Afrikaan Kibbaa godaantota seeran alaa to’achuuf humna eegumsa daangaa haaraa hundeessite

Ejjansii haaraa kanaan eegdoonni dhibbaan lakkaa'aman mindeeffaman

Madda suuraa, AFP

Godaantota seeran alaa to’achuudhaaf Afrikaan Kibbaa humna eegumsa daangaa haaraa hundeessite

Pirezidantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan eegumsa nageenya daangaa biyyasaanii cimsuudhaaf humna to’annoo daangaa haaraa beeksisan.

Homni eegumsaa kunis hojii eegaluun kan beeksifame bakka sochii baayyeen itti taasifamuufi Afriikaan Kibbaa Zimbaabwee waliin itti wal daangessitu magaala Musiinaatti.

Sirna eebbaa irrattis pirezidanti Siiriil Raamaafoosaan lammiileen biyya biraa sanada hin qabanne, rakkoolee diinagdeefi hawaasummaa biyyattii cimsaa jiraachu dubbattan.

Dhimmi godaantootaa Afriikaa Kibbaa keessatti dhimmoota siyaasaa yaaddeessaa keessa tokko.

Lakkoofsa namoota biyyoota Sahaaraan gadii irraa gara biyyattii deeman irratti mootummaan to’annoo akka taasisuuf dhiibbaan kan cime yoo ta’u, daangaa biyyattiis haala qindaa’een to’achaa hin jiru jedhamuun qeeqama.

Lammiileen Afriikaa Kibbaa dhimma kanaan yaadda’anis deeggarsa argachuuf jecha paartii lammiilee biyya bira jibbuu, filannoo bara dhufuu irratti hirmaachuudhaaf duula cimaa gaggeessaa jira.

Hanga eegumsi daangaa haaraan hundeeffamuutti, biyyattiin daangaa tiksaa kan turte waajjiraalee mootummaa afuriin ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta’us abbaan taayitaa amma eegdoota daangaa baasii doolaara miiliyoona hedduun hundeeffame kana bulchu, raayyaa ittisa biyyaafi poolisiitti aanuun dhaabbata sadaffaa nagaa eegsiisu ta’a.

Hundeeffama eegdoota kanaatiin boodas, eegumsi daangaa biyyattii haala qindaa’een izziifi to’annoo bulchiinsa dhaabbata tokkoo jala ta’a jedhameera.

Namoonni dhibbaan lakkaa’amanis eegumsa kanaaf kan filataman yoo ta’u, raayyaa ittisa biyyaa waliin qindoominaan hojjata jedhameera.

Eegumsi haaraan kunis daangaalee biyyattii galaanaa 8 fi kan lafoo 52 akkasumas buufataalee qilleensa idil-addunyaa 11 bulcha.

Eebbichaan duras pirezidanti Raamaafosaa waliin marii kan taasisan pirezidantiin Zimbaabwee Emarsan Minaangagwaa sirnicha irratti argamanii ture.

Raamaafosaan Abbaan Taayitaa bulchiinsa daangaa haaraan kunis godaansa seeraan alaa fi daddabarsa namootaa ittisuudhaan qaxanaa daldala bilisa Afriikaa cimsuuf ni gargaara jedhan.

Gama biraatiin ammoo, dallaan elektirikaa Afriikaa Kibbaafi Zimbaabween doolaara miiliyoonotaan ijaarame diigamuun, hojii sochii seeraan alaa to’achuuf rakkiisaa taasiseera jedhan.

Miseensonni seera kabachiistootaa hedduun ammoo godaantota irraa mattayyaa fudhachuudhaan hidhamaniiru.

Afrikaan Kibbaa bara darbe lakkoofsa uummataa kan gaggeessite yoo ta’u, bu’aansaas torban dhufaa ifa akka taasifamu eegamaa jira.

Lakkoofsa uummataa bara 2011tti gaggeeffameen, kanneen sanada hin qabne dabalatee, lammiilee biyya alaa miiliyoona 3.96 biyyattii keessa akka jiraatan kan mul’ise yoo ta’u, kunis baayyina ummata biyyattii keessaa parsantaa 6 haguuga.

Mootummaan daangaalee irratti namoota sanada hin qabne to'achurratti dadhabaa akka ta'e kan himamu yoo ta'u, sababii kanaanis lakkoofsi godaantoota biyyattii keessatti baayyachuu kan amanan hedduudha.

Dhaabbilee fi paartiilee akka Duduulaa kan ifatti sochii jibba godaantootaa gaggeessan ammoo, godaansi seeraan alaa yakka garmalee biyyattii keessatti babal'ateef gumaacha taasiseera jechuun himatu.

Sochiin farra godaantotaa biyyattii keessa jiru jibba, haleellaafi kan odeeffannoo sobaatiin gutameedha.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa hojii hin qabnees lammiileen biyyoota biraa irraa gara sana dhaqan hojii jalaa akka fudhatan akka amanan dubbatu.

Jalqaba torban kanaarratti dhiibbaa sochiin duula Duduulaa jedhamu taasiseen, suuqiiwwan lammiilee biyya biraa Afrikaa Kibbaa Loosootoo keessatti argaman cufamanii ture.

Kunis kan ta'e erga daa'imman lama ollaa keessatti biskutii suuqiidhaa bituun nyaataniin booda du'uusaanii hordofeeti.