Dudula: Dallansuu lammiilee Afrikaa Kibbaa fi sodaa lammiilee biyyoota biraa

Madda suuraa, AFP
- Barreessaa, Pumza Fihlani
- Gahee, BBC News, Johannesburg
Poolisiin Afrikaa Kibbaa walitti bu'insi jiraattota magaalaa Johaanisbarg naannawa Aleeksaandiraa fi daldaltoota daandiirraa biyyoota alaa gidduutti akka haaraatti kahuu mala jechuun gurra qeensanii eegaa jiru.
Aleeksaandiraan biyyattii keessaa bakka harka qalleeyyii tahus, jiraattonni godoo isaanii keessa taa'anii salphumatti gamoowwan mimmiidhagoo Sandton kiloomeetira muraasarra jiran ilaaluu danda'u. Sandton bakka daldalaa sooreeyyiin guutamedha.
Kanumaafis jecha, lammiileen Afrikaa Kibbaas tahe biyya alaa, Alexandra qubachuun hojiisaanii guyyuu bakka biraa hojjechuuf filatu.
Gareeleen falmisiisoo lama dhiyeenya kana as bahaniiru: Alexandra Dudula Movement fi Operation Dudula jedhaman. Gareen kun lammiilee biyyoota alaa seeraan ala biyyattii galaniifi ragaa hinqabne irratti duulaa kan jiran oggaa tahu, deeggarsas argachaa jiru.
Duulli jara kanaa haleellaa lammiilee biyyoota biraa (xenophobic) amma dura uumamee ture, irra deebiin akka hin kaasne sodaatamaa jira.
Gareen kun maal fedhu?
Muddama kanaaf hiyyummaan sababa isa jalqabaati. Lammiileen biyyattii, sirriis tahu dogongora, rakkoolee isaanii hedduuf kanneen biyya ormaarraa dhufan komatu
Dudula'n jecha Zuuluu ''achi dhiibuu'' yookaan ''garas deebisuu'' akka jechuuti - kanaanis maal akka barbaadan baruu dandeenya.
Gareewwan lamaan kun gargar tahanis, yaadi kahumsaa isaanii garuu tokkichuma - lammanuu godaantonni seeraan alaa Afrikaa akka biyyasaanii dhiisanii bahan barbaadu.
Kana gochuu isaaniitiin, carraan hojiifi daldalaa lammiilee Afrikaa Kibbaaf akka tahu amanu.
Sosochiin Alexandra Dudula bara dabre keessa hundaa'e. Hundeessitoonni sochii kanaa namoonni biyyoota alaa manneen mootummaan harka-qalleeyyiif kennu seeraan ala itti galaa jiru jechuun himatu.

Madda suuraa, AFP
Duulli kun garuu amma babal'achuun godaantonni seeraan alaa biyyoota biraarraa dhufan Alxandra keessa akka hin daldalle kan gaafatu taheera.
Ji'a dabre keessa sochiin kun suuqiiwwan namoota biyya alaan dhuunfatamaniifi kanneen heeyyama yookaan paaspoortii haaromfame hin qabne hunda cufeera.
Achiis suuqiiwwan kanneen lammiilee biyyattiif kennan. Kanneen suuqii argatanii daldalaa eegalan keessaa tokko Wendy Sithole: ''Nuyi lammiileen biyya kanaa hojii hinqabnu, beela'uutti jirra. Wanti barbaannu hojiin nuufis haa kennamudha,'' jetti.
Gareen Operation Dudula jedhamu ammoo bakka Soweto jedhamu keessa qubata.
Gareen nama ganna 33 Nhlanhla Lux Dlamini jedhamuun hundeeffame kun kan gurra horate, wayita jiraattonni Soweetoo duula ''qulqulleessuu'' jedhuun daandii gubbaatti bahuun imalan ture.
Xiyyeeffannoon isaaniis kanneen qoricha sammuu adoochu daddabarsuun kanneen shakkamaniifi manneen mootummaa keessa seeraan ala kanneen jiraatan irratti ture.
Fedhiin garee kanaa garuu asirratti hin dhaabbanne.

Madda suuraa, AFP
Miseensonni garee kanaa lammiileen biyyoota biroo suuqii qaban, daldalasaanii cufuun biyyaa akka bahan fedhu.
Anga'oonni akka jedhanitti, dhimmichi bakka muraasatti waan mudate malee, dhimma akkaan babal'ate miti.
Dhimma kanarratti maaltu jedhame?
Lammiileen biyyoota biroo, rakkoolee gurguddoo biraatifillee qeeqni nurratti kahe jedhu.
''Hojii nama kamuu hin fudhanne, carraa hojii ofii keenyaan uummanna. Lammiilee Afrikaa Kibbaas kana gochuurraa hin dhorgine,'' jedha lammiin Mozaambik ganna 10f Aleeksaandiraatti waa xixiqqoo daldalu Sam Manane.
''Tahe jedhanii nurratti xiyyeeffatan.''

Madda suuraa, AFP
Mootummaan federaalaa dhimma kanarratti haga ammaatti waa kan hin dubbanne tahus, bulchaan kutaa Gauteng, David Makhura, haleellaa dhiyeenya kana Aleeksaandiraatti raawwateen yaadda'uu himan.
Paartileen siyaasaa tokko tokko dhimma kanarraa bu'aa buusuuf tattaafachaa jiru.
Kanneen keessaa tokko paartiin dhiyeenya hundaa'e Patriotic Alliance (PA) oggaa tahu, godaantonni seeraan alaa hundi biyyattii dhiisanii akka bahan barbaadu.
J'ootaan duras miseensonni paartii mormituu 'Economic Freedom Fighters' otoo hin eegamin, manneen nyaataa Johaanisbarg keessa naanna'uun ''sakattaa'' taasisaniiru.
Kanaanis hojjettoota biyyoota alaa hangam tahantu qacaramee hojjeta kan jedhuufi abbootiin qabeenyaas lammiilee biyyasaanii dabaluun akka qacaran dhiibbaa gochuuf akka ture kaasaniiru.
Dhimmi kun amma maaliif ka'e?
Jibbiinsi lammiilee biyyoota ormaa Afrikaa Kibbaatti akka haaraatti yoo dorrobu kun yeroo duraatif miti.
2008 keessa, biyyattii keessatti haleellaan baqattootaafi godaantotarratti raawwateen miidhaan hedduu qaqqabe - gaafas lubbuun namootaa 60 ol galaafatamuu gabaafamee ture. Kumaatamnis buqqa'anii turan.
2015tti keessattuu magaalota Durban fi Johannesburg keessatti haleellaan walfakkaatu kahee ture. Mootummaanis rakkoo hamaa hambisuuf waraana bobbaasee ture.
Achiis ganna sadiin durallee haleellaa lammiilee biyya ormaa irratti qiyyaafatameen, lammiileen Naayijeeriyaa hedduu biyyaa bahaniiru.
Yeroo amma kana ammoo dhimmichi maaliif irra deebiin kahaa akka jiru ifa tahuu baatus, diinagdeen Afrikaa Kibbaa durumaan rakkoo keessa ture, akkuma cittoo irratti fanxoo jedhan sana KOvid dhufee ittuu hammeesse. Kanaanis namoonni hedduu hojiisaanii dhaban, gatiin jireenyaaf akkaan olka'e.














