Shamarreen ganna 20 Saaroon Daggineh attamiin ogummaa fiilmiin hawwatamte?

Madda suuraa, SARON
Saaroon Dagginah jedhama. Umuriin kiyya waggaa 20 yoo ta'u kanan jiraadhu Jarmanii, Barliin keessa.
Haatii kiyya lammii Jarmanii yoo taatu abbaan kiyya lammii Itoophiyaati. Obboleettii takkas qaba.
Ogummaa taatoo nan jaaladha. Amma damee barnoota saayikoloojiin barataa jira. Fiilmiiwwan adda addaa keessa hojjachuufis carraa argadheera.
Tiyaatira keessas hojjachuu danda'eera. Beeksiisawwan adda addaa irras hojjadheera. Xaaliyaaniifi hanga Kaanaadaatti imaluun hojjadheera.
Taatoo ijoollummaa kiyyarraa kaasee jaalataa waanan tureef amma akka ogummaatti ittiin hojjachuu kiyyatti baayyeen gammada.
Akkasumas ijoolluummaa irraa kaasee gitaara nan jaaladha. Maarshaal aartiis baradheera.
Ijoolluummaa kiyya irraa kaasee maatii kiyya waliin biyya baayyee dhaqeera. Jarmaniifi Itoophiyaan alattis biyyoota 20 ol ta'an arguudhaaf carraa argadheeera.
Taatoo ta'un qaba jedhee yoomiin murteesse?
Ogummicha waanan jaaladhufan itti gale. Ogummaa kiyyaanis taatoowwan haaraafi kan garaa garaa ta'ee taphachuufi seenaawwan adda addaa dubbachuun jaaladha.
Dhugaa dubbachuufis fedhii kiyya yeroo boqonnaa gara ogummaatti jijjiruu danda'uu kiyyatti baayyeen gammada.
Taatoon ta'a jedheen kanan murteesse ergan filmii jalqabaa hojjadheen boodan natti fakkaata. Baay'ee gammachisaa ta'usaarra darbee taatee daandii ogummaa kiyyaa naaf saaqee ture.
Jaalalan ogummaa kanaa qabus kanan hubadhe yeroo jalqabaatiif waltajjii mana tiyaatiraa irra dhaabadhee dowwattoota fulduratti yoo taphadhu ture.
Baayyee gammachiisaa ture. Dhiibbaan ati doowwattoota irratti uumtu mataansaa, attamiin xiyyeeffannaan akka itti seenaa hordofaniifi akka ittiin mo'aman ni hubatta. Ergan kana hunda hubadheen boda ture egaan 'hojjachuun kanan barbaadu kanadha' jedheen kanan yaade.
Barnoota taatoo kanaaf na gargaaruus baradheera. Wayitan Barliin jiru torbaniitti sa'aatii sadiif mana barnootaa taatootti leenjii taatummaa fudhataan ture.
Barnootichi kallattiiwwan taatoo adda addaa kan haguugu ture.
Yeroon Tiyaatira Jarmanii Barliiniitti argamutti hojjataa tureettis, torbaniitti yeroo shan waggoota afuriif leenjii baatii lamaa leenji'eera.
Yeroo barnoota kutaa 9-12 barataa tureettis Mana barnootaa Fiilmii Balsibarigiitti barataan ture.

Madda suuraa, SARON
"Diraamaa kanaaf jecha afaan Arabaas barachuun qaba ture''
Imalli kiyya ogummaa taatoo kan eegalu bara 2014tti tiyaatiraan ture.
Kanan taphadhees barattuu amala addaa qabdu ta'een ture. Yeroo jalqabaatiif doowwattoota fulduratti waltajjii irratti bahee taphachuuf baayyee hawween ture.
Ergan taphadhee boodas dowwattoonni harka walitti rukutuun yoo na simatan baayyee nama hawwata ture.
Booda keessas filmiiwwan gaggabaabduu tokko tokkoorrattin hirmaadhe.
Gama biraatiin ammoo diraamaa TV'f yeroo jalqabaatiif kanan hojjadhe bara 2017tti ture. Yeroo sanattis baqattuu lammii Iraan kan waggaa 14 ta'unan hojjadhee ture.
