Bulchiinsi yeroo Tigraay hanga ammaa maal milkeesse? Danqaaleen mudataa jiran hoo maal fa’i?

Waliigalteen nagaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti mallattaa'e waraanni Kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatu taasiseera.
Waliigaltee nagaa taasifamee waraana du'a lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'amaniitiif sababa ta'e dhaabuun alaattis, bulchiinsi naannoo Tigraay diigamee ture akka haaraatti akka hundeeffamu dandeessiseera.
Haaluma waliigaltee qaamoolee lamaaniitiin filannoon duraan naannoo Tigraayitti gaggeeffamee ture haqamuun, filannoon biraa hanga naannichatti gaggeeffamutti mootummaan yeroo akka hundaa’u murtaa'e.
Mootummaa Itoophiyaa wajjin waraana keessa kan tureefi erga araarri bu’ees mootummaa yeroo naannoo Tigraay keessatti hundeessuu keessattis teessuma olaanaa kan qabate TPLF ture.
Haata'u malee, hundeeffama mootummaa yeroo akkasumas qophii sanadaa irraa eegalee, gaaffiileen hirmaachisummaa fi walabummaa paartilee mormitoota Tigraayii irraa mudateera.
Paartileen siyaasaa mormitootaa Tigraay koree qindeessituu hundeeffama mootummaa yerootiin kan TPLF qofaasaa hundeesse jechuun akka hin fudhannee kaasuun, mariiwwan ummataa irrattis osoo hin hirmaatiin hafuunsaanii ni yaadatama.
Naannichatti mootummaa hunda hammatu hundeessuuf kan baatiiwwan itti fudhatee ture yoo ta'u, paartiileen akka Saalsaayi Wayyaane Tigraay, Dhaabbata Bilisummaa Tigraay akkasumas Paartii Biyyaaleessa Baayitoo Abbaay adeemsicha mormuun keessaa of baasan.
Gaggeessaa TPLF kan ta’an Dabratsiyoon pirezidaantii mootummaa yeroo akka ta’aniif TPLF filatee turus, mootummaa federaalaatiin fudhatama akka hin argannee xinxaltoonni yeroos BBCn dubbise ibsanii ture.
Mootummaan federaalaa “hooggansa haaraa fidaa” jechuunsaatti dhaabicha keessatti walqoodiinsi siyaasaa mudachuu fi harkiffachuuf sababii akka ta'e xinxaltoonni kunneen dubbatanii ture.
Filannoo paartichi irra deebiin gaggeesseen, Obbo Getaachoo Raddaa sagalee tokko qofaan morkataasaanii Dabratsiyoon (PhD) caaluun Bitooteessa 23, 2023 pirezidaantii mootummaa yeroo Tigraay ta’uun filaman.
Obbo Geetaachoon erga aangoo bulchiinsa yeroo qabataniin booda, ''daangaalee Tigraay akka deebifaman akkasumas namoota buqqa’an yeroo gabaabaa keessatti gara qe'eesaaniitti'' deebiisuuf akka hojjatan ibsanii ture.
Haata’u garuu, waliigalteen Piritooriyaa hojiirra oolmaa irratti boodatti harkifataa akka jiru torbee darbe keessa miidiyaalee naannichaatti kan dubbatan Obbo Geetaachoon, mootummaan isaaniis naannicha keessatti fudhatama akka hin arganne dubbatan.
Ofii bulchiinsi yeroo Tigraay baatiiwwan jahan keessa maal hojjate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Hayiluu Kabbadaa paartii Saalsaawwii Wayyaanee Tigraayitti itti gaafatamaa dhimma alaati.
Paartinsaanii mootummaan yeroo Tigraay gaafa hundeeffamu TPLFdhaan kan dhuunfatameedha, paartilee biroof iddoo hin laanne jechuun keessaa akka hafe BBCtti himan.
Bulchiinsi yeroo Obbo Getaachoo Raddaan hogganamus “homaa hin milkeessine,” jedhu.
“Mootummaan tokko kan cehuumsas haa ta’uu dhaabbataan, itti gaafatamummaan isaa inni duraa nageenyaafi tasgabbii uummataa eeguu ykn aangoo seeraan kennameef hojiitti hiikudha. Hojiin jalqabaa walabummaa [daangaa Tigraay] deebisuudha akkasumas nageenyafi tasgabbii naannichaa eegudha.”
