Gidiraafi yaaddoo godaantota Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti hammaate

Hookkara irra deddeebiin Afrikaa Kibbaa keessa dhalatuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen bakkee biraatii dhufanirratti haleellaan dhaqqabaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hookkara irra deddeebiin Afrikaa Kibbaa keessa dhalatuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen bakkee biraatii dhufanirratti haleellaan dhaqqabaa ture

Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa keessatti balaa nurra gahu mala jedhanii yaadda’aa jiraatu.

Waggoota 23 Afrikaa Kibbaa keessa kan jiraate Sisaay namoota haala kanaan bir'ataa jiraatan keessaa tokko.

Sisaay biyyi Neelsan Mandeellaa jijjiiramtetti jedha.

''Cunqursaa keessaa baatee cunqursituu taate, nama gurraacha jibbite, duraan akkas hin turre," jedha Sisaay.

Duraan haala ture yeroo ibsu akka jedha; ''daandiirratti daldaluu jalqabne. haadholiin isaanii nuuf gaddu. Deebii maallaqaa nuuf dhiisu. Tiippii fa'aa nuu laatu'' jedha.

''Bakka irraa dhufne nugaafatu, Itoophiyaa ta’uu yeroo itti himne, Itoophiyaan eessa akka taate sirnaan hin beekan,'' jedha Sisaay.

Gariin isaanii Itoophiyaan Afrikaa Kibbaa keessa waanuma jirtu itti fakkaata. Fagoo akka ta'e yommuu itti himnu ni ajaa'ibsiifatu.

Sababni isaan yeroo Appaartaayidii biyyasaanii keessatti iddoo tokkorraa gara biraatti imaluuf eeyyama barbaadu ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni baratan garuu Itoophiyaa ni beeku. Mandeellaaf paaspoortiin Itoophiyaa akka kennameyyuu otoo hin hafiin ni beeku.

'Silaa bilisa nu baasuu qabda ture' jedhu. Nu kabaju. Hiriyyaa nu gochuu barbaadu turan.

''Amma wanti sun hunduu badeera. Amma godaantota guutummaatti jibbaniiru.

Maddi rakkoo isaanii nuyi itti fakkaata. Namoonni siyaasaa gowwomsaniiru .

Hojii keenya nu saamtan'' jedhu.

Dur lammileen Itoophiyaa qabattoo fi meeshaa areeda ittiin haaddatan gurguruun hojii eegalu jedha.

"Jalqaba baatirii fi meeshaa areedaan haaddatan kaartoonii keessaa baafnee yaaliif keenya.

Sana booda ''kun maali?'' nuun jedhu. ''Yaaliidhaaf'' jennaan. Isaanis ni yaalu, ajaa'ibsiifatanii nurraa bitu jedha Sisaay.

Yeroo sanatti akka har'aatti suuqiiwwan baay'een hin turre. Darbee darbee suuqii lammiilee Paakistaanitu ture.

Achii binnee baadiyyaa geessine gurgurra.

Gatiin meeshaalee rakasa ture. Hawaasi biyyattii ammoo waan haaraa yoo argan bitachuu jaalatu.

'Hattoota Afrikaa Kibbaa'

Waggoota 23f Afrikaa Kibbaa kan jiraate Sisaay, namoota jaalatu yeroo eebbisu "hattuu haaraarra si buusin" jedhee eebbisa.

Afrikaa Kibbaatti yakki hannaa fi saamichaa akka baayyatu dubbata.

Yeroo baayyee kilaashii hidhataniillee nama saamu. Yoo carroomte qabeenya keenya daftee kennitee lubbuukee baraarta jedha Sisaay.

Mee muuxannoo isaas himeera Sisaay.

Yeroo tokko Durbanitti konkolaataa bitachuuf dhaqe. Maallaqa baankii keessaa baasee konkolaataa keessa taa'e. Bakka konkolaataa dhaabatun jira.

Mucaan tokko gara kootti deema. Ispookiyoo konkolaataa hatuuf natti deema natti fakkaatee, ‘Go away!’ykn ‘deemi asii!’ gaafan jedhuun shugguxii baafatee , natti akeeke.

