeeffannoo argateera..
Dhalattoonni Tigraay miseensa raayyaa ittisaa Itoophiyaa yakka cimaadhaan irratti murtaa’es namoota sivilii waliin manneen hidhaa garaa garaa keessatti akka argaman maatiin ni dubbatu.
Maatiiwwan miseensa raayyaa ittisaa kunneenis, ‘‘waliigalatti haala cimaa keessatti argaman. Seerriifi mirgi nuuf hin hojjanne’’ jechuun akka yaada kaasan.
Himannaan hundasaaniirratti dhiyaate ‘‘heera mootummaa diiguuf yaaluu, biyya haaluu, humna Tigraay deeggaruu’’ kan jedhuufi kaan akka hammatu dubbatu maatii miseensoota kunneenii.
Dhalattoonni Tigraayiifi miseensoonni raayyaa biyyattii duraanii amma manneen hidhaa garaa garaa keessatti argaman kunneenis, ‘‘biyyi osoo tajaajilaa jirruu nu haalte’’ jechuun akka gaddaa jiran kaasu.
Mootummaan federaalaa dhimmasaanii haalaa akka hin ilaalle, dureewwan TPLF fi bulchiinsi Tigraayis mootummaa jidduugalaa waliin dubbate furmaata kennuuf akka hindandeenye kaasuun komii dhiyeessu.
Namni gara biraa maqaansaanii akka dhahamu hin barbaanne, obboleessi saanii sadarkaa koloneelaarra turan haaluma walfakkaatuun hidahamu BBCtti himan.
Himannaa obboleessa isaanii irratti banameen ragaan homaatuu waan hin argamneef, manni murtii baatii torbaan booda himannaan isaanii akka cufamu murteessu dubbatu.
Haata’u malee, ‘‘sababii dhimmmisaanii mana murti waraanaatiin ilaalama’’ jedhamuun osoo hin hiikamiin hafuu, kaansaanii gara Xollaay, kan hafan ammo gara Taaxaqiitti geeffaman jechuun haala umamee dubbatu.
‘‘Achinis daanyaa, abbookaatoo fi abbaan alangaa raayyaa irraa ramadameef, dhaddacha waraanaatiin hidhaan waggootaaf itti murtaa’e. Isaan booda ammoo gara maneen hidhaa siviiliitti bittinfaman. Kaan Qaalliittii, Finfinnee, kaan ammo Showaa Roobiiti, Hawaasaa fi eddoowwan gara biraatti geeffaman. Ammas dararamaa jiru’’ jechuun BBCtti himan.
Hidhamtoonni Finfinneetti argaman kanneen kutaalee biyyattii kaan irratti argaman irraa fooyyeerratti akka argaman dubbatan.
‘‘Kanneen Finfinneetti argaman carraa fooyyee qabu. Kanneen fageenyatti hidhaman garuu maatiin isaan gaafatu homtuu hin jiru. Eessa akka jiran illeen sirnaan waan hin beekamneef lubbuun jiraachusaaniiyyuu sirnaan dubbachun hin danda’amu’’ jedhan.
Marii nagaa waraana cimaa waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin xumuruudhaaf Afriikaa Kibbaa Piritooriyaatti erga waliigalteen nagaa mallattaa’en booda waggaa tokkofi baatii sadii ol ta’eera.
Waligaltichi waraanicha dhaabuun alatti, dhalattoota Tigraay fi miseensoonni raayyaa biyyaa fi humnoota nageenyaa hidhaarratti argamaniif abdii kennee ture.
Maatiiwwan miseensoota raayyaa sadarkaa olaanaa BBCn dubbisa, nagaan bu’uusaatti kanneen hidhaman ‘bilisaan akka gadhiifaman’’ eegaa akka turan dubbatu.
Waliigaltee Piritooriyaan booda, himannaan dureewwan TPLF fi miseensoota Tigraay irratti banamee ture adda citeera. Hidhamtoonni himannaan isaanii adda hin cinnees gadhiifamaniiru.
Garuu ammoo, hedduun mana hidhaa keessaa amma gadhiifaman jechuun eeggatan illeen dhimmisaanii kan ilaalu dhabu dubbatu maatiin.
Namni obbooleessi isaanii jalaa hidhame gamasaanitiin, obboleessa isaanii dabalatee dhalattoonni Tigraay miseensoonni raayyaa ittisaa duraanii fi miseensoonni nageenyaa 5,000 ta’an guutuu biyyattii keessatti mootummaa federaalaatiin hidhamanii akka jiran odeeffannoo akka qaban ibsu.
Haata’u malee BBCn addatti manneen sirreessaa federaalaafi naannoolee irraa miseensoonni raayyaa duraanii fi dhalattoonni Tigraay mana hidhaatti argaman meeqa akka ta’e hin mirkanneeffanne.
Abbookaatoonsaanii maal jedhu?
Oggeessi seeraa Obbo Haabtoom Kassata garee oggeessoota seeraa hayyama mataasaanitiin, dhimma dhalattoota Tigraay ‘sababbii eenyummaa keenyaatiin nutti murtaa’e’ jedhanii hordoofan qindeessa.
Abbookaatoon kun BBCtti akka dubbataniitti, hundisaaniitu kan himataman, ‘‘yakka biyya haaluu’’ jedhuun ta’ufi adeemsi dhaddacha waraanaa haqa qabeessa akka hin taane akkasumas himatamtoonni abbookaatoo mataasaanii akka hin arganne dhorkamusanii ibsu.
