TPLF kan rakkoon hoggansaa mudachuu ibsu maaliif dureewwansaa jijjiiruu dadhabe?

Madda suuraa, TPLFOFFICIAL1967/FB
Erga hundeeffamee waggaa 50 kan lakkoofsiise Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) riphee loltummaa hanga mootummaa naannoo fi kan federaalaa dursuutii gara lola hidhannootti deebii’uuf dirqamee ture.
Waliigaltee Piritoriyaatiin booda ammoo naannoo Tigraay keessatti olaantummaa qabachuun siyaasa Itoophiyaa keessatti irra deebiin eddo argachuuf yaalii taasisaa jira.
TPLF waraanaa Tigraay waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamuun badii lubbuu lammiilee kuma dhibbaa fi qabeenyaa hedduuf madda ta’eefi haala itti furame irratti qeeqamaa jira.
Komishiinii To’annoo Paartichaa rakkoon hoggansa tarsimoo isa mudachuu irra deddebiin yoo ibsu dhagahama.
Paartichis rakkoo hooggansaa isaan mudate kana furuudhaaf jecha miseensoosa koree hojii raawwachiiftuu hojiirratti argaman shan miseensoota kooree jidduugalaa, ajajoota waraanaa fi qondaaltoota paarticha duraan gaggeeffaman walitti qabuun baatii lamaa oliif karra cufatanii marii aggeessaa turan.
TPLF rakkoo keessoo akkanaa yoo mudatu kun kan jalqabaa miti. Erga hundeeffama isaatii kaasee yeroo garaagaraatti rakkooleen hoggansaa fi danqaaleen isa mudachuunsaa ni yaadatama.
Rakkoo TPLF jalqabaa jedhamee kan eeramu kan paartiichi hundeeffamee waggaa tokkooffaa isaa keessatti mudate ‘‘bittinnaa’uu’’ (kan Afaan Tigriffaatiin hinfashifish) jedhamuun beekamuu fi qoodina hoggansa jidduuttu mudatee turedha.
Haalli yeroos rakkoon sun ittiin furame kan dimookraatawa hin turreefi godaannisa dhiisee kan darbe ta’u hedduun ni dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa ALI bara 1977 keessa TPLF’tti mudatee tures ammoo, hundeessitootaa fi hoggantoota paartichaa kan turan; Argaawii Barheefi Gidaay Zaratsiyoon akka biyyaa bahan taasise.
Qoodiinsi gara biraa ammoo kan ALI bara 1993tti paarticha keessatti mudate yoo ta’u, caasaa siyaasa paartichaa fi keessattuu naannoo Tigraay keessatti kisaaraa olaanaa akka qaqabsiise amanama.
Garee MM Itoophiyaa duraanii Obbo Mallas Zeenaawiin durfamus, yero sanatti pirezidantii naannoo Tigraay kan turan Obbo Gabruu Asiraatiifi miseensa koree hojii raawwachiiftuu kan turan Siyyee Abrihaa fi Aaddee Aragash Adaan aangoorraa kaasuun ofiin aangoo paartichaafi naannichaa qabatanii itti fufan.
Haata’u malee, aangoorraa kaafamuun namoota kanneenis qofaan hin daangeeffamne ture.
Garaa garummaa umameen wal qabatees Itaamaashuur Shumii fi ajajaa Olaanaan Raayyaa Ittisa biyyattii yeroo sanaa kan turan Janaraal Tsaadqaan Gabratansaa’ii fi Ajajaan Humna Qilleensaa yeroosii, Janaraal Abbabbaa Taklaayimaanooti aangoorraa kaafaman.
Kana malees kanneen garee hari’atamee kanneen ni deeggaruu jedhaman hedduunis aangoo mootummaa keessaa gaggeeffaman.
Seenaa paartichaa keessatti rakkoo cimaan paarticha mudate ammoo jijjirama hooggansaa bara ALI 2020 ta’eedha.
Paartichi xinxala guyyoota kudhaniif taasiseen hoggansi paartiichaa ‘‘farra-dimokiraasummaa’’ fi ‘‘garee uummachuudhaan’’ himachuun, du’a Mallas Zeenaawiin booda hogganaa TPLF kan turan Abaay Wolduu miseesmsa kooree hojii raawwachiistuu irraa kaasuun gara miseensa koree jidduugalaatti gadi buusan.
Akkasumas miseensa paartichaa kan turan Azeeb Masfiin aangoorra kaasuun paarticha keessa ari’ate. Bayyana Makuraa ammoo koree hojii raawwachiiftuufi koree jidduugalaa keessas ari’aman.
Yeroo sana tura Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el kan dura taa’aa paartichaafi pirezidantii yeroo naannichaa ta’un kan mudaman. Aaddee Fatilawarqi Gabraigzaabeer ammo ittiaantu ta’un muudaman.
Haata’u malee, waldhabdee TPLF fi mootummaa federaalaa jidduutti mudateen, filannoon TPLF naannichatti gaggeeffame ture seeraan ala jedhamuun balaaleeffame.