'Maallaqni eessa jira? jedhee na jarjarsinaan, maallaqichaitti itti laadhe jedhe Sisaay.

Dukkaanni kee otoo ilaaltu wayita saamama argita. Homaa gochuu hin dandeessu.

Hattuun reefu hanna jalqabu yoo si mudate garuu kana caala hamaadha. Rasaasan dhahanii nama ajjeesu, Sababa kanaan namoota hedduu of cinaa dhabne jedhe.

Kanaan alatti hattoonni irra caalaan isaanii yoo ittin hin lolle otoo miidhaa qaamaa sirraan hin gahiin saamanii bahu.

Sisaay akka jedhutti Poolisiin biyyattiis iddoon itti nama saaman jira.

Bakka hojii dhufanii mi’a akkuma jirutti fe'atu. Kan kooti yoo jetteen ni hidhamta. Kanaaf callistee ilaaluudha.

Yeroo kaan jibbarraa kan ka’e nama saamu. Eyyama seera qabeessaa otoo qabduu haaadha warraasa dararuu hima.

Daldala daandirraa kaasee abbaa gamoo ta'uu danda’eera.

Afrikaan Kibbaatti jireenya lammiilee Itoophiyaa hedduu fooyya’uu hin haalle.

Daldala daandiirraa ka’anii kanneen hanga qabeenya guddaa horachuutti gahan heddu ta’uu hima Sisaay.

Mandara GP jedhamutti gamoowwaan 10 ol kan lammilee Itoophiyaati jedha.

Kanneen Awurooppaa fi Ameerikaa deeman garuu deebi'anii dhufanii hojjetanii jijjiiraman baay'eedha.

Kanuma waliin jireenyi guutuu miti.

Gariin isaanii yakka cimaa keessatti hirmaatu. Garuu lakkoofsi isaanii baayyee xiqqaa ta’uu hima.

Lammileen Itoophiyaa akkamitti gara Afrikaa Kibbaatti godaanuu eegalan?

Obbo Yordaanos Almaaz Seeyifu dhimma kanarratti kitaabota lama barreessan.

Lammileen Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbaatti godaanuu akka tasaa seenaa' walitti dhudeerra ka’uu dubbatu.

"Jalqaba bara 1990 keessa, Itoophiyaas ta'e Afrikaa Kibbaatti jijjiiramni sirnaa bulchiinsaa ture."

Afrikasa Kibbaatti sirni Appaartaayidii ni diigame . Itoophiyaatti ammoo sirna Dargiitu kufe.

Afrikaan Kibbaa kan bulchu paartiin ANC, gurraachotaa simate. Kufaati Dargii booda namoonni biyyatti seenan heddumnatan.

Bara sirna Appaartaayidii, gurraachonni biyyoota Afrikaa biyyattii seenun hafee, dhalataan biyattiille baadiyyaarraa magaalaa seenuuf paaspoortii barbaachisa ture.

Yeroo sanatti qabsoo farra-Appartaayidii warreen tumsan biyyoota alaatiin hogganama.

Itoophiyaa waliinis gartuun qabsoo gaggeessan michuu ture.

Oliivar Taamboo, Waaltar Sisuluu fi Maandeellaan yeroo aangootti dhufan imaammata godaantotaaf mijatu qopheessan.

Paaspoortiin socho’uun ni dhaabbate. Gurraachi fi adiin akka bilisaan socho'uu jalqaban.

Yeroo sirni Dargii kufee Viizaan ba'uun ni hafe. Bara Dargii biyyaa bahuun akka biyya ganutti ilaalama ture. Garuu bara ADUWAI keessatti biyyaa bahuun ni salphate.

Kanatu godaansaaf ka’umsa ta’e.

Kufaatii Dargii booda loltoonni gara biyya birootti ce’uuf jecha biyyoota ollaatti baqachuu eegalan.

Namoonni waraanatti dabalamu baqatanii biyyaa bahanii Keeniyaa fi Sudaan keessa turanis ni jiru.

Biyyoota ollaa kanarraa gara Ameerikaa, Awurooppaa fi Awustiraaliyaa koolu-galtummaa gaafatan.

Keeniyaarraan gara Afrikaa Kibbaatti godaanuun kan eegale yeroo mootummaan Afrikaa Kibbaa baqattoota simachuuf karaa bane ture.

