Garee uffata dambii uffatanii Afrikaa Kibbaatti lammiilee biyya biraa adamsan

Gareen akitivistootaa Afriikaa Kibbaatti dhaaddannoo 'Operation Dudula' jedhuun, dhaabbilee daldala, Itoophiyaanoota dabalatee, lammiilee biyya biraa ta'an barbadeessuufi suuqiiwwan cufsiisuun socha'an dhiheenya keessa namoota biyya biraa irra gara sana imalaniif yaaddoo cimaa ta'aa jiru.
BBC Africa Eye miseensoota duula kanaan jibba baqattootta biyyattii keessatti argamaniin beekaman kanneenii muraasa waliin turtee taasise haala kanaan qndeeffameera.
-----------------------------------------------------------
Johaannisbarg, Kiwaa Teemaatti mana barnootaa keessatti lafa nyaanni itti bilchaatu keessatti, Dimaakaatsoo Maakoenaan saandiiwiichii tolchuudhaan ko'oommattuudha.
Dubartiin umuriin waggaa 57 ijoollee sadii qofaa guddisaa jirtu tunis, waggoota 10 oliif nyaataa qopheessaa turte.
''Dhugaasaa sitti himuudhaaf, lammiilee biyya biraa nan jibba. Osoo mi'asaanii fe'atanii biyya keenyaa bahaniin barbaada,'' jetti imimmaan ijashee guutaa jiru ciniinnattee obsaa.
Jibbi ishee kunis hangam cimaa akka ta'e hubachuun rakkiisaa ture hanga dubartiin tun bilbila harkaashee kaasuun suuraa ilmashee nutti agarsiifteetti. Mucaan isheetis godaannisnni gubaa qaamasaa hanga harkaafi fuulasaa guutee mul'ata.
''Osoo mucaa waggaa 14 jiruu qoricha sammuu hadoochu xuuxuu eegale,'' jechuun, ilmishee attamiin arada isaa kanaaf bahee hamaa akka raawwatu dubbatti.
Guyyaa tokkos akkuma yeroo biraa bareetti sarara ibsaa hatee gurgurachuuf osoo yaaluu ibsaadhaan qabamee gubate.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ilmi ishee kunis qoricha sammuu adoochoo hawaasaa Afiikaa Kibbaa hedduu miidhaa jiru, meth fi nyaope jedhamu fudhata.
Qoricha kanneenis lammiilee biyya biraatii gara sana dhaqaniti gurgura jechuun balaaleeffatti. Sbabii kanaatiif jechas akka oppareshinii Dudulaa akka deeggartuuf ifa ta'e.
''Dudulaatu akkan jiraadhu na gargaaraa jira,'' jechuun BBC'tti himte.
Gareen Opareeshinii Dudulaa kunis waggaa lamaan dura Sowettoo keessatti hundeeffame.
Kunis yeroo itti garee kanaan, erga warri adii lakkoofsaan xiqqaa ta'an biyyattii bulchaa turan bara 1994tti xumurameen booda jibba lammiile biyya alaatiin ka'uun haleellaan biyyattii keessatti kan itti cimee turedha.
Gareen kunis sochii siivilii jechuudhaan kan of waaman yoo ta'u, marsariitiiwwan farra- baqattootaa irraa jecha 'Dudula' jechuun of waamu. Kana jechuunis afaan Zuuluutiin ''dirqiisiisanii baasuu'' jechuudha.
Sowettoon diddaa farra Appaartaayidiin kan beekamtuuf lafa dhaloota pirezidantii Afrikaa Kibbaa yeroo jalqabaatiif haala dimokiraatawa ta'een filataman, kan Neelsan Maandeelaatti.
Amma ammoo magaalaalli tun bakka gareen farra- baqattootaa beekamaadhaaf mannee taatee jirti.
Afriikaa Kibbaa biyya addunyaa keessatti namoota sadii keessaa tokkoo itti hojii hin qabaanneetti, lammiileen biyya biraa salphaatti kiyyeeffannaa keessa galu danda'u.
Haata'u malee, baayyinni lakkoofsa baqattootaa Afriikaa Kibbaa keessa jiraatanii baayyee dabalaa jira.
Akka gabaasa Institiyuutii Qorannoowwan Nagenyaa (ISS) bara 2022tti, dhaabbata qorannoo walabaa magaala guddoo biyyattii Piritoriyaa keessatti argamutti, ammaan tana baqattoota miiliyoona 3.95 ta'aniitu argama.
Kunis baayyina ummata biyyattii keessaa %6.5 kan haguugudha.
Baayyiinni lakkoofsa baqattootaa kunis garaa garummaa sadarkaa baqattuummaasaaniifi eessaa akka dhufan osoo adda hin baafne hundaa kan hammatuudha.
Ilaalchi hololli jibbi baqattoota biyya biraa dhufan (xenophobic) qondaaltoota, namoota siyaasaafi gareewwan farra baqattootaan fayyadamun isaa ammoo halli jibbaa akka cimuuf gumaacheera.
Qorannoon ilaalcha Hawaasummaa Afriikaa Kibbaa 2021 akka adda baaseetti, ummata biyyattii miiliyoona 60 keessaa kan gara wallakkaa ta'an baqattoonni miiliyoona 17- 40 ta'an biyyaattii keessatti akka argaman amanu.
Sagaleen dhiheenyaa akka agarsiisuutti, deeggartoonni mootuummaa amma aangorra jiru, Kongsarii Biyyaaleessaa Afriikaa (ANC), Paartii dur NAamdeelaan dursanii amma yeroo jalqabaatiin %50 gadi ta'u danda'a.
Oppareeshiniin Duduulaa amma garee farra-baqattootaa naannoo irraa gara paartii siyaasaa biyyaaleessatti of geeddaruudhaan qaawa jiru guutuuf hawwuu qaba. Kanaaf, filannoo biyyaaleessaa bara dhufaa keessatti dorgomuuf yaalaa jiru.

