Pireezidant Isaayaas loltoonnisaanii Itoophiyaa seenuun dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu haalan

Pireezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii

Madda suuraa, Williman Ruto/FB

Guyyaa lamaaf Keeniyaa kan daawwatan Pireezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii, daawwannaan Keeniyaa kun jijjiirama bu'uuraa kan fidu ta'uu ibsan.

Pireezidantichi waggoota shan keessatti yeroo lamaaf Keeniyaa daawwatan.

Walitti dhufeenyi kun seena qabeessa ta’uu fi carraawwan barkurneewwan lamaa ol darban keessa isaan miliqe carraa kana fayyadamuun akka kiisan ibsan Pireezidantichi.

Biyyi isaanii miseensummaa IGAD akka feetuu fi gaafachuu akka itti fufanis yaadachiisan.

‘’Yeroon kun yeroo kamirraayyuu adda ta’uu mirkaneessuun barbaada,’’ jedhan.

Pireezidanti Isaayaas gaaffilee gaazexeessitoonni gaafataniif deebii kennaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaa oliif ture keessatti hirmaachuun kanneen himataman keessaa tokko loltoota Ertiraati.

Ji’a sadi dura wayita waraana kana karaa marii nagaan xumuruuf Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti mootummaa fi aanga’oonni Tigraay waliigalteerra ga’an, dhimmoota irratti waliigalaman keessaa tokko loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessaa akka bahan ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay gadhiisanii ba’uun milkaa’ina marii nagaa kanaaf murteessaa ta’uu qondaaltonni Tigraay irra deddeebiin kaasaa turan.

Mootummaan Ertiraa hanga yoonaa waa’ee loltoota isaa daangaa Itoophiyaa keessa jiraachuun himamuu homaa hin dubbanne.

Dhimma kana kan gaafataman Pireezidant Isaayaas, ‘’bakka buutonni Itoophiyaa rakkoo mudate furuuf biyyuma kana (Keeniyaa) turan. Dhimmasaanii keessa seenuuf yaada hin qabu. Odeeffannoon kun atakaaroo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti uumuuf kan deemaa tureedha. Adeemsa nageenyaa gufachiisuuf waan odeeffamaa tureedha,’’ jechuun yaadasaanii kennan.

Hookkarri fi walitti bu’iinsa naannawa kanatti yaa dhaabbatu kan jedhan Pireezidant Isaayaas, ‘’ni ga’a, uummanni Itoophiyaa nageenya uumamerraa dhandhamachuu qabu. Waliigalteen Piriitooriyaa fi mariin Naayiroobii hojiitti akka hiikamu feena.’’

Ertiraan eeyyama yookiin affeerraa biyya birmadummaa qabdu- Itoophiyaatiin ala dhimma kana keessa waan seentuuf hin qabdu jedhan.

‘’Waa’een loltoota baasuu fi dhiisuu holola kakaasuuf kan odeeffamuudha. Waan hiika hin qabnee fi gadi bu’aadha. Waa’ee loltuu baasuu fi dhiisuu bira dabarree akkaataa nageenya Itoophiyaa fi Ertiraa mirkaneessuun danda’amurratti haa xiyeeffannu,’’ jedhan.

Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaa fi Naayiroobiin nageenyi Itoophiyaa keessatti yoo mirkanaa’e bu’aansaa Itoophiyaa qofaaf miti, naannawa kana hundaaf murteessaadha jedhan.

Hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiraachuu fi dhiisuun gonkumaa wal hin qabatu jechuun himata guddaa irratti ka’aa ture salphisanii deebisan.

Haata’u malee, waraana Kaaba Itoophiyaa keessati hirmaachuun qaamolee himannaan waraanaa irratti dhihaate keessaa loltoonni Ertiraa tokko.

Loltoonni isaanii Tigraay keessa seenuu ammallee kan haalan yookiin ammoo akka dhimmi ka’u kan hin feene Pireezidanti Isaayaas Afaworqii, ‘’Haala kam keessattuu Ertiraan akka madda rakkoo Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa keessa jiruutti fudhatamuu hin qabdu,’’ jedhan.

‘’Dhimma Itoophiyaa keessa dirqamaan nu galchuu hin yaalinaa, kun dubbii uumamee odeeffamuudha, dubbii sobaati. Waa’ee dhiittaa mirga namoomaa wanti odeeffamu waan qabatamaan lafarra jiru osoo hin taane ‘oduu oomishameedha’ ‘’ jedhan.

Afrikaa keessatti aanga’oota umrii dheeraa aangoorra turanii fi filannoo dimokiraatawaa gaggeessanii hin beekne keessaa tokko Pireezidant Isaayaas Afaworqiiti.

Aangoo dabarsuuf yookiin filannoo gaggeessuuf karoora qabduu moo kaayyoon keessan amma umriin jirtanitti aangoo qabattanii turuudha? Jechuun gaaffii gaafatameef deebii osoo hin kennin hafan.

Daawwannaa kanaaf Pireezidant Isaayaas Afaworqii kan affeeran Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Itoophiyaa fi Ertiraan bara 2018 irraa eegalanii gidduusaaniitti nageenya buusuun, hariiroosaanii cimsuun, naannawa Baha Afrikaaf gumaacha guddaa qaba jedhan.

Fuuldurattis Pireezidanti Isaayaas waliin hojjechuun hudhaa Gaanfa Afrikaa keessa jiru akka furan waadaa seenan.

Keeniyaanis loltoota ergama nagaa eegsisan Somaaliyaatti ergitee jirti kan jedhan Pireezidanti Ruutoon, Ertiraan loltoota Somaaliyaa leenjisuun ergama keenya akka milkeessinuuf carraa guddaadha jedhan.

Keessattuu rakkoo nageenyaa naannawa kana qoraa jiruu fi shororkeessummaa hidhattoonni al-Shabaab raawwatan qolachuuf humna nuuf ta’a jechuun galateeffatan.

Waliin hojjennee Somaaliyaa ni tasgabbeessina, gaanfa Afrikaaf nagaa waaraa ni mirkaneessina jedhan.

Dhibdee Sudaan fi Sudaan Kibbaa akkasumas Itoophiyaa keessa jiru furuuf Pireezidant Isaayaas waliin akka hojjetanis himaniiru.