Walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa waliigaltee Piritooriyaan booda

Pir. Isaayaasiifi MM Abiy

Madda suuraa, PM Office

Itoophiyaafi Ertiraaf waggoonni 40’n darban bifa baayyeen ibsama. Biyya tokko ta’urraa gara lamaatti ce’an.

Lammiileen biyyoota lamaan dhiiga, aadaa, amantaafi kaan waliin qoddattanis wal waraanuun kumaatamni ittiin du’aniiru.

Kanaanis wal himatanii, waliigaltee nagaa waliin mallatteessanii, waggootaaf ija hamtuun wal ilaalaas turaniiru.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee garuu waan hedduun jijjiirame. Biyyoonni lamaan walitti dhufeenya nagaa eegalan.

MM Abiy jijjirama biyyasaanii keessatti fiduuf jecha tarkaanfii fudhachuu eegalaniifi keessattuu Ertiraa waliin nagaa buusuu isaaniitti badhaasa Nobeelii nagaa 100ffaa badhaafamaniiru.

Pirezidanti Isaayaas Afawarqiifi MM Abiy gara Asmaraafi Finfinneetti irra deddeebiin imaluun dowwannaa taasisaa turan.

Yeroo dowwannaan kunneen gaggeeffaman hundattis dureewwan kunneen dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lamaan irratti xiyyeeffachuun akka mari’atan duchaadhumatti himamaa ture.

Haata’u malee mariiwwan taasifamaniifi waliigalteewwan irra gahame ilaalchisee odeeffannoon hin kennamu.

Bu’uura waliitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga waliigalteen nagaan mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti mallattaa’ee kaasee biyyoonni warra lixaafi kaan yoo leellisan, maqaa Ertiraa garuu hanga ammaatti sarbama mirgootaan wal qabatee kaasaa jiru.

Pirezidanti Isaayyaas imalasaanii irra deddeebiin gara Finfinneetti taasisan erga dhaabanii yeroo dheeraa ta’eera.

Ertiraan daawwannaa Itoophiyaatti yeroo dhumaatiif kan taasifte Bitooteessa 2023 keessa jila garee qondaaltoota waraanaa fi aanga’oota tikaa Janaraala Abrihaa Kaasaatiin hogganameedha.

Ambaasaaddar Iwunatuu Bilaattaa Itoophiyaa bakka bu’uun Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaatti hojjataniiru.

Barsisummaa hanga ministirummaatti, achiis hanga dippilomaatiitti biyyasaanii kan tajaajilan Ambaasaadar Iwunatuun, walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa waraana kaabaatiin dura cimaa fakkaataa ture ammatti laafuutu irra mul’ata jedhan.

Walitti dhufeenyi biyyoota lamaan duraanis kan ‘‘akka tasaatti eegalame’’ ture kan jedhan Ambaasaaddar Iwunatuun, seeraan kan hin hidhamiin ta’uu akka rakkootti kaasu.

Walitti dhufeenyi Ertiraafi Itoophiyaa bu’uura cimaarratti kan dhaabbate miti kan jedhan ammoo, xinxalaa siyaasa baha Afriikaa fi jiraataan UK Obbo Abdurahmaan Sa’id Abu Hashiim.

Kanaafuu walitti dhufeenyichi kan hoggantoota lamaan jidduu jiruufi ‘‘dantaa lamaan argatan irratti hundaa’uun haaluma toluun kan kan itti fufamuudha’’ jedhan.

Akka Ambaasaadar Iwunatuun jedhanitti, walitti dhufeenyi hawaas-diinagdee akka jiraatuuf waliigaluun alatti, waliigaltee Aljeersi hojiirra oolchuun waliin hojjachuf waliigalanii ture. Garuu hojiirra hin oolfamne.

‘‘Kan biyyoota walabaa lama jidduutti waan raawwatamu hin fakkaanee fi karaa walitti dhufaa dhoksaa tureetiin waraana Tigraayiin wal deeggaruun hojjachuuf kan yaadan fakkaata,’’ jedhan.

Walitti dhufeenyi gama lachuu cimuu

Pirezidanti Isaayyaas waggoota 20 oliin booda yeroo jalqabaatiif Finfinnee kan dhufan Adoleessa 14, 2018 ture. Imalasaanii sanaanis imbaasii biyyasaanii cufamee ture saaqunsaanii walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaan jidduutti adda citee ture haaromfamuu kan mul’ise ture.

Pirezidanti Isaayyaas Finfinneen ala naannoolee biyyattii garagaraa keessattis imaluun dowwannaa taasisan.

Haaluma walfakkaattun MM Abiy Asmaraan alatti jiddugala leenjii loltoota Ertiraa Saawwaa jedhamu dabalatee naannoolee garagaraa keessatti dowwannaa taasisan.

Kana hordofunis Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajilasaa waggaa digdamaaf adda kutee ture deebisee gara Asmaraatti balali’uu eegale. Akkasumas daangaaleenis saaqamuun ummattoonni adda bahanii turan wal arguu danda’an.

