'Tigrayitti waraabessi reeffa namootaa nyaataa jira'

Madda suuraa, Getty Images
Reeffii namootaa waraabeessaan nyaatamuu, haleellaan qilleensaa magaaloota irratti raawwatamuu, jaarsooliifi shamarran waraanaatti dabalabuum- odeeffannoowwan sukanneessaa waraana Tigiraayi kan lubbuu namoota kumaataman lakkaa’amani galaafaterraa dhaga’amaa jiran keessaayi.
Waaraan dura naannoo Tigiraayi hawwattuu turistootaa ture.
Bataskanooti dhagaa irraa bocamanii hojjataman, iddoowwan amantaa muslimota bara duriifi fi barreeffamoota dur Afaan Gi’iziitiin barreeffaman fa'itu daawwatama turan.
Amma garuu Tigraayi lafa waraanni itti hammaate taatetti.
Waraana tibbana naannichatti adeemaa jirurratti waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa wal tumsanii naannicha to’achuuf TPLF waliin wal waraanaa jiru.
Tigiraayi ji’ootan 17’n darban uggura keessaa hin baane- tajaajilli baankii, bilbilaa fi intarneetii hin jiru, akkasumallee odeeffannoo naannichaa argachuun rakkisaa erga ta’ee bubbuleera.
Waggoota lamaan darban injifannoon gareen lachuu [TPLF fi mootummaan] dirree waraanarratti argatan yeroo yerootti geeddarama jira.
Sadaasa 2020 darbe erga humnootiin TPLF buufata waraanaa Itoophiiyaa kan kaabatti buufate irratti haleellaa raawwatan jedhamun erga himatameen booda, waraanni naannichatti eegale.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan boodas humnonni Itoophiyaa fi Ertiraa magaalaa Maqalee to’atanii turan.
Sana booda humnoonni Tigiraayi deebisanii haleellaa banuun naannoo Amaaraa fi Affaar qabataanii turan.
Yeroo sana sirumayyuu gara magaalaa Finfinneetti dhiyaatanii turan.
Amma immoo humnoonni Ertiraa fi Itoophiyaa deebisaanii naannoo Tigaayi to’achaa jiru.
Tibbana magaalaa tarsiimoof barbaadamtu Shiree qabachuun, ammas Maqalee to’achuuf yaaluu malu jedhamee eegama.
Daarektarrii Dhaabbata Ameerikaa keessa maadheffate ‘World Peace Foundation’ jedhamuu, Aleeksi Di Waal, ''Humnoonni mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Ertiraa walakkaa miliyoonaa ol ta’an humnoota Tigiraayi 200,000 ta’an wajjin wal waranaa jiru’’ jechuun dubbata.
Aleeksi Di Waal akka jedhutti, lola guyyoota 50 oliif walitti fufee gaggeeffame hordofuun humni TPLF naannoo Shireetti argamu hanqina dhiyeessi meeshaa waraanaa mudateef qabatee turuu hin dandeenye.
''Mootummaan Itoophiyaa Shireetti gargaarsi akka kennamu fi tajaajilli bu’uuraa akka deebi’e eegalamuu nan taasisa jedhee waadaa seenullee, warreen Tigiraayiif balaa qaba, namoonni nagaan akka jumlaan ajjeefaman, gudeeddin akka raawwatamu fi beela’an taasisa,’’ jedhe Pirofesar Di Waal.

Madda suuraa, Getty Images
Shireen rakkoolee namoomaa naannoo Tigiraayitti mul’atuuf agarsiistuudha, namoonni nagaan 600,000 iddoo waraanni itti hammaate keessaa baqatanii magaalicha keessaa fi naannoo magaalichaa da’eeffataniiru.
''Namoonni 120,000 bakkeerra jiru, muka jalaa fi daggala keessa ciisu,’’ jedhe.
Hojjattoonni gargaarsa namoomaa kennan hundisaanii sadarkaa jechuun danda’amuun torban darbe Shiree keessa bahaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Shiree kumatamaan lakkaa’aman dararamuu malla jedhanii qe’eesaanirraa baqatan.
