Dhimmoota ijoo shan Obbo Getaachaw Raddaa ibsa kennaniin kaasan

Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan ta'an Obbo Getaachaw Raddaa Roobii miidiyaaleef ibsa kennaniin manneen hidhaa mootummaan hin beekne argamaniiru jedhan.
Obbo Getaachew ibsa isaanii kana keessatti iddoowwan gaaffiin abbummaa irratti ka'u akkasumas dhimmoota nageenyaafi siyaasaa naannicharratti gaaffiilee dhiyaataniif deebii kennaniiru.
Yaadota Obbo Getaachew kenna keessaa kanneen ijoon shan kunooti.
Gaaffii abbummaafi dhimma buqqaatotaa
Bulchaan yeroo naannichaa Obbo Getaachaw ''waraana Eertiraafi humnoota Amaaraa baasuun buqqaatota deebisuuf mootumaa federaalaa waliin dubbachaa jirra,'' jedhan.
Mootummaa Federaalaa waliin gaariis haa ta'u badaa, wal-amantaan jiraachuu baatullee, wal-amantaa jiru cimsaa adeemuun nageenya uumame sadarkaa olaanutti geessaaf hojjechaa jirra.
''Nagaan keenya osoo hin boora'iin, daangaa keenyaafi buqqaatota keenya gara duraan turanitti deebisuu qabna ejjennoo jedhuun hojjechaa jirra,'' jedhan.
Obbo Getaachaw haala qabatamaa jiru fayyadamuun karaa Tigraayiin daangaa lafaa fudhatame humnaan deebisiifna qaamoleen jedhan jiruu jechuun dubbatan.
''Humnaan deebisiisuun ni danda'ama. Haata'u malee, waliigaltee Piriitooriyaa hanqinoota isaa hedduu waliin erga fudhannee booda hawaasaa idila addunyaa fi mootummaa federaalaa biratti qaama waliigalticha diige jedhamnee akka hin ilaalamne of-eeggachuun ni babaachisa,'' jedhaniiru.
Gama Tigraayiin lafti Lixa Tigraay jedhamu gama Amaaraan ammoo Walqaayit Xagadee jedhamu qaamolee lamaaniin lafa gaaffiin abbummaa irratti ka'udha.
Lafti kun waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalachuu dura Naannoo Tigraay jaltti kan bulaa ture yoo ta'u, ergasii ammoo humnoota naannoo Amaara jala jira.
Obbo Getaachaw ibsa isaanii keessatti ''hundaa ol nageenya keenya haala hin booressineen qunnamtii eegalle jabeessa deemuu qabna,'' jedhan.
Itti-gaafatamummaa
Qaamooleen waraana Kaaba Itoophiyaa irratti hirmaatan hundi miidhaa sarbama mirga namoomaa, yakka waraanaa gituu danda’u irratti hirmaachu kanaan dura Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksisee ture.
Obbo Geetaachoon Tigraay keessatti qaamoleen yakkawwan miidhaa saal-quunnamtii waliin wal qabatan raawwatan ‘‘humnootii alaa mootummaa Itoophiyaatiin affeeramaniidha,’’ jedhan.
Itti dabaluunis, kanneen badiiwwan kanneen raawwatan adeemsi haqaa ragaadhaan deeggaree seeratti dhiyeessu jiraachuu qaba jedhan.
‘‘Bulchiinsi yeroo dhimmicha irra deddeebiin kan kaase yoo ta’u, mootummaan federaalaas ejjannoo kanaan adda ta’e hin qabu,’’ jedhan.
‘‘Beekamu kan qabaatu hojjataa kan jirru kanneen yakka raawwataniiru jedhaman waliinidha. Kanaaf, hanga itti gaafatamummaan hin mirkannoofneetti, isaan waliin hin hojjannu jechuu ammo hin dandeenyu,’’ jedhan.
Manneen hidhaa 'mootummaan hin beekne'
Obbo Geetaachaw ibsa kaleessa kennaniin, manneen hidhaa mootummaan naannichaa hin beekne jiru jedhaniiru.
‘‘Haala qorannoo Biiroon Haqaa Tigraay taasiseen, naannicha keessa manneen hidhaa mootummaan naannichaa hin beekne jiru.''
Kanaan walqabatees namoonni sarbama mirga namoomaa keessatti hirmaatan to’annoo jala oolchuu eegalu Obbo Geetaachaw beeksisaniiru.
Obbo Geetaachaw haguuggii qaamoolee mootummaati jedhuun namoonni karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsan gochaa yakka nama ukkaamsuun maallaqa fudhachuu naannicha keessatti raawwataa jiraachu ibsaniiru.
Gocha yakkaa kana qulqulleessuuf ''yeroo nu jalaa fudhateera'' kan jedhan Obbo Getaachaw, “boru irraa kaasee seeratti dhiyeessuu eegalla,'' jedhan.