Michummaa kanaanis wayita mootummaan Itoophiyaa humnoota TPLF waliin wal waraaneetti looltoonni Ertiraa mootummaa federaalaa maddii hiriiruun biyyattii keessa seenuun waraana irratti hirmaataniiru.

Deeggarsi mootummaa Ertiraa kun dhaabbilee idil-addunyaarra balaaleeffannaan mudatee ture. Gama Itoophiyaatiin ammoo MM Abiy deeggarsa loltoota Ertiraatiin waraana isaanitiif taasifame mana maree irratti ifatti beekkamtii kennuun galateeffataniiru.

Erga waliigalteen Pirtoriyaa waraana cimaa Kaaba biyyattii dhaabsiise mallattaa’een booda, humnootiin raayyaa ittisa Itoophiyaatiin ala ta’an Tigraay keessaa akka bahan murtaa’uu hordofee loltoonni Ertiraa eddoowwan hedduu keessaa bahun gabaafame.

Ta’us ammalleen loltoonni Ertiraa eddoowwan Tigraay tokko tokko keessa jiraachuunsaanii gama Tigraay ni dubbatama.

Walitti dhufeenyi hoggantoota lamaanii duraa ho’aa ture, keessattuu waraana kaabaatiin booda kan qabbanaa’e fakkaata.

MM Abiyiifi Pre. Isaayaas harka wal qabatanii

Madda suuraa, PM Office

Yaaddoo pireezidant Isaayaas

Garaagarummaan biyyoota lamaan jidduu kan bubbule ta’uu kan kaasan Abuu Hashiim, waraanicha dura Isaayaas dhimma Itoophiyaarratti kan irratti walii hin galle akka qaban ifatti kaa’aniiru jedhu.

Fakkeenyaaf sirna federaalaa Itoophiyaa keessaa akka qeeqan kaasu. Obbo Isaayyaas af-gaaffii waggaan dura TV biyyasaanii waliin taasisaniin, rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul’atuuf maddi sirna TPLF Itoophiyaa keessatti hojjirra oolche jedhanii ture.

Akkasumas heera mootummaa biyyattiin ittiin bultus akkasumas qeeqanii ture. Rakkoon kanaan walqabatee mudatus Itoophiyaa irra darbe Ertiraafi Gaanfa Afriikaa jeequu akka danda’u yaaddoo itti uumuu hin ollee fakkaata jedhan.

Abuu Hashiim dabaluudhaan, caasaan siyaasaa yaaddoon Isaayaas kunis hoggantoota lamaan jidduutti garaagarummaa umuunsaa hin ollee jedhu.

Waraana baatii jalqabaa Tigraay keessatti gaggeeffameen booda waraanni mootummaa federaalaa Maqaleefi eddoowwan Tigraay garaagaraa keessaa gadhiisee hahuu ‘‘kan hin eegamneefi tasa ture’’ jechuu Isaayaas dubbachunsaanii ni yaadatama.

Kunis biyyoota lamaan waraanasaanii waliin bobbaasanii turan jidduu qaawwii ta’e umamee akka ture akka agarsiiftuutti kaasan.

Akeekkachisa MM Abiy

Waraana Tigraayiitti gaggeeffameen walqabatee rakkoon diinagdee cimaan kan mudate Itoophiyaan, biyyoonni lixaa deeggarsaafi liqaa kennaafii turan harkasaanii dachaafachun alattis dhiibbaawwan adda addaa irraan geessisaa turan.

Kanas sirreessuuf waraanni dhaabuun nagana akka bu’uuf mootummaan Itoophiyaa TPLF waliin mariidhaaf taa’un dirqama ture.

Durumaanuu walitti dhufeenyi warra lixaa waliin qabdu laafaa kan ture Ertiraan, balaaleffanaan alatti dhiibbaan waraanichaan irra gahe hin baramne.

Haalli Itoophiyaafi Ertiraan keessatti argaman adda ta’uu kan himan Abuu Haashiim, ‘‘Dhiibbaan Abiy irraa salphaa miti. Qoqqobbiin diinagdees kan Ertiraa waliin wal bira yoo qabame dhiibbaan Itoophiyaarratti qabaatu olaanaa ta’a,’’ jedhan.

‘‘Sababii kanaanis MM Abiy haala salphaatti harka kennuu akka danda’an Pirezidanti Isaayaasif waan galamuuf karoora lammaffaa yaadunsaanii hin oollu’’ jechuun haala dhufuu maluuf qophaa’un akka hin ollee kaasu.

Waliigalteen Piritooriyaa ‘‘Ertiraa hin gammachiifne’’ kan jedhan Ambaasaaddar Iwunatuun, ‘‘Ertiraan biyyoota addunyaa nagana akka bu’uuf hojjataa turanilleen qeeqaa turte’’ jedhu.

‘‘Ifatti garuu akka hin gammanneefi akka aaran hin dubbatan. Sababii Ertitaa itti aarse, boodarra itti gaafatamummaan akka dhufu waan beekaniifiidha‘‘ jedhan Ambaasadar Iwunatuun.

