Awwaalli jumlaa lammileen Itoophiyaa keessatti argaman Maalaawwiitti argame

Madda suuraa, MALAWI POLICE
Maalaawwiitti awwaalchi jumlaa godaantonni Itoophiyaarraa ta’an 25 keessatti argaman argamuun ibsame.
Kutaa bulchiinsa Kaaba Maalaawwii bakka Mizimbaa jedhamtutti awwaala jumlaa bosona keessatti argame keessatti reeffi godaantota lammilee Itoophiyaa argamuu isaa poolisiin biyyattii mirkaneesse.
Awwaala bosona guddaa kana keessatti argame kana keessa reeffi lammilee Itoophiyaarraa godaanan 25 akka argamanidha poolisiin biyyattii kan ibse.
“Odeeffannoon baka sanarraa argame akka eerutti namoonni miidhaman Itiyoophiyaanotadha,” jechuun poolisiin Maalaawwii ibsa baaseen addeesseera.
Namoonni reeffi isaanii argame kunneen umuriin isaanii wagga 25 hanga 40 kan ta’an yoo ta’u, sababa maaliin akka du’an qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Dhuma wagga kanaarraa kaasee godaantonni 221 akka qabamanii turaniifi isaan keessaa ammoo 186 kan ta’an lammilee Itoophiyaa akka turan poolisiin himeera.
Godaantonni Maalaawwii keessatti qabaman hedduun karaa Maalaawwii goruudhaan gara Afrikaa Kibbaa, Awurooppaafi Ameerikaatti kan ce’an akka ta’e irra deddeebiin ni himama.
Kanaan duras reeffi godaantotaa Maalaawwiifi Mozaambik keessatti argameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waxabajji darbe keessa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibsa baaseen kaampii godaantotaa baqattootaa Maalaawwii keessatti Itoophiyaanonni miidhamtoota godaansa seeraan alaa akka argamaniifi saamichiifi rakkoon isaanirra akka gahu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Kaampii godaantotaa Dizaaleekaa jedhamu keessatti dhiironni, dubartoonniifi daa'imman irratti miidhaan akka raawwatamuu ifa kan bahe hordoffii UNtti Waajira To'annoo Qorichaafi Yakkaa (UNODC) fi poolisii Malaawwii waliin taasisaniinidha.
Dhaabbatichi miidhamtoota 90 ol ta'an baraaruu isaa ibsee, hedduun isaanii dhiirota Itoophiyaarraa ta'an umuriin isaanii waggaa 18 hanga 30 ta'anidha jedheera.
Kaan ammoo ijoolleefi dubartoota umuriin isaanii waggaa 12 hanga 24 ta'an yoo ta'u, lammilee Itoophiyaa, Buruundiifi Dimokiraatik Rippablik Koongoo irraa ta'anidha.
Bakka sanatti bifa gabaa fakkaatuun ijoolleen ol adeemoo kan gurguramaniifi warri gurguraman ammoo hojii humnaafi daldala saal-qunnamtiif akka saaxilaman bakka bu'aan UNODC Maakswel Maatiwel dubbataniiru.
Gabaasni UN baase maal jedha?

Madda suuraa, UN
Gabaasni UNODC Waxabajji keessa baase, godaantota namoota seeraan ala daddabarsaniin warra miidhaman keessatti daa'imni umuriin waggaa 10 keessatti argamti jedheera.
Godaantonni tokko tokko gudeedamaa, reebichi irratti raawwatamaa, akkasumas daa'imman hojii qonnaa dirqamaa irratti akka bobbaafaman gabaasichi eereera.
Isaan keessaa ijoolleen shamarranii gariin isaanii ammoo karaa namoota seeraan ala daddabarsaniin daldala saal-qunnamtiitiif gara Afrikaa Kibbaafi biyyoota birootti kan gurguraman yoo ta'u, hedduun isaanii miidhaan kun irraa gahuu gabaasichi mirkaneesseera.
Gadaantonni dhiiraas kaampii keessatti qonnaafi hojiiwwan humnaatti dirqamaan bobbaafamuu yaaddessaa ta'uu gabaasichi himeera.
Kaampichi akka wiirtuu warra seeraan ala namoota daddabarsaniitti gargaaraa akka jiruufi miidhamtootas sobaan daangaarra qaxxaamursiisanii gara Maalaawwii akka isaan geessan himama.
Godaantonni miidhaan irra gahu kunneenis hojiidhaaf gara Afrikaa Kibbaa geeffamtu jechuun sossobamuun Itoophiyaa, Buruundiifi Koongoo irraa warra fudhataman yoo ta'an kaampicha keessa maallaqa hanga Maalaawwiitti ittiin geeffaman akka kaffalaniif akka dirqisiifaman gabaasichi ibseera.