“Shiftoonni bosonaa horii namaa hatanii qalatu. Shiftaan magaalaa ammoo konkolaataa gabatee hin qabneen nama saamaa, ajjeessaa jiru,” jechuun bulchiinsi yeroo hojii akka hin hojjanne kaasu.
Noorweey, Yuunivarsiitii Oslootti pirofeesara qorannoo nageenyafi walitti bu’iinsaa akkasumas siyaasa Baha Afrikaa itti dhiyeenyan kan hordofan Shatil Tiroonvol, Bulchiinsi Yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan gaggeeffamu waliigalteen Piritooriyaa akka hin cabne gochuu keessatti gaheesaa akka baheti ragaa bahuuf.
“Milkaa’inni [bulchiinsi yeroo] argamsiise inni guddaan waliigalteen nagaa akka itti fufu gochuusaati. Walitti dhufeenyi mootummaa federaalafi bulchiinsa yeroo gidduu jiru gaarii ta’uusaarraa kan ka’e gara walitti bu’iinsatti hin deebine,” jechuun Finfinneefi Maqalee gidduu hariiron jiru gaarii ta’uusaa akka milkaa’inaatti kaasu.
Bulchiinsi Obbo Getaachoo Raddaa iddoowwan sababa waraanan humnoota Amaaraa jala jiran deebisuu dadhabuunsaa kaasun, garuummoo humna bulchiinsichaatin ol akka ta’e kaasu.
“Wantoonni akka raawwataman eegaman danuudha. Isaan keessaa tokko daangaa Tigraay bakka duriitti deebisuudha. Lixi Tigraayifi Raayyaa bakkeewwan muraasni Tigraay jala hin galle. Kun kufaatii bulchiinsa yeroo miti. Sababni isaa bakkeewwan kana deebisuun aangoo isaanii qofaan miti. Kanaaf furmaata barbaadun itti gaafatamummaa mootummaa federaalati,” jedhu Prof. Tiroonvol.
Torbee darbe Obbo Getaachoo Raddaa ibsa miidiyaaf kennaniin hojiirra oolman walii galtee Piritooriyaa boodatti harkifachuu ibsanii, bakkeewwan naannoo Amaaraa wajjin naaf malaa irratti wal-dhaban ilaalchisee naannoo Amaaraa wajjin waliigaluu akka hin dandeenyef dhimmicha mootummaan federaalaa akka furuuf waliigaluu himan.
Ministiirri Ittisaa Dr. Abrahaam Balaay ayyaana Ashandaa sababeeffachuun ergaa kanaan dura dabarsaniin Lixa Tigraayifi Raayyatti bulchiinsi seeran alaa hundaa’e diigamuun buqqaatonni gara qe’eesaanitti akka deebi’an ibsanii turan.
Obbo Hayiluu Kabbadaa ammoo bulchiinsi hojii milkaa’aa hin hojjanne jedhanii kan ittiin komatan keessaa tokko dhiyeessii deeggarsa namooman walqabatee bulchiinsi yeroo deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu gochuun lubbuu namootaa oolchuu akka hin dandeenye himu.
Yaada kana hamma tokko kan deeggaran Pirofeesar Tiroonvol dhimmi dhiyeessii deeggarsa namoomaas gahee mootummaa federaalafi qaamolee biroo akka ta’e dubbatu.
“Deeggarsa nyaataa hanga meeshaalee yaalaafi deeggarsa namoomaa itti fufsiisurratti bulchiinsi yeroo milkaa’aa miti. Kunis qophaasaa [bulchiinsi yeroo Tigraay] kan raawwatu miti,” jechuu mootummaan federaalafi dhaabbuleen idil-addunyaa hirmaachuu akka qaban himu.
Tigraayitti midhaan deeggarsa namoomaf ergame hatamuudhan wal-qabatee Dhaabbanni Nyaata Adunyaa (FAO), USAID fa’aa naannichatti deeggarsa gochuu dhaabunsaanii ni yaadatama.
Tarkaanfii dhaabbileen kun fudhatan hordofee Tigraayitti namoonni dhibbaan lakkaa’aman nyaata dhabuun himamaa ture.
Obbo Getaachon ibsa torbee darbe kennaniin, naannichatti dhuguma midhaan deeggarsaa kenname hatamuu mirkaneessun namoonni shakkaman heddus to’atamuu dubbatan.
Naannoo Tigraayitti nagaafi tasgabbii dhabuun dadhabina cimaa bulchiinsa yeroo akka ta’e kaasu Pirof. Tiroonvol.