Hojjataan dhaabbata gargaarsaa tokko, "Mandara Shimbilinaatti Fulbaana darbe namoonni 46 jumlaan marfamanii ajjeefamuu namoonni afur argan himaniiru. Reeffi jiraattoota muraasaa kan beeyladoota manaa ajjeefaman wajjin wal makee argame,’’ jechuun dubbate.
''Waraabessi reeffa namoota muraasaa nyaatera, huccuu reeffa isaaniirratti hafe qofaan adda baafamu.
Namoonni reeffa namoota du’anii awwaluufillee yeroo hin arganne, ammatti waraabeessii nyaatee fixeera ta'a,’’ jechuun hima hojjataan gargaarsa namoomaa kun.
Namoonni ajjeefaman harki caalan isaanii saba lakkoofsaan muraasa ta'an Kunamaa keessaa kan bahani, isaan garuu lola kana keessatti qooda akka hin qabne dubbata.
"Gartuuwwan wal lolaa jiraan lachuu jalaa loltonni ajjeefamaa jiru, lachuu aarii isaanii jiraattoota naannoorratti bahu,’’ jedha hojjataan gargaarsaa kun.

Madda suuraa, Getty Images
Tooftaa waraanaa barri irraan darbe gargaaramuu
Gartuuwwan wal lolan hundi namoonni nagaan dirqiin lolatti akka hirmaatan taasisu, akkasuma lafa to’achuuf ’tooftaa'’dambalii namootaa bobbasuutti’’gargaaramu.
"Namoonni leenjii torbanoota muraasaa qofaan iddoowwan dhootuuwwaniin guutame, gara dawoo dhokannaa diinaatti ergamu,’’ jedha UK keessa kan maadheffatte xiinxalaan dhimma Baha Afrikaa Abdurramaan Seeyid.
''Diinni dhukaasa irratti baneetu irra caala isaanii ajjeesa, garuu amma diinni isaanii meeshaa waraana dhabutti namoonni dabaliin itti yaa’u, sana booda dawoo dhokannaa isaanii qabatu,’’ jedha.
''Dambalii namootaa tooftaa waraanaa bara duriiti. Bara 1890 keessa mootiin Itoophiyaa Xaaliyaanii inijfachuuf tooftaa jalqaba itti gargaarameedha.
'‘Warri Xaaliyaanii humns qilleensaarratiin olaantummaa qabatanillee dambalii namootaa ittiin lolanii muddamanii turan’’ jedha.
Abdurramaan akka jedhuti, tooftaan dabalii namootaatti gargaaramuu sun namoonni hedduun akka miidhaman taasisa.
Tooftaa sanaan namoonni 700,000 -800,000 lola waggaa lamaaf seenaa Itoophiyaa keessatti tureen ajjeefamaniru jedhe.
'‘Lolli kun seenaa Itoophiyaa keessatti isa hamaadha,’’ jedhe.
Xiinxalaan Baha Afrikaa Ameerikaa keessa maadheffate Feeyisil Roobilee, humnoonni TPLF dabalii namootaatti gargaaramu yaada jedhu fudhachuu baatus tlmaamni lakkoofsa namoota du'anii inni himu kaaniirra fagoo miti.
'‘Waraanicha marsaa jalqabaarratti namoonni 500,000 lolarratti du’an, marsaa sadaffaarratti namoonni 100,000 dambalii namoota bobbaafaman irratti du’uu hin oolle’’ jedhe.
Roobileen akka jedhutti, humnooni Tigiraayi baayyee kan leenji’ani fi ‘’onneen lolanii dha, garuu humni waraana Itoophiyaa waa lamaan olaantummaa qaba: baay'inaa loltoota fi humna qilleensatiin.
'‘Jeraallii Itoophiyaa ammatti ambaasaddara ta’e; waggaa waggaatti namoota miliiyona tokko bobbaasuu dandeenya, jeettiiwwan waraanaa qabna, diroonii Tarkii ga’uumsi isaanii mirkanna’e qabna. Warri TPLF qilleensaa hin qabani,’’ jedhee ture.