Diraamaa kanaaf jechas Afaan Arabaa loqoda Iraaqiin barachuun qaba ture. Kun ammoo haalicha baayyee cimaa taasisee ture.
Yeroo sanattis kanan hubadhe, namoota walitti qabaman fulduratti taphachuun kan sodaachisu ta'usaati.
Sanas ta'ee garuu baayyee nama gammachiisa. Tokkicha sodaan badnaan kaameeraa fuuldura ta'uun nama gammachiisa ture.
Haalli filmiin itti hojjatamu ammoo kan tiyaatiraatiin adda. Lamaanuu garuu gammachiisaadha.
Filmii irratti caalaa dhugaa fakkeessanii hojjachuu waan gaafatuuf, gaheen filmii kan Tiyaatiraatiin adda.
Waliigalattis filmiiwwan 10 fi beeksiisawwan lama irratti hirmaadheera.
Filmiiwwan yakkaa, filmiiwwan gaggabaaboo fi kanneen komeedii keessatti qooda fudhadheera.
Supparmaarkeettii, agarsiisa daldalaa fi kubaaniyaa Inshuraansii guddaa tokkoo irratti ammoo moodelii suuraa ta'uun beeksiseera.
"Filmiicha namoonni miliyoona sadii ol dowwataniiru''
Filmii TV mata duree Biil Kukkuk Angeselt' jedhamuun buufata TV Jarmanii tokko irratti darbe keessatti hirmaadheera. Yeroo gabaabaa keessattis namoonni miliyoona sadii ol doowwataniiru.
Filmichis jireenya leenjiisaa bunyaa dargaggoota jireenya sadarkaa gadaanaarratti argamaniifi baqattootarraa walitti qabuun leenjiisu tokko irratti xiyyeeffata.
Filmii kanarratti baqattuu Afgaanistaan kan abbaafi haadhaa ishee dhabdee fi dandeettii bunyaa gaarii qabduu tokko ta'een hojjadhe.
Filmicha irrattis karaa eejansii kiyyaatiinan filatamee affeeramee ture. Anis hangan daareektarichaafi kanneen filan dandeettii kiyyaan amansiisuuttan hojjadhe.
Shamarreen Afgaanistaan ani ta'ee hojjadhees bunyaa kan jaalattu yoo ta'u baayyee cimtuudha.
Akka Jarmanii keessaa hin ari'atamneefis carraan tokkichi qabdu shaampiyoonaa Jarmanii waliin dorgomuu ture.
Filmichaaf jedhamee leenjii bunyaa dabalataa argadheera. Kunis muxannoo baayyee gaarii ture.
Anaaf hanga naaf galuutti filmichi fudhatama gaarii argateera.
Maatiifi hiriyyoonni kiyyaleen jaalataniiru.
Tokko tokkos tiyaatira bunyaa sana jaalatan. Qabiyyee siyaasaas kanneen jaalatanis jiru. Yaada bareedaa naaf kennamees dubbiseera.

Madda suuraa, SARON
"Walakkaan lammii Itoophiyaa ta'un koo akkan saba biraa fakkeessee hojjadhuuf na gargaareera"
Hanga amaatti filmiin gabaabaa Kaanaadaatti hojjadhee feesitivaala Filmii Baarseelonaatti ''taatoo gaarii'' jedhamuun badhaafameera.
Taatee baayyee namatti toludha. Mata dureen filmiichaas 'Stupid Smartphone' jedhama.
Qabiyyeensaas yeroo maatii kenya waliin osoo hintaane bilbila keenya irra dabarsinu ilaallata.
Dhugaa dubbachuuf damee kanarratti dorgommii olaanaan waan jiruuf ofii kiyyaa eeguufi kan naaf danda'ame hunda raawwachuuf nan yaala.
Walakkaan dhalattuu Itoophiyaa ta'un kiyya saba gara biraa fakkaadhee hojjachuuf carraa naaf kenneera. Kunis kaan caalaa akkan fayyadamuuf carraa naaf uumeera.
Isaan alatti warra kaan waliin of dorgomsiisuun barbaachisaa miti.
