Waraana Raashiyaa-Yukreen: Dargaggoonni fedha isaaniin Yukireeniif loluun fedhaan duulan maal jedhu?

Dargaggoota Yukiree fedhiin ada waraanaatti duulan

Madda suuraa, Jeramii Biroowun/BBC

Torban tokko dura gurmuu dargaggootaa fedhaan Yukireeniif loluuf boba'an tokko giddu-galeessa magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev keessatti argeen haasifsiise jedha gaazexeessaan BB Jeramii Boowin..

Jeramii Boowin akka jedhutti, dargaggoonni kun baayyeen isaanii reefuu umrii dargaggummaa gara jalqabaa keessa kan jiraniifi mana barnoorraa erga bahan baayyee hin turre.

Dargaggoonni kunneen leenjii bu’uuraa guyyoota sadiif fudhachuun dirree waraanaatti qajeeluuf ykn amma waraanatti dhiyaachuu malu jedheera.

Dargaggoota kana keessaa tokko kan ta’e Maaksiyim Lutiski, umriin isaa ganna 19 yoo ta’u, barataa Baayoloojiiti. Loltuu ta’uu kootti hedduu hin jeeqamne yeroo torban tokko hin caalleef qajeelfama loltummaa fudhadheera jedhe.

Waggoota shaniif odeeffannoo funaanurratti kan bobba’e yoo ta’u, muuxannoo leenjii meeshaa waraanaa xiqqaa akka qabu dubbata.

Maaksiyim Lutiski Yukireen finciltoota Mooskoodhaan deeggaraman waliin bara 2014tti wayita loluu eegaltu umriin isaa ganna 10 ture.

Maaksiyim hiriyaa isaa Dimitiroo Kisilenkoo, dargaggoo ganna 18 kan ture yoo ta’u, barata Ikonomiksii yunvarsiitii tokkotti barataa waliin barataa turaniidha. Amma ammoo walumaan loltummaatti dabalamaniiru.

Muraasni isaanii uffannaa jilbasaanii miidhamarraa eegu xixiqqaa keewwatu ture. Dargaggoota kana keeessa muraasa isaanii qofatu uffata keessa rafan (sleeping bags) qaba. Isaan keessaa tokko firashii yoogaan irratti hojjatamu qabateera.

Yeroo konkolaataa dirree leenjii waraanaatti isaan geessu wayita eeggatan, hiriyoota sirna ayyaaneeffannaa wayirratti argamuuf ykn hirmaachuuf deeman fakkaatu, qawwee isaaniirraan kan hafe jechuudha.

Maaksiyim Lutiski(19) karaa bitaan, fi Dimitiro Kisilenkoo(18) ,karaa mirgaa kan dhaabate

Madda suuraa, JEREMY BOWEN/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Maaksiyim Lutiski(19) karaa bitaan, fi Dimitiro Kisilenkoo(18) ,karaa mirgaa kan dhaabate

Qawween kilaashiin tokko tokko hunda isaaniif kennameefii jira.

Torban kana keessammoo qarqara gara Baha magaalaa Kiyeevitti bahuun uffata dambii waraanaa, uffata rasaasa qolatu, uffannaa loltoonni lafarraa miidhaan jilbsaaniirra akka hin geenyeef keewwatamuufi koffiyyaa mataa balaarra ittisu hiriyoonni lamaan kunneen godhataniiru.

Dimitiroon akkas jedhe: "qawween dhuunfaa koon qaba ture, akka itti dhukaasaniifi dirree waraanaatti maal gochuu akka qabaniin baradheera, akkasumas waantota biroo lola warra Raashiyaa waliin taasifnurratti na fayyadan ijoo baradheera."

Waanti inni jedhu jabaa ta’uu gaafa yaadu garuu ni kolfe. Maaksiyim Lutiskin amma nama saffisaan deebii kennu, of eggatu yoo ta’u, akka yeroo barataa turee sana hin jiru.

"Kan durii caalaa ofitti ammanamummaa guddaatu natti dhaga’amaa jira. Sababni isaa ammoo tooftaa lolaarratti beekumsa gahaa arganne, maarshaal aartiifi wal’aansa yeroo muddamaatti, akksuma akka itti dirree waraanaatti waa raawwatamu beekumsa gahaa arganne," jedhe.

Dimitiroon, "humnoota Raashiyaa asitti daangeessuu qabna, yoo Kiyeev qabatan tarii waraanichi ni goolabama," jedhe.

Dargaggoonni lamaanuu magaalaa daangaa Raashiyaatti argamtuufi haleelamaa jirturraa gara Kiyeev dhufan. Maatiin isaanii garuu ammas magaalichuma keessa jiru.

Maatiin isaanii waan dargaggoonni kun keessa jiran quba qabaachuu wayita gaafataman, Maaksiyim haatii isaa dawoo keessa akka turuu qabuufi nyaata bilcheessuun hojii tola-ooltummaarratti akka bobba’u itti himuu ishee qoosaatu dubbate.

Maatiin isaa akka hin yaaddofneef jecha garuu lolarratti bobbafamuu itti himuurraa of qusateera.

Maatiin Dimitiroo garuu waan inni hojjataa jiru ni beeku. Abbaan isaa garuu goota ta’uuf hedduu hin dhama’iin jedhanii gorsaniiru.

Dimitiroon maatiin koo waanta raawwataa jiru kanatti ni boonu jedhe.

Egeree keef ni yaaddooftaa jedhamee kan gaafatame Dimitiroon, "baayyee hin yaadda’u, keessa kootti garuu hanga tokko nan yaadda’a, namni kamiyyuu du’uu hin barbaadu, biyyaaf yoo ta’eyyuu," jedhe.

"Kanaaf, duuti filannoo keenya miti," jedhe.

Dimitiroo fi Maaksiyim waa’ee mul’atasaanii gara fuulduraa haasa’u, hiriyoota isaanii waliin yeroo gammachuu dabarsuu barbaadu, barnoota isaaniis goolabuu, hojii qabachuufi adeemsa keessa ammoo warroomuu fedhu.

Maatiin isaanillee humni isaanii akka hin mudhukneefi kaayyoon isaanii karaatti jalaa hin hafne, hunda caalaa ammoo lubbuun isaanii waraana keessatt akka bannee kadhachuufiif qabu.