Muddamni TPLF fi mootummaa federaalaa jidduu ture cimuunis booda Sadaasa 4, 2020 waraannii naannichatti eegale.
Hoggantoonni TPLF fi miseensoonni PTLF duraanii hedduunis gara bara dargaggummaasaanii kan itti dabarsan gammoojjiitti deebii’uuf dirqaman.
Dhalattoonni naannichaa garuu ilaalchisa siyaasaa adda addaa qabanis humna waraanaa Humna Ittisa Tigraay (TDF) hundeessuudhaan mootummaa federaalaafi humnoota isa waliin hiriiranii lolan waliin baatiiwwan saddeetiif wal lolaa turan.
Waraana baatii saddeetiin boodas debisanii irra caalaa naannichaafi magaala guddoo naannichaa Maqalee to’atan. TPLF’s ‘‘mootummaan ummanni filate gara aangoosaatti deebii’eera’’ jechuun labse.
Waraanaa cimaa wagga lamaatiin boodas waliigaltee waraanaa dhaabuu waliin mallatteessuun bulchiinsi yeroo minseensoonni TPLF keessatti hedduummatan hundeeffame.Bulchiinsa yeroo Geetaachoo Raddaatiin durfamuufi TPLF jidduu garaagarummaa jiraachu irra dedeebiin gabaafamaa ture.
Komishiinii jidduugala paartiichaas dhabiinsa ‘‘hoggansa gahumsa qabuutiin’’ dhaabichi kufuuf akka jiru ibsaa ture.
TPLF’s rakkoo hooggansaa paarticha mudate kana furuudhaaf baatii lamaa oliif waligahii cufaa gaggeessaa ture.
Walgahiin guyyoota hedduudhaaf gaggeeffame kun xumuramu jalqaba torban kanaa ibsamulleen jijjiramni hoggansa paartichaarratti taasifame akka hin jirre himama.
TPLF maaliif jijjirama hoggansaa taasisuu dadhabe?
Gabra Madihiin Gabramikaa’el, Yunivarsitii Maqaleetti barsiisaa kutaa Qorannoo Tarsiimoo Saayinsiifi qorataa kan ta’an, rakkoon hoggansa TPLF kun kan waggoota dheeraaf itti fufe ta’uu kaasuudhaan, paarticha fudhatamaa taasisuudhaaf amantaan paartiichaa dhugaan kanaa? gaaffii jedhu kaasu.
‘‘TPLF rakkoon hoggansaa isa mudateera. Amma qofa osoo hin taane, tureera. Haala kanaan erga of gamaaggamee waggooti lakkaa’amaniiru. Akkas taanaan hoggansi burqaa rakkoo tahe, hoggansa tarsiimawaa jedhe kan waamu irratti jijjiramni dhufa jettee yaaddaa ?
Sababiinsaas ‘‘rakkoon qaba’’ jedhee kan amanaa jiru ala dhibbaan waan irra jiruufi irra deddeebiin qeeqni waan irra gahuuf isa tasgabbeessuuf malee dhugumaan itti amaneeti? Haala kanaan of sakatta’uufi qabsaa’uuf kutataa dhawoo? Gaaffi jedhu kan kaasu dha.
Hogganoota rakkoo qabaniifi dadhabbiisaa geeddaruuf qabsoo dhugaafi qajeelummaarratti hundaa’ee gatii hin qabneefi,’’ jechuun hubachiisu.
Hogganoota keessaa dandeettiin as bahee namni mul’atuufi dhageettii qabu jiraachuu dhabuun akka sababa biraatti eeru.
‘‘Hundinuu hanqinaa sadarkaa wal-fakkaataarra jiru. Kufaatii kan tokkoof lamaa miti. Kan dhaabaa, tarsiimoo fi hoggansaati. Namni dhuunfaa fooyya’aa tahee mul’atu hin jiru. Eenyu eenyurra wayya? Eenyutu bahuu danda’a? Waan jedhutu jira. Anis akkasumattin amana,’’ jedhaniiru.
Kanaan dura siyaasa keessatti hirmaannaa kan qaban yeroo ammaatti ammoo siyaasa Naannoo Tigraayi kan hordofaniifi xiinxalan Yunivarsiitii Addigiraatitti barsiisaaa kan tahan Abirahaa Takiluu yaada kanaa wajjin wal-fakkaatu qabu.
‘‘TPLF hamma ministirri mummee duraanii Mallas Zenaawwii lubbudhaan turanitti rakkoo mudatu gahumsa qajeelfamaan ilaaluu qabu ture. Dhimmi tokko gaafa uumamu sadarkaa yaadaatti dha kan isaan ilaalan.
‘‘Maaltu mudate? Maaliif mudate? Sadarkaa addunyaafi biyyoota naannoottillee haalichaafi of ilaaluu yaalu.
‘‘Hogganni amma jiru qooda hojii kutaa uummataa garee qabu dha.
Kutaan uummataa kuni yoo danda’e yaada jiru raawwachiisa, kan hin dandeenye ammoo karaa farra-dimookiraasii fayyadamuun raawwachiisa.