Ajajni Humna qilleensaa Itoophiyaa magaalaa Bishooftuurraa gara magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraatti imaluun, jeettiiwwan waraanaa achiirraa ka’aa jiru jedhe Roobileen.
Ertiraan wal waraansa Itoophiyaa giddu kan seente TPLF akka diinatti ilaaluudhaani.
TPLF hanga Ministirrii Muummee Abiyyii Ahmad bara 2018 aangoo qabatanitti aangoo dhuunfatanii turan.
Bara bulchiinsa TPLF Itoophiyaafi Ertiraan daangaarratti wal-waraananii namoonni 80,000 ajjeefamaniiru.
Sana booda qaamni haqa sadarkaa addunyaa Itoophiyaan lafa irrattt waldhaban Ertiraaf akka kennnitu murteesse.
Taatullee mootummaan TPLF yeroo sanatti hoggaanu dabarsee kennuu dide.
Sadaasa 2020 battaluma waraannii Kaaba Itoophiyaatti eegaleen Ertiraan laficha fudhatte.
Pirezedanti Isaayaas Afawarqii Minisitira Muummee Abiyi gargaarun warreen TPLF biyyisaaniif lammaffaa yaaddoo akka hin taane gochuuf kutannoo qabu jechuun qeeqxonni dubbataa turan.
"Yaaddoon Ertiraan qabdu TPLF aangoo motummaa Itoophiyaa deebi’ee qabata ykn Asmaraa keessatti mootummaa galaana Diimaatti akka Tigiraayi gargaaramtu eeyyamu hundeessuu barbaaddi, sababni isaammoo Tigiraayi seensa qaama bishaanii kan hin qabne fi naannoo iyyeettidha’’ jedha Abdurhaman.
Waraanni torban muraasan asitti Tigiraayitti erga hammattee asitti, mootummaan Ertiraa loltoota gurmeessuu itti fufuu maddeen gara garaa BBCtti himaniiru.
Mariin waan milkaa'u hin fakkaatu
Akka Abdurramaan Seeyid jedhutti, lolli adda waraanaa jahaan Tigraayirratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa kuma kudhattii lakkaa’aman naannoo Addegiraati buufataniiru.
'‘Loltoonni kunneen haleellaa Addigiraati fi Maqaleerratti banuuf qophaa’aniiru,’’ jedhe.
Maddeen dirree waraanarra akka BBCtti himanitti, loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa Shireerraa gara Aduwaa fi Addigiraatiitti qajeelurratti argamu-Dhiharra gara Bahatti sochiin waraana kun kan gaggeeffamaa jiru.
Hawaasni idil-addunyaa garuu gareewwan wal waraanaa jiran waldhabbi isaanii mariin akka furan waamicha dhiyeessaa turanillee, waan ta’uu jiru hin fakkatu jedhe Abdurramaan Seeyid.
"Seenaa keessatti yeroo warri gita bittaa Abisiiniyaa aangoo kan qabatan waraanani. Hanga kan biraa dhufee humnaan irraa fudhatutti mootii moototaa ta'ee itti fufa. [Biyyattii] keessatti aadan rakkoo karaa nagaan furuu ta'ee hin beeku..., "jedha Abdurhaman.
Pirofeesar Aleeksi Di Waal gama isaatin waraanni akka dhaabbatuuf hawaasni idil-addunya hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba jedha.
'‘Yoo kana ta’uu baate carraa duguuggan sanyii raawwatamuu fi jumlaan beela’uu mudachuu mala,’’ jedha.
Gartuun ogeeyyii Beeljiyeemiin durfamu jalqaba bara kanaatti akka timaametti, dhalatoonni Tigiraayii 250,000 erga waraanni bara 2020 eegalee beelaa fi sababoota beelatti hidhata qabaniin du’aniiru jedhe.












