Tigraayiitti humnoonni nageenyaa dargaggoo tokko reebuun ajjeessuun ibsame

Naannoo Tigraay Godina Kaaba-lixaa, Aanaa Tsimbilaa jedhamutti qonnaan bulaan umuriinsaa 35 ta’e tokko humnoota nageenyaatiin reebamuun ajjeeffamuu maatiin BBCtti himan.
Aanaa Tsimbilaatti jiraataa ollaa Zanaaqulee kan turan Obbo Hayilee Ayaalnah reebichaan lubbuunsaa kan darbe erga daldala meeshaa waraanaatiin shakkamuun to’annoo jala oolfameen booda.
Humnootiin nageenyaa aanichaa dargaggoo hojii qonnaa irratti bobba’ee ture kun daldala meeshaa waraanaatiin shakkuun to’annoo jala haa oolchan malee, daldala jedhamerratti bobba’usaa ragaan agarsiisuu akka irratti hin argamne miseensi maatii nama kanaa BBC Tigrinyaatti hime.
Obboleessa nama ajjeeffame kanaa kan ta‘e Bariihu Ayaalnah obbooleessi isaa to’annaa jala kan oolfame eeruu nama reebichaan jecha isaa kenneen ta’uu BBCtti himeera.
‘‘Hidhattoonni Aanaa Tsimbilaa nama shugguxii gurguuruudhaan shakkan erga to’annoo jala oolchanii booda reebuudhaan Hayilee Ayaalnah eeree. Isaan booda ammoo humnootiin nageenyaa Hayiileen shugguxii gurguraa akka ture akka amanuuf humnaan ol reebuudhaan lubbuunsaa derbe,’’ jedha.
Hayileen erga humnoota nageenyaatiin reebiichi olaanaan irratti raawwatameen booda sababii lubbuunsaa battalatti keessaa hin baaneef maatiinsaa gara wallaansaatti geessanii turan.
Haata’u malee, reebiichi irratti raawwate olaanaa ta’usaatti osoo wallaansa bira hin qaqqabiin daandiirratti lubbuunsaa keessaa baheera.
Miseensoonni maatii haalicha ittigaafatamtoota aanichaatti kan beeksisan yoo ta’u, poolisiin aanichaa qorannoodhaaf reeffasaa gara Maqalee, Hospitaala Ayiidariitti erga ergeen booda bu’aasaa eeggataa akka jiran beekamuun danda’ameera.
Dhimmicha ilaalchisee BBC waajjira poolisii Aanaa Tsimbilaa gaaffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Obboleessi nama ajjeeffame kanaa akka jedhaniitti, Ayileen to’annoo jala kan oolfame osoo bakka qonnaatii aramaa armaa jiruu akka ta’e ibsan.
‘‘Osoo aramaa aramuu fudhatan. … Hiiksiisuudhaaf birrii 50,000 gaafatamne turre,’’ jedhan. ‘‘Obboleessi keenya ajjeeffameera, haalli ajjeechaasaas baayyee nama gaddisiisa. Kanaaf, adeemsi isaa qoratamuu qaba,’’ jedhan miseensi maatii nama ajjeeffamee Obbo Daanyawu Tasfaay.

Maatiin nama du’e kanaas sababii du’a Ayilee hakiima irraa gabaasa ifatti argachuu baatanilleen, reeffa isaa hospitaala Ayidarii fuudhuun gara bakka dhalootasaatti geeffameera.
Wal waraansa Kaaba Itoophiyaatti wagga lamaaf tureerraa bayyanataa kan jirtuu naannoon Tigraay, daldala meeshaa waraanaafi rakkoon nageenyaa olaanaan akka jiru bulchaan naannichaa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa torban darbe ibsa yeroo kennan dubbachunsaanii ni yaadatama.
Obbo Geetaachoo Raddaa Roobii Haggayya 6, 2023 ibsa kennanii, namoonni meeshaaleen waraanaa Tigraay- Baahir Daar, Dasseedhaa hanga Samaraatti daddabarsan jiraachusaanii ibsanii, naannichatti yakki hannaas garmalee babal’atee akka jiru dubbataniiru.












