Gammoojjii Liibiyaatti reenfi godaantotaa jumlaan argamuu UN ibse

Madda suuraa, Getty Images
Liibiyaa keessatti yoo xiqqaate reenfi godaantota 65 bakka tokkotti argamuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimma baqattootaa- IOM beeksise.
Akka IOM jedhutti haalli baqattoonni kunneen itti ajjeefaman fi biyyoota kamirraa akka ta'an hanga yoonaa adda hin baane.
Haata'u malee, gammoojjii Liibiyaa keessaan darbanii osoo gara galaana Meediteraaniyaanii ce'uuf jedhanii dhumuu akka hin hafne hime jaarmiyaan kun.
Qaama UN kan ta'e jaarmiyaan dhimma godaantotaa - IOM reenfa godaantotaa bakka tokko awwaalame wayita argu akkaan rifachuu ibse.
Reenfi jumlaa kun kan argame Kibba-Lixa Liibiyaa keessatti. Biyyattiin awwaala jumlaa kana ilaalchisuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu IOM himeera.
Dubbi himaan IOM ''tokko tokkoon godaantota achi buuteensaa dhabamee yookiin du'anii argamanii maatiif gaddaa guddaadha. Kanarratti dabalataan maaltu akkasaan mudate sirriitti adda baasuun ammoo qormaata biraadha,'' jedhan.
Taateen rifaasisaan mudataa jiru kun duuti godaantotaa dabalaa jiraachuu fi haalli godaantonni keessa jiran akkaan kan nama jeequ ta'uu kan ifatti mul'isuudha jedhan.
Akka IOM jedhutti reenfi jumlaa amma argame kun godaansa karaa seeraan alaan dhoksaan taasifamuu fi godaansa karaa seeraan gaggeeffamu irratti xiyyeffannaan qindaa'anii hojjechuu akka barbaachisu kan agarsiisuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Godaantonni hedduun galaana Meediteraaniyaanii qaxxaamuruun gara biyyoota Awurooppaa ce'uuf biyyoota keessa darban keessaa tokko Liibiyaa.
Teessoon isaa muummeen Suwiizarlaand, Jeneev kan ta'e jaarmiyaan godaantotaa idil-addunyaa- IOM, godaantota reenfi isaanii jumlaan argame sirriitti adda baasuuf mootummaan Liibiyaa fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) tarkaanfii barbaachisaa akka fudhachuu qaban gaafateera.
Guyyoota dura godaantonni bidiruu xiqqoo tokkoon handaara galaanaa Liibiyaarraa ka'uun galaana Meediteraaniyaanii osoo qaxxaamuraa jiranii namoonni 60 ta'an dhidhimuun du'uun gabaafamee ture.
Reenfi namoota 65 iddoo tokkotti awwaalamee argamuun kan barames taateen kun mudatee guyyaa muraasa booda.
Akka IOM jedhutti erga godaantota biyyaa biyyatti socho'an galmeessuu eegalee waggoota kudhan darban keessaa kan bara darbee (2023) kan balaan akkaan gaddisiisaan keessatti mudatedha.
Haala kanaan ulaawwan godaantonni keessa qaxxaamuran hunda irratti yoo xiqqaate lubbuun namoota 8,565 darbuu ibse jaarmiyaan kun.
Kunis kan bara duraan tureen yoo walbira qabamu dhibbeentaa 20'n caala jedhe jaarmiyaan dhimma godaantotaa kun.