Zaandilee Dabulaa, kan Waxabajjii 2023 keessaa pirezidantii Oppareeshinii Dudulaa ta'udhaaf filatamte, waa'ee ergaa garichaatiin tasgabbooftuufi baayyee beekamtuudha. Ergaan garichaas rakkina diinagdee Afriikaa Kibbaatiif maddi ''baqattootaa'' kan jedhuudha.
Duulli kunis kan jibba irratti hundaa'edha jechuun gaaffii dhiyaateef deebii BBC'f kenniiteen, ''Rakkoolee nuti qabnu irra caalaan kan lammiilee biyya biraatii dhufaniin umamee ta'usaatiif amanu qabna.
''Biyyi keenya rakkoo keessa jirti. Lammiileen biyya alaa Afriikaa Kibbaa waggaa 20 dhufan keessatti dhuunfachuuf hojjataa jiru,'' jetti.
Karoora waggaa 20 isa jettee irratti qabatamummaa isaarratti gaafatamnaan, waan haasa'amaa jiru ta'uufi garuu dhugaa akka ta'e akka amantu hime.
''Qoricha sammuu adoochoo bakka hundatti agarta. Kana qorichoota kanneen fayyadaman ammoo lammiilee biyya biraa caalaa lammiilee Afriikaa Kibbaati.
Kanaaf, maaltuu ta'aa jira? Biyyattii dhuunfachuudhaaf akka danda'amuuf obboolaawwan keenyaaf laataa jiru jechuudhaa,'' jetti.

Haaloofi jibbii baqattoota biyyattii keessa jiranii kunis kanneen karaa seeraatiin biyya keessa jiraataniifi hojii seera qabeessa ta’e hojjatan hunda irratti.
Daldalaan lammii Naayijeeriyaa, kan jalqaba bara kanaatti miseensoota Oppareeshinii Dudulaatiin Johaannisbarg keessatti miidhaan irra gahee, duubartoonni lama ibiddaan huccuu isaa barbaddeessan akka deeman BBC’tti hime.
Yeroo itti dhukaasaa turanitti, ‘‘Gara Naayijeeriyaatti deebi’uu qabda…Nuti Dudulaadha, nuti lammiilee Afriikaa Kibbaati,’’ jechuun akka itti dhaadataa turan dubbata.
Ammaan tanas omaa waan hin qabneef daandiirra bula: ‘‘ Biyya kana keessattiin filadhe. Ani lammii biyya kanaati. Biyya ummata ofii haala akkasiin qabduu gonkumaa argee hin beeku.
''Yoo waan seeraan alaa tokkoo hojjadhee kun narra gahee gaarii ture. Garuu seeraan ala tokkolleen hin hojjanne. Garuu jireenyakoo rakkoo keessa na galchitan, kiraa manaakoo kaffalchuu hin dandeenye. Amma waan baayyateef deemuun barbaada.’’
Oppareshiniin Dudulaa qoricha sammuu hadoochaa baayyinaan hawaasa iyyeessa keessa seenaa jiru irratti yaaddoo qaban kaasuudhaan, namoonni qoricha kana gurguran lammiilee biyyattii akka hin taane irratti garuu ragaan deeggaru hin dandeenye.
Gabaasni ISS ministeera haqaa eeruudhaan namoota yakka qorichaatiin wal qabatee bara 2019itti murtaa’ee keessaa %8.5 fi bara 2020tti %7.1 baqattoota ta’uu kaasee.
Dhaabbatichi itti dabalunis, namoonni waggaa waggaan hidhaman keessaa %2.3 kan ta’an baqattoota hin galmaa’aniidha jedhe.
Baha Soweetoo Dipekluuf keessatti, BBC taaskfoorsii Dudulaa jedhamanitti dhufe.
Dhiiroonni konkolaataa fe’uumsaan adeemaa turan kunneenis lammiilee Mozaambiik suuqii daldalu abbaa manaa lammii Afrriikaa Kibbaatiif kiraa manaa kaffaluu didee jedhan.
Kunis waliigalteen xumuramuu kan qabu ture garuu battalumaatti gara hokkaraatti geedaramuun namni tokko, Maandelaa Leenkoosii jedhamu namticha reebe.
Waa’ee amala jibbaasaanii kana ilaalchisee BBCn wayita gaafateetti, isaan garuu seera akka kabachiisan dubbatu.
Aab Leenkoosiin akkasuma Soweetootti hojii dhabeessa kan ta’e, manneen, bakka hojii baqattootaa barbadeessuu keessatti himaataa jira.
Akkasumas namoota qoricha akka dadabarsan shakkaniifi guyyaan viisaa isaa irra darbee hundarratti tarkaanfii fudhatu.