Gareen shoorrisaa kana ture carraa tokkoofi kaaniin gara aangootti dhufeera. Kanaaf sadarkaa yaadaatti wal morkachaa hin jiran. Jijjiirama hoggansaa kaniin fidnee wal-nyaachaa waan jiraniifi kuni ammoo gara wal-shakkuutti geessee,’’ jedhan.
Barsiisaa Abirahaa gidduugaltummaa alaa rakkoo biraa tahuu akka malu ibsu.
‘‘Paartiin kuni birqabaan rakkoosaa haala cufaa taheen aadaa furachuu qaba.
Har’a garuu icciitii dhoksuun hin danda’amu. Odeeffannoon yeroo yerootti baha. Haaluma kanaan alaa haala jiru hammeessuuf qaama barbaaduun jeequmsi akka jiraatu, tasgabbiin akka hin jiraanne carraan gochuu bal’aa dha,’’ jechuun hubachiisu.
Amala TPLF rakkoosaa mariifi gamaaggamaan hiikuusaa kan dinqisiifatan jiraatanillee paarticha keessa adeemsi gareen wal-qooduu garuu jijjiirama dhugaa akka hin fidneef gufuu taheera.
Yeroo ammaatti paartichi haala wal-fakkaataan gareedhaan wal-qoodee qabsoo yaadaa keessaa bahee quba walitti qabuufi wal-himachuu irra akka jiru odeeffannoowwan agarsiisan hogganoota olaanoo paartichaa irraa osoo hin hafiin dhagahamaa jiru.
Pirezidantiin yeroo Bulchiinsa Naannoo Tigraay Obbo Geetaachaw Raddaa wal-tajjii uummataa irratti argamuun yeroo dubbatanitti, yaa’ii ji’a lamaaf adeemsiseen dhimmoota ijoo jedhaman irratti akka hin marii’anneefi yeroo gamaaggamaattis hogganooti dhimmoota gara naannummaatti maqsaa turan akka jiran akeekaniiru.
Gama biraan hogganni TPLF duraanii Obbo Sibahaat Naggaa buufata TV Tigraay Miidiyaa Haawus waliin af-gaaffii taasisaniin hogganooti waraanaafi miseensoti hojii raawwachiiftuu paartichaa maqaa isaanii hin dhoofne, ''bakka buutota CIA’’ jechuun paarticha diiguuf shira hojjetu jechuun himataniiru.
Garaagarummaa yaadaa moo kan faayidaa?
Hayyuun Yunivarsiitii Maqalee Gabiramadihiin akka jedhanitti hogganoota paartichaa gidduutti gareen uumamu faayidaa irratti kan bu’uureffate dha.
''Ani faayidaarra darbanii yaadaafi dhimma uummataarra kan jiran natti hin fakkaatu. Inni kaan aangoorra turuuf inni kaaan immoo gara aangootti dhufuufi dha,’’ jechuun kaa’u.
Barsiisaa Abirahaam Takiluunis odeeffannoofi hubannaa wal-fakkaataa qabu.
''Faayidaa dha. Garee uummachuun kuni kanneen jijjiirama fudhataniifi hin fudhannetti kan ibsamu miti. Inni durii hoggansa isa haaraa gara fuulduratti akka hin dhufneef dhaabaa jira haasaan jedhamus dhugaarraa kan fagaate dha,’’ jedhu.
TPLF ibsa Amajji 22, 2016 ALI kenneen walgahiifi gamaaggama guyyoota 41f taasise akka xumure hime. ''Hoggansi tarsimawaa dadhabbina paartichaa ijoo tahuusaa akka hubatee hoggansa ittaanuuf jijjiirama akka godhu himeera.
Paartichaaf abbaa afuuraati kan jedhaman Sibaahaati Naggaa buufata TV’ichaa waliin haasaa taasisaniin, ''paartilee Sahaaraan gaditti jiran keessaa kan TPLF dorgomu hin jiru,’’ jechuun gaafa dubbatan dhagahamaniiru.
Hayyooti BBC’n dubbise lamaan garuu paartichi jijjiirama bu’uuraa hin taasisu taanaan jiraachuumtisaayyuu yeroo dhihootti goolabamuu mala jedhan.
Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa saayinsii siyaasaaafi qorannoo tarsimawaa kan tahan Gabiramadihiin Gabiramikaa’el, ''TPLF jabaatee as baha abdiin hineegu yeroo murtaa’eef turuunsaa hin oolu, sababiinsaas humni qophaa’e biraan waan hin jirreef. Akka paartiitti garuu aangoorra turee of jijjiiree sadarkaa fooyya’erra gaha jedhee hin amanu,’’ jedhan.
Barsiisaan Yuniavsriitii Addigiraatii fi xiinxalaan siyaasaa Abirahaam Takiluu gama isaaniin, ''paartiin jibbameefi tuffatame yoo jijjjiirama bu’uuraa fide fayyuu danda’a tilmaama jedhu qabu.
''Uummataaf jecha fedhii dhuunfaa isaanii dhiisanii wareegama kaffaluuf yoo qophii tahan of baraaruu danda’u,’’ jechuun yaada isaanii goolabaniiru.