Akkasamus dorgommiif dhaqamee yoo kufamee (kun kan yeroo baayyee mudatu waan ta'eef) attamiin kun na mudate? jechuun abdii kutachuun hin barbaachisu.
Ogummichi dhiibbaa kan qabu waan ta'eef madaallii jireenyaa gaarii barbaada. Hojiichaan alattis sochiiwwan akka ispoortii yaaduun barbaachisaadha.
Maatiifi hiriyyoota kiyya deeggaruun, dhiibbaa hir'isuuf na gargaara. Akkan hinkufne gochuufis ofii kiyyarratti dhiibbaa dabalataa akkan hin uumneef yaalii gochuun qaba.
Yeroon haala akkasii keessa galuus maatiin kiyya yeroo hunda qophiidha.
Hojii kiyyaan kanan jaaladhu namootaafi eddoowwan haaraan wal baruudha. Akkasumas seenaa warri kaan ilaaluuf jaalatan uumuufi warri kaan akka jijjiramaniif sababa ta'uun waan na gammachisuu kan biraati.
Mudannoowwan gaarii keessaa kanan taatoo affeeramtuu Xaaliyaaniitti itti ta'eef jechuun danda'a.
Wayitan teeyaatira Jarmanii keessa tureetti gara Xaaliyaan deemuun feesitivaala tokkoorratti akka qophii dhiyeessinu carraa argadheera.
Dowwattoonni Xaaliyaanis baayyee hawwiidhaan eeggachusaantiin oliitti nuufilleen carraa gaarii ture.
Xaaliyaaniitti afaan jarmaniitiin kan hojjannee ta'ulleen, waltajiicha irratti dowwattootaaf afaan Xaaliyaanitiin hiikamaa ilaalamaa ture.

Madda suuraa, SARON
Xiin-sammuu fi taatoommaan attamiin waliin deemuu danda'a?
Taatoon alatti saayikooloojiin qorataan jira. Abjuun kiyyas ogeettii xiin-sammuu ta'uu ture. Waan gaariin isaa ammoo taatoo waliin adeemuu isaati.
Yeroo hojiifi barnootaa kiyyaas sirnaan nan eegadha. Yeroo baayyee hojiin filmii hojii akka tasaa dhufuudha.
Kanaafuu qophii ta'ee eeggachuun barbaachisaadha jedheen yaada. Jalqaba bara kanaarratti digrii kiyya nan argadha saayikolojiin. Ittaansee ammoo digriin kiyya lammataa ni dhufa.
Yeroo kiyya baayyees barnoota irrattan dabarsa. Kanas nan jaaladha. Garuu ammoo ogummaa taatoo fi saayikooloojii lamaanituu qabadhee itti fufuun barbaada.
Hanga ammaattis gama lamaanitiinu qabxii gaarii galmeessisaan jira. Maatiin kiyyaasyoon taatoo ta'uuf murteesseetti deeggarsa naaf taasisaniiru.
Haatii kiyyaas yeroo hunda yoon waltajjii irratti hojjadhu na ilaaluuf hawwiiti.
Abbaan kiyyaas ammalleen hojii filachuu taatoo fakkaatu hojjataa jira. Dabalataan dargaggoota baasuun dhaabbanni filannoo taatoo piroofeshiinii akkan argadhuuf na gargaareera.
Maatiin kiyya lamaanuu na gargaaraa kan jiran yoo ta'u deeggarsa olaanaa naaf taasisus. Bara darbees hojii Itoophiyaa tokko keessatti hirmaachu danda'eera.
Haata'u malee sababii Koronaavaayirasiitiin adda citeera. Ta'us baayyeen jaaladhe. Osoon hojii gara biraa hojjadhees nan gammada.
Waggaa kudhaniin booda keessattuu sadarkaa idil-addunyaatti filmiiwwan hedduu hojjachuun hawwa.
Abjuufi hawwii keenya fiixan bafachuuf fiigiicha taasisan, namoonni hundumtu abdii akka hin kutanneef jajjabeessuu barbaada.
Kufaatiifi qormaannii hundinu caalaa akka bilchaannuufi cimnuuf nu taasisa.













