Dirooniiwwan UAE fi Iraan attamiin waraana Sudaan hammeessan?

Madda suuraa, @RAPIDSUPPORTSDN
Waraana Sudaan ji’oota 14 lakkoofsise keessatti Iraaniifi UAEn gareewwan wal-waraanan lamaaniif dirooniiwwan dhiyeessudhaan qoqqobbii meeshaa waraanaa UN Sudaanirra kaa’e cabsaniiru jedhamuun himatamu.
Iraan mootummaa Sudaan Jenaraal Al-Burhaanin durfamuuf dirooniiwwan yoo dhiyeessitu, Yunaayitid Arab Emireetis ammoo Humna Addaa Sudaan (RSF)'dhaaf dirooniiwwan dhiyeessiti jedhama.
Bitootessa 12, 2024 humni waraana Sudaan magaalaa Kaartuum keessatti humna addaarratti injifannoo guddaa argadhe jechuun gammachuusaa ibsate. Wiirtuu TV biyyaalessaa ji'oota hedduuf harka humna addaa (RSF) ture deebisanii to'atan.
Humni waraana biyyattii haleellaa sana yeroo gaggeessu diroonii Iraan fayyadamuusaa waraabbiin viidiyoon gadi lakkifame ni agarsiisa.
Yeroo waraanni eegalu humni waraana Sudaan humna qilleensaa irratti hirkachuun lolaa turuusaa hima daayireektara Sudan Transparency and Policy Observatory kan ta'e Suliimaan Baldoo.
"Waraanni biyyattii humni cimaan inni qabu jalaa marfamee wan tureef humna lafoo lolu lafaa hin qabu ture," jedha.
Faallaa kanaa Humni Addaa (RSF) magaalaa Kaartum harka caaluufi Daarfur harkasaa turan. Humni waraana biyyattii olaantummaan inni qabu humna qilleensaan haleellaa gaggeessuu qofa.
Amajjii, 2024 gara jalqabaa dirooniin humni waraanaa fayyadamu humna addaa (RSF) dhaan rukutamtee yeroo kuftu viidiyoon agarsiisu X gubbaatti mul'ate.
Ogeessa diroonii kan ta'e Wim Zwijnenburg akka jedhutti, caccabaan diroonii kuftee humni waraana Sudaan diroonii Iraan Mohajer-6 jedhamu akka fayyadame mirkaneesse.
Diroonin Mohajer-6 jedhamtu kun meetira 6.5 kan dheerattuufi fageenya 2,000km balali'uun dhukaatuu darbachuu dandeessi.

Madda suuraa, PLANET LABS
Ogeessi diroonii kun akka jedhutti, Iraan gosa diroonii biraa Zajil-3 jedhamu humna waraana Sudaanif dhiyeessiti.
Mootummaan Sudaan garuu Iraanirraa diroonii akka hin fudhanne waakkate. Bara darbe ji'a Muddee keessa xiyyaarri Iraan kaargoo fe'u Qeshm Fars Air 747 buufata xiyyaaraa Iraan Bandar Abbas irraa ka'uun gara Galaana Diimatti qajeele.
Yeroof raadaarii jalaa dhokate. Garuu xiyyaarri isa fakkaatu Poort Sudaan qubatee akka ture suuraan saatalaayitii mirkanesseera.

Madda suuraa, X @SUDANSENA
Magaalli Poort Sudaan bakka mootummaan Sudaan yeroo ammaa buufatee jiruufi qondaalonni waraanaa hedduu buufatanidha.
Balaliin kun Iraanifi Sudaan gidduu hanga dhuma ji'a Amajjiitti si'a shan gaggeeffame.
Daandiin Qilleensaa Iraan, Qeshm Fars Air, meeshaalee waraanaafi loltoota Giddu Galeessa Bahaa, keessumaa Sooriyaatti deddeebisa jedhamuun qoqqobbii US jala jira.
Iraanis Sudaanis kaayyoo mataasaanii qabu
Sudaaniifi Iraan hanga bara 2016'tti hariiroo wal-ta'iinsa waraanaa bara dheeraa qabu turan. Bara 2016 Iraaniifi Saawudii Arabiyaan wal-dhabuurraa kan ka'e Sudaan hariiroo Iraan waliin gootu dhaabde.
Waraanni Sudaanitti eegaluu hordofee Sudaan walitti dhufeenya Iraan waliin qabdu deebistee akka haaressite hima Suliiman Baldoo.
Suliimaan akka jedhutti, Iraanis ta'ee Sudaan walitti dhufeenya haaromfatan kanarraa kaayyoo mataasaanii qabu.