Tarii lammileen Itoophiyaa jalqaba Afrikaa Kibbaa dhaqan warra biyya sadaffatti godaanuuf dabaree eeggatan ta’uu malu.

Godaantonni gara jalqabaa giddu-gala magaalaa Johaanisberg keessa qubatan.

Amma wiirtuun sun GP jedhamtee, ganda lammileen Itoophiyaa itti baayyatan ta’eera.

Yeroo sirna Appaartaayidii gurraachonni bakkaa bakkatti imaluuf nirakkatu turan. Gaafa bilisooman baadiyyaa irraa gara magaalatti bilisaan socho'uu eegalan, lammileen Itoophiyaa daldala eegalan. Gabaan ni ho’ite.

Daldaltoonni warreen adiin wirtuu magaalattii keessatti qabeenya horatan walabummaa booda yadda’aanii turan.

Jijjiiramuu Sirna Appartaayidii booda jiru sodaachuun hojii isaanii dhiisanii, gamoo isaanii dhiisanii, bakka biraa qubachuu jalqaban.

Bakka isaan dhiisanii baqataanitu gale. Baqattoonni biyyoota biroo dukkaana itti banatan boodarra bu’aa buufata.

Maaliif 'Kibbarraa' baay'atan?

Obbo Yordaanos dhimma kana qorataniiru. Akkanaan ibsu.

‘’Gara Afrikaa Kibbaa godaansi yeroo jalqabu baay’inaan Finfinneefi magaalota kaanirraa ture. Adeemsa keessa Kibba Itoophiyaarraa kan godaanan dabalaa dhufan. Kanaafi sababoonni garagaraa jiru.

‘’Tokko filannoo Itoophiyaa bara 1992 taasifamedha. Naannoo Ummatoota Kibbaa naannawa Hosaa’inaafi Duraamee paartiin Pirof. Bayyanan hoogganamu ture.

‘’Paartichi paartii yeroos biyya bulchaa ture, ADWUI, akka mo’atetti falmaa ture. ADWUI’n immoo hin mo’amne jedhe.

‘’Dhimmichi hammaataa yoo deemu deeggartoonni paartichaa bakkicha gadhiisaa baqachuu eegalan - gara Afrikaa Kibbaa.

‘’Akka tasaa ta’ee yeroo sanatti dhalataan naannawa sanii Ambaasaaddara ta’anii gara Afrikaa Kibbaa adeeman. Ambaasaaddarichi namoota muraasaaf carraa uumaniiru ta’a.

‘’Dargagoonni baay’een garuu godaansaaf kaka’an. Osooma rakkoon nu qunname ‘nama keenyadha, nu gargaara,’ kan jedhun ta’u danda’a.

‘’Akkanaan kan Kibbarraa kibbatti kan eegale godaansi biznasii guddaa dallaaloti oofan ta’e.

‘’Godaantonni duraan magaalarraa turan baadiyyaarraa ta’an. Duraameefi Hosaa’inaatii ijoolleen hedduu adeeman.

''Dhiironni dursanii deeman hojjetanii yeroo qarshii horatanii gaa’elaaf qophii ta’an dubartoota fiduu jalqabani.’’

Eeyyama jireenyaa qabuu?

Lammiileen Itoophiyaa karaa al-idileen Afrikaa Kibbaa seenan erga daangaa seenan booda buufata godaantotaa dhaqanii iyyatuu qabu.

Haa ta’u malee, Ministeerri Dhimma Keessaa ‘isin simanneerra yookiin hin simanne’ jedhee hin deebisu. Waraqaa eeyyama koolu galtummaa (asylum seeker permit) qooduuf.

Waraqaan kuni yoo baay’ate ji’a jahaa qofaaf tajaajila. Yeroo yeroodhaan haaromuu qaba. Waggoota booda waraqaan kuni gara waraqaa eenyummaa godaantotaatti jijjiirama.

Kana jechuun biyya sanatti godaansaan jiraachuuf eeyyama argachuu jechuudha.

Akka dhaabbiitti jiraachuuf garuu adeemsa waggaa dheeraa fudhata.