Mootummaan ofii abbookaatoo ittisaa kan dhaabeef yoo ta’u, abbookaatoosaanii akka wal hin agarree dhorkamuun dhimmisaanii akka ilaalame dubbatan.
Adeemsa murteetiin boodas, ol iyyachuuf carraa kan argatan muraasa qofaa ta’u dubbatu. Kanneen murteen du’aa gara hidhaa umurii guutuutti geeddarameef jiraachus himan.
Obbo Haabtoomiifi abookaatoowwan kaan, himannichaafi dhaddachi haqa qabeesa ta’u dhabuu waan arganiif ture ol iyyannaa gara mana murti ijibbaataatti kan fudhatan.
Adeemsicha ilaalchisee dhimmicha gara ijibbaataatti yeroo geessanitti waliigalteen Piritoriyaa akka hin mallattoofnee yaadachuun, murteewwan tokko tokko yoo mana murti ijibaataatiin haqaman, kaan ammooo kan ijibaataaf dhiyaatan miti jedhamuun deebiifamanii ture jedhan.
‘‘Kaan ammoo dhimmisaanii akka ilaalamuuf gaafachuu wayita eegalaniitti, deerektarootiin haqa raayyaa koppiiwwan himannaa fi murtee kennuuf hayyamamaa hin turre,’’ jechuun rakkoo isaan mudate dubbatu abbookaatoon kun.
Adeemsa murtee sana boodas waliigalteen Piritoriyaa hojiirra oolfamullleen, dhalattoonni Tigraay miseensa raayyaa ittisa biyyaa hidhaan waggootaafi umurii guutuuf itti murtaa’e manneenuma hidhaatti argamu.
‘‘Dhimmisaanii kan waraana Tigraayiin wal qabatu waan ta’ef, kan waliigaltee Piritoriyaatiin wal qabateedha. Balleessaa qabdu waan jedhamaniif maqaa haqaatiin hidhaarratti argamu. Garuu ammooo mootummaan federaalaafi naannoo waliin dubbachuun hiikuu qaba ture,’’ jedhu.
Yeroo ammaatti gara adeemsa haqaatti deebii’anii deemuuf carraa baayyee xiqqaadha kan jedhan qindeessaan abbookaatoota kun, ‘‘carraan amma jiru tokkichi akka adeemsa dhiifama gochu addaatiin akka hiikaman gochuudha’’ jechuun itti aansee adeemsa jiru ibsu.
Dura taa’aa koree dhimma kanaaf hundeeffamee kan turen, itti gaafatamaa Biiroo Haqa naannichaafi daareektara Insititiyuutii Seera Federaalaa kan turan Obbo Tasfaalam Yihidagoo, Pirezidantiin yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaacho Raddaa, dhimmicharratti qaama dhimmisaa ilaalatu waliin mari’ataniiru jechuun BBCtti himan.
Biyyattiitti maneen hidhaa garaagaraa keessatti dhalatoonni Tigraay miseensa raayyaa ittisaa duraanii kumaatamaan lakkaa’aman hidhaarratti akka argaman kan kaasan Obbo Tasfaalam, haala waliigaltee Piritoriyaatti mootummaa federaalaa, ministeera Haqaa fi Ministeera Raayyaa waliin irra deddeebiin haasoofneera’’ jedhan.
Walitti dhufeenya kana hordofuunis muraasni gadi dhiifamuu kaasuun, ‘‘kan hafan ammo sababii mootummaa federaalaatiin dhimmisaanii harkifateera. Sababiiwwan adda addaatiin dhimmasaanii nuuf xumuruu hin dandenye’’ jedhan.
Dhimmichi to’annoo naannichaatiin ala ta’uu kaasuun, ‘‘dhimmi falmii keenya guddaan waliigaltee taasifameedha malee dhimma harka keenya jiru miti. Dhimma aangoo mootummaa federaalaa keessatti argamuudha.’’
Kana malees karaa ministeera haqaatiin adeemsi kenniinsa dhiifama sirreefamtootaaf eegalamulleen, sababiiwwan garaa garaatiin osoo hojiirra hin oolfamiin hafuu Obbo Tasfaalam BBC Tigrinyaatti himaniiru.
‘‘Pireezidant Geetaachoof gabaasa dhiyeessineera. Sababiinsaas aanga’oota olaanoo mootummaa federaalaa waliin waan dubbataniif. Dhimmichi waliigaltee qaamoolee lamaanii ta’ulleen, qaamni murteessaan garuu mootummaa federaalaati.
‘‘Haala waliigaltichaatiin dhimmi namoota hidhaman kanneenii marii siyaasaa keessatti hammatu qabaata ture. Waliigaltichi qaamoota lamaanu ni fayyada jedhamee ture. Dhimma kanarratti garuu waliitti dhufeenyi jiru kan komii dhiyeessuufi komii dhagahuuti.
Kanaafu wayitan mariif deemuu akka marii’ataatti osoo hin taane akka nama komii dhiyeessuutti’’ jechuun miirsaanii ibsu.
Dhimma kanatti dhuma gochuufis furmaata siyaasaa qofaan kan barbaachisu ta’u fi kana gochuu kan danda’u ammo keessattuu mootummaa jidduugalaa ta’u cimsuun dubbatan.
BBCnis dhimma kanarratti deebii Ministira Haqaafi Raayyaa Ittisa biyyaalessaa argachuuf yaaliin karaa bilbilaafi imeelitiin taasise hin milkoofnee.
**Nageenyaaf jecha maqaan namoota dubbifnee jijjirameera.