Madda suuraa, X @WAR_NOIR
"Iraan naannichatti bakka miilla dhaabbatu barbaaddi. Haala mijataan yoo isheedhaf uumame, dirooniwwan amayyaafi heddumminaan dhiyeessufii dandeessi," jedha.
Dirooniwwan Iraan waraana kana keessatti fayidaarraa ooluu ilaalchisee BBCn Humna Waraana Sudaan, Ministiira Dhimma Alaa Iraanifi Iraan Qeshm Fars Air gaafatus deebii hin arganne.
Qoqqobbiin meeshaa waraanaa UN hin kabajamne
Gama biraan ammoo humni addaa (RSF) dirooniwwan xixiqqoo (quadcopter drones) kan rasaasa moortarii mm120 darbachuu danda'an fayyadamaa turuunsaa ragaan ni agarsiisa.
Suurawwaniifi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa iratti gadi lakkifaman akka agarsiisanitti, humni waraanaa biyyattii dirooniwwan kanneen heddu rukutee kuffiseera.
Amnestii Intarnaashinaalitti ekispartii meeshaalee waraanaa kan ta'e Biriyaan Kaastinar dirooniwwan kanneen humna addaa (RSF) dhaaf kan dhiyeessu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) akka taate ibsa.
"UAEn michootashee Itophiyaafi Yamaniifi waraana irratti diroonii wal-fakkaataa dhiyeessiteetti," jedha Biriyaan.
Gabaasni UN bara kana Mana Maree Nageenyaf dhiyaate akka agarsiisutti, UAEn xayyaarota sivilii fayyadamuun meeshaalee waraanaa humna addaa (RSF) dhiyeessaa turuushee ogeeyyin aviyeeshinii bira gahaniiru. UAEn garuu himannaa kana hin fudhattu.
Akka ogeeyyin aviyeeshinii jedhanitti xayyaaronni sivilii buufata xayyaaraa Abu Daabii irraa ka'uun Naayiroobiifi Kampaalaa keessa qaxxaamuruun buufata xayyaaraa Chaad kan ta'e Amdjarass qubatu. Chaad biyya ollaa Sudaan dahannoo humna addaa (RSF) cimaa taatedha.
"UAEn fedhii diinagdee Sudaan keessaa qabdi, akkasumas Galaana Diimaa irrattis humnashee agarsiisuu barbaaddi," jedhan Suliimaan Baldoo.
UAEn balaliiwwan gara Chaaditti goote meeshaa waraanaa osoo hin taane deeggarsa namoomaa taasisaa akka turte himuun RSF akka hin deeggarre irra deddeebiin ibsiti.
Dhimma deeggarsa meesgaa waraanaa UAE irraa argachuu ilaalchisee RSF gaafatamee deebii BBCf hin laanne.
Diroonniiwwan humni waraana Sudaanis ta'ee humni addaa (RSF) alaa galfachuun ittiin wal-hadhan kun qoqqobbii meeshaa waraanaa UN bara 2005 mootummaa Sudaanifi humnoota hidhatanii Daarfur keessa jiran irra kaa'e kan cabsedha.

Madda suuraa, Reuters
Dirooniiwwan samii Sudaan irra balali'uu erga eegalanii haalli lafa jiru jijjiirameera.
Humni waraana Sudaan dirooniiwwan Iraan fayyadamuun bakkeewwan heddutti loltootasaa marfama keessaa baasuu danda'eera.
Magaalaa Kaartum bakka hedduu loltoonni RSF akka gadhiisan dirqisiiseera. Waraana waggaa tokkoo ol ta'e kanaan biyyattii keessatti namoonni nagaan 16,000 ol ajjeefamaniiru.
Akka gabaasa UNtti namoonni miliyeena 12 qe'eesaanii irraa buqqa'aniiru.












