Chaayinaan yoo Raashiyaa gargaarte 'gatii baasti' jette Ameerikaan

Hogganaan Chaayinaa Shi Jinping weerara Raashiyaan Yukireen irratti rawwattee hin balaaleeffanne

Madda suuraa, Hogganaan Chaayinaa Shi Jinping weerara Raashiyaan

Akka miidiyaaleen Ameerikaa gabaasnitti, Chaayinaan Raashiyaa Yukreen weerarte yoo gargaarte ‘’gatii jabaa baasti,’’ jette Ameerikaan.

Qondaallonni Ameerikaa maqaan hin beeksifamne miidiyaalee garaagaraatti akka himanitti Raashiyaan erga weerara eegalteen as Chaayinaadhaan gargaarsa waraanaa gaafatteetti.

Embaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru garuu dhimma kana akka hin beekne hime.

Akeekkachisni kuni kora Ameerikaa fi Chaayinaa Wiixata har’aa Roomitti adeemsifamu dursee dhagahame.

Erga waraanni jalqabee Beejing michuu ishee yeroo dheeraa Moskoodhaaf deeggarsa yaadaa taasisaa turte, gargaarsa waraanaa ykn diinagdee akka goote garuu waan ifatti beekame hin jiru.

Haa tahu malee miidiyaaleen garaagaraa qondaalota Ameerikaa eeruun Raashiyaan dhiyoo kana Chaayinaadhaan diroonii dabalatee deeggarsa waraanaa biroo gaafateetti jedhan. Chaayinaan gaaffii deeggarsa waraanaa kanaaf maal akka deebiste hin beekamu.

Af-gaaffii CNN waliin taasisaniin Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Jeek Saliivaan,''Chaayinaan Raashiyaa yoo deeggarte qoqqobbiin cimaa akka irra kaa’amu, kallattiin itti himneerra,'' jedhan.

''Raashiyaan qoqqobbii diinagdee irra kaa’ame irraa biyya yeroo rakkoo itti hirkattu eessaayyuu akka argattu hin eeyyamnu,'' jedhan.

Dabaluunis Chaayinaan Vilaadmiir Puutiin weerara otoo hin raawwatiin dura,''waa karoorsaa'' akka ture, beekti turte, hamma kana akka tahuu danda’u hin beekiniyyuu malee jedhan.

''Sababiinsaa Puutiin akkuma warra Awurooppaa sobe isaaniins sobeera,'' jedhan Saaliivaan.

Saalivaan qondaala olaanaa miseensa qaama murtoo-kennu Poolitburoo fi hogganaa Koomishinii Hajaa Alaa Gidduugalaa Yaang Jiyeechi waliin Wiixata har’aa Roomitti wal-argu.

Rooyitars qondaala Ameerikaa eeruun Saalivaan walgahii Roomitti adeemsifamuun Chaayinaan yoo Raashiyaa deeggarte gatii akka itti baastu itti himu.

Chaayinaan hamma yoonaa weerara Raashiyaa balaaleffachuurra of qusateetti. Inumaayyuu ''yaaddowwan nageenyaa Moskoo akka qosaattii ilaalamuu hin qaban,'' jette.

Miidiyaalee fi qondaaloti mootummaa Chaayinaa weerara Raashiyaan raawwatte,''oppireeshinii waraanaa addaa'' jechuu irra darbee odeeffannoo sirrii hin taane irra deebi’aa turan.

Beejinga gama biraan walabummaa Yukreeniif ''deeggarsa hin sochoone,'' akka qabdu himteetti. Nagaaf waamicha taasisuunis, waraanni kuni dippiloomsiin akka goolabamu gargaaruuf qophii tahuu himte. Biyyootni baayyee Chaayinaan weerara Raashiyaa dhaabsisuuf kana caalaa gochuu dandeessi jechaa jiru.

Raashiyaan deeggarsa waaraanaa fi diinagdeetiif Chaayinaa gaafataa jiraachuu gaabaasni gaazexeessitoota Faayinaanshaal Taayimsi fi Niiw Yoorki Taayimsi ibseera.

Beejiing dhiyeessii waaraanaa kan Yukireen keessatti ittiin fayyadamtu akka dhiyeessituuf barbaaddi jedhan gaazexaan Faayinaansi Taayimsi.

Qondaaltota US maqaan hin caqasamne eeruun, Faayinaanshal Taayimsii akka gabaasetti Raashiyaan erga weerara eegaltee kaasuun Chaayinaan meeshaa akka kennituuf gaafataa jirti. Garuu qondaaltoonni kunneen meeshaan Raashiyaan gaafataa jirtu maal akka ta'e adda baasuun hin dubbanne.

Gabaasni kuni dabaluun Chaayinaan deeggarsa taasisuuf qophii ta'uu akka dandeessu wantoonni agarsiisan jiru jedheera.

Gabaasni Niiw Yoork Taayimsii gama isaatiin, qondaltoota Ameerikaa caqasuun, Raashiyaan miidhaa qoqqobbiiwwan dandamachuuf deeggarsa diinagdee gaafachuu eereera.

Chaayinaan hanga ammaatti walitti bu'iinsa Raashiyaafi Yukireen keessatti walaba of fakkeessuuf yaaltullee ammoo hanga ammaatti weerara raawwatame hin balaaleffanne.

Sulivaan Dilbata Bitooteessaa 13, 2022 NBC'tti akka himaniitti, Ameerikaan Chaayinaa ta'ee biyyi kamuu rakkiina diinagdee Raashiyaatiif deeggarsa akka hin taasifne ni mirkanneessiti jedhan.