Waliigaltichi “loltoonni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahaniif ajaja, garuu hanga ammaattuu gutummaan hin baane. Kunis waliigalticha gufachiisuuf kann raawwatamuudha,‘‘ jedhan.

Dhimmi loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiru jedhu kunis mootummaa federaalaaf yoo dhiifame wayya kann jedhan Abbu Ashiim ammoo, “kanaan alatti salphaatti adeemsa nagaa samiidhu danda’a. Mootummaa federaalaa irratti dhibbaa umuudhaan haala falli itti argamu barbaachu qabu,‘‘ jedhan.

Walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa ilaalchisee baatiiwwan darban muraasaaf waan baayyeen kann jedhaman yoo ta’u, keessattuu MM Abiy Caamsa 1, 2023 wayita jiddugala bashanana Keellaa Halaalaa eebbisaniitti wanni dubbatan ijoo dubbii ta’ee ture.

MM Abiy mudama naannoo AMaaraatti mudatee ture hordoofee “…humnootiin dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galuu barbaadan jiru. Keessattuu homnoonni lammii Itoophiyaa hin taane gochaasaanii irraa akka of qusatan akeekkachiisuun barbaada.

“…Dhimma keessoo keenya numaaf dhiisaa, dhimma hedduu kann hin raawwatiin waan qabaniif, lafasaaniirratti hojiisaanii hojjachu akka danda’aniif, dhimma keenya numaaf akka dhiian akeekkachiisuun barbaada…” jedhanii ture.

Haasaan MM Abiy eenyu qeequf akka jedhame ifa waan hin taaneef guyyootaaf miidiyaalee hawaasaarratti ijoo dubbii ta’uun tilmaamni garaa garaa kennamaa ture.

Akka ilaalcha Abbu Ashiimiitti, haasaan MM Abiyi ''Masrii akka ilaallatu shakkuun danda’amus garuu hin ta'u. Sudaan haala amma keessa jirturra kan ka’e ni ilaallata jedhamee waan yaadamu miti. Dhimmichi Ertiraa ilaallachu mala. Biyyoota sadan keessaa addatti Ertiraa waan ilaallatu natti fakkaata,’’ jedha.

Ambaasaddar Iwunatunis yaada kanaan waliigalu. Ertiraan naannichaa fi keessattuu fedha Itoophiyaarra qabdurra ka’uun ''Abiy kana kan dubbatan Ertiraaf yoo ta’e dogoggora osoo hin taane sirriidha,’’ jechuun Isaayaas rakkoon Itoophiyaarratti qabu, '' akka walxaxu taasiseera'' jedhan.

Walitti dhufeenyaafi yaaddoowwan ittaanan

Waraanni waggoota lamaaf Tiraayiitti gaggeeffamaa ture TPLF irraan miidhaa cimaa qaqqabsiisuun dandeettiin waraanaasaanii laafisulleen, guutummaatti hin badne jedha Abbu Hashiim.

Abu Hashiim gareen TPLF ammas gama siyaasaafi dandeettii hariiroo alaa cimaa qabaachu amana.

''Yoo ijji dippilomaasiin ilaalamuu, yeroo darbe TPLF lachuu [Finfinnee fi Asmaraa] caalaa hojjachuu danada’eera. Kanaafuu, walitti dhufeenyi TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduu wayita jabaatu, kan Finfinneefi Asmaraaa giddu qabanaa'uun dirqama,’’ jedha.

Rakkoon mootummaa Itoophiyaa mudataa jiru Tigiraay qofa keessatti osoo hin taane, naanoolee Amaaraa, Oromiyaafi bakkeewwan biroo keessatti waan ta'eef hojiin biraa akka isa eeguu kan dubbatan Abbu Hashiim, ''Ertiraan kana kan hammeessitu yoo ta’e mootummaa federaalaa hin gammachiisu,’’ jedha.

Gama a’uun hariiroon MM Abiy fi Pirezidant Isaayaas gidduu qilleensi yoo seenee fi Ertiraan yoo mufatte, TPLF waliin akkuma ture sana haalli ''filannoo biraa barbaadu,’’ jiraachu malu.

Kana jechuunis gara ''garee ykn qaamolee biroo waliin hariiroo uummachuutti ce’uu malu,’’ jedha Abu Hashiim.

Hariiroon biyyoota lamaanii dhuguma kan qorru yoo ta’e, ''hoggantoonni biyyoota lamaanii waraanarratti wal ta’anii, nageenyaafi araararratti addaan bahan jechuudha?’’ jechuun kan gaafatan Ambaasaddar Iwunatuun, hariiroo biyyoota lamaaniirratti shakkii akka qaban ibsuun, biyyoonni lamaan gara waraanatti lammaffaa akka hin deebisne yaadda’u himan.

Abbu Hashiim ammoo gara maraammartoo waraana biraatti akka hin deebine abdachuu himuun, dhaamsi MM Abiy eenyuufis ta’u gama Asmaraatiin qajeelummaan fudhatamuu akka qabu kaasu.