“Halli nageenyaa Tigraay jiru baay’ee yaaddessaadha. Baadiyyaafi magaalota xixiqqoo qofa osoo hin taane, Maqaleettuu irra deddeebin argaa jirra. Dhiyeenyuma kana [dubartiin] Zawudii jedhamtu ajjeefamte kana kan mirkaneessudha.”
"Warri eegdotaan deemnuyyuu yaaddoo keessa jirra"
“Jiraattota Tigraayif kallattiin wabii nageenyaa kennuuf aangoo kan qabu bulchiinsa yerooti. Gama kanaan kufeera,” jedhan Pirof. Tiroonvol.
Obbo Getaachoo Raddaa gamasaanin naannichatti manneen hidhaa dhuunfaa bulchiinsi yeroo hin beekne akka jiran ibsuun, baqattoonni Ertiraa osoo hin hafin namoonni butamanii maallaqa kuma dhibbaan lakkaa’amu akka gaafataman mirkaneessan.
“Nuti warra eegdota qabna jennu dabalatee sababni nuti balaa keessa hin buunef hin jiru,” jechuun rakkoon naannicha keessa jiru yaaddessaa ta’uu kaasan.
Bulchiinsi Obbo Getaachoo Raddaa alaa qofa osoo hin taane, keessaallee TPLF irraa rakkoon akka mudataa jiru qeeqan Pirof. Tiroonvol.
Kana qofa osoo hin taane, namoota siyaasaa Tigraay gidduu “aangoo irratti wal-gaarreffannaan” akka jiru kan kaasan Tiroonvol, qaamoleen nageenyaa itti waamamni isaanii bulchiinsa yeroof qofa waan hin taanef haala jiru hammeessuu himu.
Bulchiinsi yeroo caasaa godinaa fi aanaa birattillee fudhatama dhabaa akka jiruufi bulchiinsa isaaniillee fudhatama dhabsiisuf kan hojjataa jiran akka jiran ibsanii turan Obbo Getaachon.
Qondaala paartii Saalsaawwii Wayyaanee Tigraay kan ta’an Obbo Hayiluu Kabbadaa garuu yaada kana hin fudhatan.
“Seeran aangoo harka 60 kan fudhate TPLFdha. Jeneraalonni deeggartoota TPLFti. Waldaalee sivikiifi beektotaas yoo ta’e TPLFdhaf kan looganiidha. Kanaaf mootummaan cehuumsaa Tigraay keessa jiru dhibbaan dhibbatti TPLFdha,” jechuun keessa gufuun mudataa jira kan jedhu akka hin fudhanne ibsu.
“Bulchiinsi yeroo [Tigraay] mindaa kaffalaa hin jiru; soorama kaffalaa hin jiru. Kanaaf, maal hojjate yoo naan jettan, deebiin koo ‘homaa!’ kan jedhuudha,” jedhu.
Waraanaaf biliyoonni 100 erga bahee, nagaaf ammas yoo bahe maal qaba?
Obbo Hayiluun akka jedhanitti mootummaan federaalaa bajata naannoo Tigraay guututti gadi lakkisuu dhabuun naannicha balaarra buusunsaa innis qaama rakkoo kanaa akka ta’e agarsiisa jedhu.
“Soorama kan kaffalu mootummaa federaalati. Namoonni soorama bahan maal godhan? Hojjattoonni mootummaa mindaa hin argatan. Waraanaaf biliyoona 100 baastee, nagaadhaf jecha biliyoona 10 baasuun akkamitti ulfaata?” jechuun gaafatu.
Bajanni waggaa tokkoo qofti gadi lakkifamuufii kan ibsan Obbo Getaachoon, yeroo ammaa naannicha keessaa humnoonni kanaan dura lolarratti hirmaataniifi kan hin gaggeeffamin kuma 270 ta'an naannichi sooraa akka jiruufi kanarraa ka'uun mindaa hojjattootaallee kaffaluu akka hin dandeenye dubbatanii turan.
Bulchiinsi yeroo Tigraay itti waamamnisaa mootummaa federaalaf akka ta'utti hundeeffamuunsaa naannicha bulchuufillee danqaa akka itti ta'e kaasu Pirof. Tiroonvol.
"Bulchiinsi yeroo fedhii uummata Tigraay agarsiisuf hanga danda'e dhama'aa jira," jedhu Tiroonvol.
Obbo Hayiluun garuu naannichatti siyaasni bu'uurarraa jijjiiramuu akka qabu amanu.












