Reeffi godaantota Itoophiyaati jedhame 27 Zaambiyaa daandii cinaatti gatamee argame

Madda suuraa, Getty Images
Reeffi kan godaantota Itoophiyaati jedhame 27 Zaambiyaa magaalaa guddoo biyyattii Lusaakaatti dhiyootti daandii qarqaratti “gatamee” gaafa Dilbataa argamuun isaa gabaafame.
Reeffi naannawaa Nigwereeree jedhamtu, gama Kaaba magaalaa guddoo Zaambiyaatti argamtu daandii qarqaratti argame kun kan namoota biyyattii qaxxaamuranii darbaa turan ta’uu akka hin oolle yaadama.
Dubbi-himaan poolisii biyyattii Daanii Miwaalee BBCtti akka himaetti, godaantonni dhokatanii Zaambiyaa keessa qaxxaamuraa turan konkolaataa keessatti qilleensa dhabanii ukkaamfamanii du’uu akka hin oolle dabbateera.
Dubbi-himaan kun dabaluun akka ibsetti, reeffa kanneen keessaa namni lubbuun hafe tokko “arganuu/hafuura baafachuudhaaf wayita carraaqu” argamee gara hospitaala naannawaa sana jiruu geeffamuu isaa dubbateera.
Zaambiyaan biyya Kibba Afrikaa keessatti argamtu yoo taatu, Itoophiyaarraa dabalatee godaantonni biyyoota Gaanfa Afrikaarraa dabalatee karaa seeraan alaa keessa qaxxaamuru.
Jiraattonni Nigwereeree reefa namootaa kana Dilbata barii akka argan himan.
Poolisiin qorannoo reeffa kanneen irratti taasiseen, namoota lubbuun isaanii darban keessaa garri caalan godaantota Itoophiyaarraa dhufa ta’uu raga isaanirraa argateen mirkaneesseera.
“Qorannoon keenya sadarfkaa jalqabaa akka agarsiisetti hundi isaanii dhiirota kan ta’aniifi umuriin isaanii tilmaamaan wagga 20 hanga 38 gidduu ta’e 28 daandii qarqaratti gatamanii argamaniiru,,” jedhe poolisiin ibsa waan mudate kana ilaalchisuun baaseen.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin eeruu uummata naannawaa sanarraa argate hordofee reeffa hundumaa gara bakka turtii kutaa reeffaa Hospitaala Yunivarsiitii Zaambiyaa akka geesse ibsameera.
Onkoloolessa darbe haaluma walfakkaatuun biyya ollaa Zaambiyaa taate Maalaawwii keessatti reeffi lammilee Itopphiyaa 25 bakka jumlaan awwaalamee argamuun isa ni yaadatama.
Poolisiin Maalaawwii qorannoo taasiseen ilmi biddeenaa pirezidantii duraanii Piitar Mutaarikaa ragaa taatee kana waliin walqabatu isarratti argachuun to’annoo jala oolchuu isaa torban tokko dura ifa godhee ture.
Dargaggoonni Itoophiyaa hedduun jireenya foyyee qabu barbaachaaf karaa seeraan alaafi balaa hamaa qabuun biyyoota baayyee qaxxaamuruun Afrikaa Kibbaa galuuf yaalu.
Poolisoonni Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Maalaawwiifi Zaambiyaa lammileen Itoophiyaa warra seeraan ala namoota daddabarsaniin wayita daangaa qaxxaamuran qabuu isaanii yeroo gara garaatti gabaafamaa tureera.
Hanga ammaattis hedduun daangaa biyyoota kanneeniin seeraan ala wayita qaxxaamuran argamanii himanni irratti banamee hidhaarra kan jiranis hedduudha.
Kanaan alattis, godaantonni Itoophiyaarraa ta’an baayyeen beelaafi dheebuun, beensaan nyaatamuufi akkuma amma isaan mudate kana baayyatanii walitti muddamuun dhoksaan konkolaataatti fe’amanii wayita deemanitti ukkaamfamanii du’aaf saaxilamaniiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa (IOM) akka jedhutti, bara 2014 irraa kaasee Afrikaa keessatti godaantonni kuma 12 ta’an bakki bu’an akka hin beekamne galmeesseera.
Kun osoo kanaan jiruu, waajirri Imigireeshinii Zaambiyaa Kamisa darbe akka beeksisetti Itoophiyaanonni 10 karaa seeraan alaa gara biyyattii seenuun hidhamuu isaanii ibsuun, isaan keessaa lama akka dhukkubsatan ibseera.
Dabalataanis akka tajaajilli oduufi odeeffannoo moootummaa Zaambiyaa beeksisetti kutaa biyyattii gara garaa keessatti godaantonni Itoophiyaarraa ta’an baayyeen hidhamanii jiran biyyattii keessaa akka ba’an taasifamaa jiraachuu ibseera.
Lakkoofsa Itoophiyaanotaa karaa seeraan alaa biyyattii seenan hir’isuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun walqabatee dhuma torban darbee Itoophiyaanonni 34 akka gara biyya isaaniitti deebiyan taasifameera.