Obbo Yordaanos ‘’waraqaawwan kuni egeree hojiifi jireenya lammiilee Itoophiyaa murteessu keessatti qooda guddaa qaba,’’ jedhu.

Kan waraqaa godaansaan jiraachuu qabaniifi biyyattii keessatti guutummaan guututti jiraachuuf eeyyama kan qaban carraa qixa dalagatanii guddachuu hinqaban.

Jibbi kanneen biyya biraatii dhufan irra deddeebiin Afrikaa Kibbaatti mul'ateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jibbi kanneen biyya biraatii dhufan irra deddeebiin Afrikaa Kibbaatti mul'ateera

Kanneen eeyyama jireenyaa qaban herreega baankii banuu, waliigaltee kiraa gamoo mallatteessuu, Dubaayiifi Chaayinaa dhaqanii mi’a fiduu akkasumas shirkiin dalaguuf carraa qabu.

Biyyas galanii deebi’u danda’u. kanneen waraqaa godaansaan jiraachuu qaban garuu kana gochuu hindanda’an.

Kanneen waraqaa godaansaan jiraachuu qaban mirga lama qabu; barachuufi hojjechuu.

Lammiileen Itoophiyaa garuu baay’inaan gara barnootaa hindeeman. Kallattiin gara daldalaa seenu.

Lammiileen Itoophiyaa baay’ee waraqaa barbaachisu waan hin qabneef guddinni isaanii danqama. Hojii xixiqqoo keessaa bahanii dinagdee idilee seenuu rakkatu.

Dursanii Afrikaa Kibbaa kan seenaniifi sanada barbaachisu kan qabatan garuu jireenya isaanii jijjiiraniiru. Suparmaarketii kan banan, gamoo kan ijaaran ni jiru.

‘’Faallaan waggoota 20 jiraatanii ammallee waraqaa godaansaa ittiin gaafatan haaromsisaa kan jiraatan jiru. Osoo Amerikaa, Kanaadaa ykn biyya Awuroppaa osoo ta’e waggaan hammanaa kan lammummaa guutuu itti argatan ture.''

Hariiroo hawaasa Afrikaa Kibbaa waliin

Obbo Yordaanos lammiilee Afrikaa Kibbaa waliin wal keessa jiraachuu dhabuun waan fidedha jedhanii amanu.

Keessumaa Itoophiyaan waan kolonii jala hin turreef ta’u danda’a lammiileen Itoophiyaa of guddisanii ilaalu.

Kan olaantummaa xiinxammuu kennuuf immoo hojjetanii milkaa’uu isaaniiti. Kuni rakkoo miti. Kan rakkoo ta’u kaan gad qabanii yoo ilaalanidha.

‘’Hojjettee yeroo milkooftu akka wayyoo qabdu sitti dhagahama. Kana waliin walqabatee warra Afrikaa Kibbaa gad-qabanii ilaaluun hinjiru hinjedhu.’’

Faallaan immoo hawaasi Afrikaa Kibbaa lammiilee Itoophiyaa gad qabanii ilaaluunis ni jira. Godaantotadha ilaalcha jedhurraa madde. ‘’Qore qoree’’ jedhanii waamu. Keessummaa akka jechuuti.

Kanaan ala, qulqullina hin eegdan, wal keessa gurgurtu, konkolaataa sirnaan hindhaabdan jechuun komiin irratti ka’a.

Kanaan ala garuu lammiileen Itoophiyaa hojii isaanii cimsanii hojjechuun akka beekaman Obbo Yordaanos BBC’tti himaniiru.

Rakkoo Afaan Ingilizii

Lammiileen Itoophiyaa hawaasa Afrikaa Kibbaa waliin akka wal keessa hinjiraanne kan rakkoo ta’e tokko afaanidha.

Miidhame jedhanii iyyachuuf nami dhagahu hinjiru. Osoo nami dhagahuus argame afaaniin dubbachuun isaan dhiba.

Godaantonni biyyoota Lixaafi Kibba Afrikaarraa dhufan gama kanaan wayyoo qabu. Lammiileen Itoophiyaa garuu baay’ee rakkatu.

Rakkoon afaan jedhama malee hawaasi Itoophiyaa hawaasa Afrikaa Kibbaa waliin wal keessa jiraachuuf hammana fedhiis hinqaban.