Bulchiinsi yeroo naannichaa akkasumas humni poolisii naannichaa, akka tajaajiltoota namoota dhuunfaa hin taaneef caasaa gubbaatii hanga gadiitti hojiin ijaarsa deebisanii ijaaruu jalqabameera jedhaniiru.
Rakkoon nageenyaa naannicha keessatti mul’atus dadhabina siyaasa naannichaati kan jedhan Obbo Geetaachaw, namoonni dhuunfaa ijaaramanii kufaatii Bulchiinsa Yeroo hawwan akka jiraniIs kaasaniiru.
Namoonni meeshaalee waraanaa Tigraayi- Baahir Daaritti, Dasee fi Samaraatti dadabarsan jiraachuus dubbatan.
Naannichatti yakki hannaa baayyee babal'atee akka argamus dabaluun himaniiru.
Namoonni midhaan gargaarsaa hataniiru jedhaman 480'nis to’annoo jala oolfamuu dubbatan.
Hiriira paartilee mormituun waamame
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paartileen naannoo Tigraay keessa socho'an sadii har‘a Hagayya 7, 2023 irraa eegalee guyyoota sadiif hiriira mormiitiif waamicha taasisanii ture.
Haata’u malee hiriirri Tigraayitti jijjiramni siyaasaa akka ta’uuf gaafatu kun akka hin gaggeeffamneef poolisiin humnaan namoota bittinseera.
Sababiin ijoon hiriirri mormuu paartiileen siyaasaa waaman kun kan ittin dhorkameef, rakkoo nageenyaa Maqalee keessa jiru ta’u Obbo Getaachoon kan ibsan yoo ta’u, isaan alattis paartiileen siyaasaa bu’uura seeraa akka hin qabne kaasaniiru.
Kana ilaalchisuun ibsa Hagayya 6, 2023 kennaniin, “hiriira nagaa hayyamuu ykn dhorku wanti jedhamu akka hin jirre hooggantoota paartilee waliin waliigalleerra. Ta’es iddoo hiriirichaa murteessuun gahee paartilee miti,'' jedhan.
“Bu’uura seeraa isaanii gama ilaallattuun mormii keessa akka hin seenneef dhiifne malee, paartiileen kunneen seera boordii filannoo amma jiruutiin walgahiin galma keessaa waamuun alatti hiriira adabaabaayii waamuudhaa mirga hin qaban,'' jedhaniiru.
Obbo Getaachoon haala nageenyaa Maqalee keessa jiruu yoo dubbatan, “kuusaa fandii naannoolee ollaa irraa seenetu jira.
''Namoonni waraqaa bittinsuu keessatti hirmaatan to’atamaniiru. Erga poolisii waliin dubbanneen booda kan hiikaman jiru. Hiriira guyyaa sadii wanti jedhamu hin jiru, yoo okkoraaf ta’een alatti,'' jedhaniiru.
"Carrichatti fayyadamuun Tigraay gara hokkoraatti deebisuuf ajandaa qabatanii kanneen socho’an jiru. Kanaaf ragaa qabatamaa qabna. Hooggantoota paartilee siyaasaa miti,'' jechuun dubbatan.
Qormaata bulchiinsa yeroo
Obbo Getaachaw bulchiinsi isaan hoogganan godinaafi aanaa hundatti caasaa isaa bal’isuu akka hin dandeenye ibsan.
Kuni akka ta’u hooggantoonni sosso’an jiru jechuun himatan.
Caasaan aanaafi caasaan bulchiinsaa gara gadii jiran qaama caasaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay akka hin taane warraaqsi ijaarame akka jiru ifatti dubbatan.
Kunis, hariiroo bulchiinsa mootummaa federaalaa waliin qaban irratti danqaa akka itti uumaa jiru ibsani.
Mootummaan federaalaa ‘’Maqalee dabalatee godinootaafi aanaatti caasaa yoo hin ijaarre bulchiinsa yeroo waliin haala guutuu ta’en hariiroo itti fufuun hin danda’amu jechaa jira,’’ jedhan.
‘’Sochiin godinaafi aanaalee bulchiinsi Yeroo Tigraay bulchuu hin qabu jedhu karaa kamiinuu dhaabachuu qaba,’’ jechuun dubbatan.
Gama kaaniin, Obbo Getaachaw bulchiinsi isaanii marsaa duraan bajata birrii biiliyoona sadii mootummaa federaalaa irraa fudhachuu ibsan.
‘’Kana keessaa hojjettoota siviliif kan kanfalle miindaa baatii afur qofaadha. Sababni isaa hojjettoota siviliif osoo hin baasin loltoota kuma 270 oliif soorata dhiheessuu waan nurra jiruuf ture,’’ jedhan.