‘‘Yeroo appaartaayid kan wanti hundi kan ammaa irraa fooyyee ta’e keessatti gddanne,’’ jedha miseensi Oppareshinii Dudulaa Maandeelaan waa’ee rakkoo qorichaa kaasuudhaan. ‘‘Yeroos seerri seeruma ture.’’
Waahillisaa Dudulaa deeggaruu Sidiriik Istoonis ‘‘Afriikaan Kibbaa seera ishee duriitti deebii’u qabdi’’ jedhee yaada Maandeelaatiin waliigala.
‘‘Suuqiiwwan xixiqaa abbootii keenyatu eegale. Har’a garuu lammiilee biyya biraatuu hojjataa jira. Keessattuu lammiilee biyya Baangilaadish, Somaaliifi Itoophiyaarra dhufaniitu hojjataa jira. Maaliif?
Pirezidantiin biyyattii Siiriil Taamaafoosaa mormiiwwan fayya baqattootaa kanarratti dubbachuun, gareewwan baqattootaa dararaniifi miihdaa irraan gahan balaaleeffatan.
Amalasaanii kanas tarsiimoowwan bara appaartaayidi hawaasa gurraacha ittiin cunqursuuf tolfamen hidhata qaba jedhan.
Bara 2019 keessa ammoo Karoora tarkaanfii Jibba Sanyiifi Lammiilee biyya biraa hirisuuf, baasee ture. Haata’u malee dula gaggeessitoonni mootummaa kana caalaa hojjachuu qaba jedhan.
Anee Mikaa’els, roogeettiin Gumii Gorsa Baqattoota Johaansbargi, lammiileen Afriikaa Kibbaa rakkoo mataasaanitiif baqattoota baleelleeffatu. Garuu ammo waa’ee ogummaa jireenyaa isaaniitiif baqattoota leellisuu qabaatu jetti.
‘‘Teessanii komachuu fi goola keessatti du’uu akkasumas mootummaa guyyaa guyyaadhaan deebii isiniif hin kenniine eeggachuu dhaabaa,’’ jechuun BBCtti himte.
‘‘Baqattoonni eyyeeyyii iyyeeyyiitiin gadiiti. Dallaa namoota mana ofiilaalii keessa jirataan dhaquurraa gara baqattoota iyyeeyyii kanneenii deemanii nama saanii raasu..’’
Gama isheetiin, Aaddee Dabulaan hokkoorrii gamtaa garee warra Oppareeshinii Dudulaa gaggeessaa jiran dogongora.
‘‘Nuti hokkara hin jajjabeessinu, namoonni dararamuun akka itti dhagahu hin barbaadnu,’’ garuu ammo jetti itti dabaluudhaan, ‘‘lammiileen biyya alaa akka nu dhunfatan hin barbaadnu’’ jetti.
Deeggartoonni dhibbaatamaan lakkaa’aman baatii Caamsaa keessaa konfalransii gariichaa kan jalqabaa Johaansibargiitti hirmaachuuf gar asana imalan.
Achitti ture miseensoonni garichi akka paartii siyaasaatti akka galamaa’uuf kan sagalee kennan.

Deeggartoonnis alaabaa Afriikaa Kibbaa mirmirsaa, shubbisaa fi faarfataa daandiirra gara Galma Magaalattiitti yoo yaa’an, akka waan ayyaana wayi fakkaata ture.
Haata’u malee, faarun isaan faarfataa turan ergaa doorsiisoo qaba ture. ‘‘Warra alaa gubaa. Gara gaaraajii deemnee boba’aa bitachuun lammiilee biyya biraa gubna,’’ jedha.
Uffanni dambii looltootaa isaan uffatanis kan qabsoo bilisummaa biyyattii duriin hidhata qaba. Waraanaaf qophii ta’usaanii mul’isa.
Aaddee Maakoenaanis achi turte. Seeqaa Tishartii paartii ishee uffattee argamte. ‘‘Oppareshiniin Dudulaan har’a seenaa hojjachuuf deemaa jira,’’ jette.
Waltajjii irrattis Isaaqi Leesoolee, gorsaan tikinikaa Oppareshiin Dudulaa, deeggartoota partichaaf gaaffii dhiyeessan. ‘‘Baqattoota seeraan alaa waliin nagaa buufannaa?’’ jedhan.
‘‘Lakkii’’ jechuun deebii kennan hirmaattoonnis iyyaanii.
Akka seera Afriikaa Kibbaatti, paartiin galmaa’e jechuun battalumatti filannoodhaaf dorgomuuf gahumsa argata jechuu miti. Bu’aa bahii keessa darbuu qabu jira.