Kunis sababa lamaaf ta’u danda’a jedhu Obbo Yordaanos.

Tokkoffaa lammiileen Itoophiyaa hojii isaanii qofarratti xiyyeeffatu jedhu.

Kan lammaffaa aadaa, filannoo nyaataa fi akkaataan itti jiraatan hawaasa Afrikaa Kibbaa hin fakkaatan.

Kanarratti afaan yoo dabalamu walirraa akka fageessu himu.

Baay’een isaanii sadarkaan barnootaa isaanii gad-aanaa ta’us jechoota muraasa daldalaaf ta'u inuma beeku.

Haa ta’u malee, xiinsammuu hawaasa Afrikaa Kibbaa baruufi afaaniinis sirnaan waliigaluuf ni rakkatu.

Eeyyama jireenyaa osoo qabanii, hojii seera qabeessa osoo dalaganii yeroo mirgi isaanii sarbamu qaamolee seeraatti himachuuf isaan rakkisa.

Godaantonni keessumaa lammiileen Naayijeeriyaa kanaan rakkoo hinqaban.

Qormaanni hawaasa Afrikaa Kibbaa waliin qofa osoo hintaane achumatti bultii ijaarratanii ijoollee ofii mana barumsaatti ergan waliin waliigaluu rakkatuus jedhu kanneen dubbifne.

Jibbi ormaa eenyutti caala?

Sisaay hawaasi Afrikaa Kibbaa jijjiiramaniiru jedhee amana. Ammas ammas akkas hinturre jedha.

Orma jibbuu (xenophobic)‘tu jira jechuu hinfedhu. Kan amma jiru‚ ‘‘Afrophobic‘‘ dha jedha. Jibba namoota Afrikaarraa dhufanii jechuu isaati.

Kan inni kana jedhuuf immoo lammiileen heddu kan Afrikaarraa hintaane Afrikaa Kibbaa keessa jiru jedha. Garuu isaaniin, '‘nurraa bahaa jedhamanii hinbeekan,’’ jedha.

Akka inni jedhutti jibbi kuni gurraachotarratti qofa xiyyeeffate.

‘’Nama gaddisiisa obboloota isaanii bittaa adii jalaa isaan baasaniirratti ka’an.’’

Sababoonni kaanis jiraatan kanneen jibba facaasan namoota siyaasaati jedha.

Maaliif amma caalaatti sodaachisaa ta'e?

Afrikaa Kibbaatti yeroo filannoon dhufe rakkoon kuni mudachuun waan barame. Amma garuu yaaddessaa ta’e jedhu godaantonni.

Qorannoon BBC Africa Eye gareen Dodolaa jedhee of waamu orma jiraa ibiddaan gubuuf yeroo sochii taasisu viidiyoo mul’isu saaxileera.

Viidiyoon ji’oota muraasa dura qoodamaa ture lammiileen Itoophiyaa lama bakkee baadiyyaa tokkotti yeroo gaaffiin muddan mul’isa.

‘Biyya keenya gadhiisaa bahaa,’ jedha nami itti dubbatu. Gaaffiin dinagdee lammiilee gurraacha Afrikaa Kibbaa cimaa dhufeera.

Dargaggoonni hedduu bittaa ummata adiirraa bilisa bahanis hiyyummaarraa garuu bilisa hin baane.

Sababa kanaaf namoota siyaasaa dhiphisu. Namoonni siyaasaammoo quba isaanii godaantotatti qabu.

‘'Hojii keessan kan isin duraa fudhate bakkee biraa kan dhufanidha,’’ ittiin jedhu.

Aangawoonni Afrikaa Kibbaa olaanoon tokko tokko osoo hin hafin ifatti dubbachuu eegalaniiru jedha Sisaay.

Yeroo mufiin isaanii jabaate godaantotarratti quba isaanii qabu sodaan jedhu jira. Keessumaa lammiileen Itoophiyaa haleellaa jimlaaf saaxilamoodha.

Baay’een isaanii gandoota magaalaarraa fagaatanii jira (township) jedhamanitti dhaqanii daldalu. Achittimoo kan jiraatan gurraachotaafi adiifi gurraacharraa warra dhalatanidha.

