Pirezidanti Isaayaas Afawarqii daawwannaa hojiif Keeniyaa seenan

Isaayaas Afawarqii

Madda suuraa, Yemane G. Maskel

Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii daawwannaa hojii guyyaa lamaa taasisuuf gara magaalaa Naayiroobiitti imaluunsaanii ibsame.

Pirezidanti Isaayaas gara Keeniyaa Naayiroobiitti kan imalan haaluma affeerraa Pirezidantiin biyyattii Wiiliiyaam Ruuttoon taasisaniif hordofee ta’u Ministirri Beeksiisa Ertiraa Obbo Yamaana Gabra Masqal ibsan.

Pirezidanti Isaayaas imalasaanii kanaan, Ministira Dhimma Alaa Obbo Osmaan Saaleeh fi Gorsaa Pirezidantichaa Obbo Yemaana Gabra’aab waliin akka jiran himame.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Haata’u malee Pirezidanti Isaayaas gara Keeniyaa kan imalan daawwannaa guyyoota lamaatiif haa jedhamu malee, turtii isaanii kanaan dureewwan biyyattii waliin dhimmoota attamii irratti akka mari’atan wanti jedhame hin jiru.

Obbo Isaayaas waggoota shanan darban keessatti daawwanaadhaaf gara Naayiroobiitti yoo imalan kun kan lammataati.

Pirezidantichi kana dura bara 2018tti gara Keeniyaa imaluunsaanii ni yaadatama.

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon gamasaanitiin, baatiiwwan muraasaan dura gara Asimaraatti imaluun dowwannaa ifaa taasisanii ture.

Pirezidanti Ruuttoon baruma kana dhuma baatii Sadaasaa keessa gara Asimaraatti imaluun dowwannaa hojii taasisanii ture.

Erga Ruutoon gara Ertiraatti imaluun dowwannaa taasisaniin booda walitti dhufeenyi biyyoonni lamaan gama daldalaa fi dhimmoota qaxanaa irratti waliin ta’uuf waliigaltee irra gahamee ture.

Biyyoonni lamaanu ifa haaluma taasisaniin lammiileen biyyoota lamaanii osoo viizaan isaan hin barbaachifne imalu akka danda’an waliigalaniiru.

Kana malees, gaanfa Afriikaatti nageenyaafi tasgabbii buusuun biyyoota qaxanicha keessatti argaman waliin hojjachuuf waliigalaniiru.

Akkasumas barbaachisummaa daldalaafi invastimantii lafoo, galaanaafi geejjiba qilleensaa gabbisuu irratti dureewwan biyyoota lamaanii waliigalte irra gahusaanii Pirezidanti Ruutoon xumura dowwannaa isaanii irratti ibsanii ture.