Kana jechuun lammiileen Itoophiyaa salphaatti adda baafamu danda’u jechuudha.

Haleellaan cimeera, waan hamaa dhufuu mala jechuun sodaatanii maatii isaanii gara Itoophiyaa ergaa akka jiran Sisaay ni dubbata.

Kanneen qabeenyi isaanii saamamee harka qullaa hafanimoo qacaramanii hojjechuu eegalaniiru.

‘Inumaa erga yeroo dhihootii lammiileen Itoophiyaa filatamaa hidhamu,’ jedha Sisaay.

Gidiraan akkamiin haa dhaabatu?

Obbo Yordaanos furmaatni ijoo wanti waa’ee godaantotaa himamu bu’uurarraa jijjiiramuu qaba jedhu. Maal jechuu isaaniiti?

Afrikaa Kibbaatti akkitti godaantonni ilaalaman sirrii miti jedhu. Kanammoo kana godhu namoota siyaasaati jedhu. Akka jijjiiramus hinfedhan jedhu.

Wanti waa’ee godaantotaa guddatee dhagahamu ‘hojii keenya nu saaman’ kan jedhudha. Kuni soba jedhu Obbo Yordaanos.

Yeroo ammaa Afrikaa Kibbaa keessatti lakkoofsi hojii dhabdummaa hanga 40% gaheera. Lakkoofsi godaantotaa garuu walumaagala 4% dha.

Akkamiin godaantonni 4% bakkee hojii dhabdoota 40% fudhachuu danda’u jechuun gaafatu.

Wanti lafa jiru waan biraati. Godaantonni hojii ofii isaaniitiin eegalu. Wanti isaan nama jalaa fudhatan hin jiru.

Hawaasa Afrikaa Kibbaarraa fudhachuu miti kaaniif hojii uumaa jiru jedhu.

‘’Fakkeenyaaf lammii Zimbaabuwee ta’anii kan biddeena tolchan jiru. Lammiileen Maalii suuqii keessa lammiilee Itoophiyaan qacaramaniiru. Lammiileen Afrikaa Kibbaas akkasuma.’’

Qeeqi lammataa dhihaatu yakkadha. Godaantonni yakka babal’isani jedhamanii himatamu. Yakki gara caalu kan raawwatamu garuu hawaasa Afrikaa Kibbaani jedhu Obbo Yordaanos.

‘’Godaantonni Afrikaa gahee gaarii akka qaban, hojiis akka nama jalaa hinfudhanne hubachiisuun ni barbaachisa,’’ jedhu.

Hookkara yeroo adda addaatti ka'un saamichi ni raawwatama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hookkara yeroo adda addaatti ka'un saamichi ni raawwatama

Haa ta’uu komiiwwan xixiqqoo lammiilee Itoophiyaarratti ka’an akka jiranis Obbo Yordaanos hin dhoksine.

Tokko akkaataa kosii maqsan yoo ta’u kan biraammoo bilbilaafi laapp toppii hataman gurguru jedhamanii hamatamu jedhu.

Kunneen yoo sirratan akkatti hawaasi Afrikaa Kibbaa lammiilee Itoophiyaa itti ilaalu sirreessuun ni danda’ama jechuun himu.

Sisaay gama isaatiin miidiyaaleen rakkoon gaafa mudate qofa kan gabaasan, balaa dursanii ilaalanii hin gabaasan jechuun qeeqa.

Hawaasi Afrikaa Kibbaa ‘’akkana hin turre. Dur Ministeera Biyya Keessaa hiriirree yoo nu argan – maaliif hiriirtu? Koottaa waraqaa eenyummaa fudhadhaa,’’ jedhu ture.

Haalli jireenya hawaasa Afrikaa Kibbaa jijjiramaa dhufuun ilaalcha nuuf qaban jijiire yaada jedhu qaba.

‘’Nu jibbani, sassatuun baay’ate. Filannoon itti aanu nu sodaachisa,’’ jedha Sisaay.

BBC’n gama Embasii Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiru maaltu dalagamaa akka jiru odeeffachuuf yaaliin irra deddeebiin taasise hin milkoofne.