Awwaala jumlaa lammilee Itoophiyaaf ilmi pirezidantii duraanii Maalaawii to'atame

Awwaalcha Jumlaa

Madda suuraa, Malawi Police

Reeffa godaantota Itoophiyaa Maalaawiitti jumlaan awwaalamee argameen walqabatee ilmi guddisa pirezidantii duraanii biyyattii Piiter Mutaariikaa to'annoo jala ooluu poolisiin biyyattii beeksise.

Onkoloolessa darbe Kaaba Malaawiitti awwaalchi jumlaa namoota 30 qabuu argamuu hordofee Poolisiin biyyatti namoota seeraan ala godaantota kunneen daddabarsaa turan qabuuf adamsaa akka ture ibse.

Ilmi buddeenaa pirezidantii duraanii Maalaawii Piiter Mutaarikaa, Tadikiira Maafuubzaa guyyootaaf adamsamaa erga turee booda ofii harka kennachuu poolisiin ibse.

Tadikiiraan Roobii har'aa magaalaa guddoo biyyattii Liloongee keessatti poolisiitti harka kennate.

Dubbi- himaan poolisii biyyatti namni amma harka kennate kun awwaalcha jumlaa Miziimbaatti argame keessaa harka akka qabu ragaan cimaan jira jedha.

Reeffi awwaalcha jumlaa namoota 30 hunduu kan godaantota Itoophiyaa seeraan ala gara Afrikaa Kibbaa galuf yaalanii akka ta'e amanama.

Ji'a tokko dura wayita awwaalchi jumlaa kun argamu ibsa kan baase poolisiin Malaawii namoonni reeffi isaanii argame kunneen umuriin isaanii wagga 25 hanga 40 akka ta'u ibsee ture.

Sababa maaliin akka du’an qorannoon gaggeeffamaa jiraachuunis ibsameera. Malaawiin dhuma wagga kanaarraa kaasee godaantota 221 to'annoo jala kan oolchite yoo ta'u, isaan keessaa ammoo 186 kan ta’an lammilee Itoophiyaa akka turan poolisiin himeera.

Mootummaan Itoophiyaa mootummaa Maalaawwii waliin ta'uun dhimmicha qorataa akka jiru dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambasaaddara Mallas Alam dubbatan.

Awwalchi reeffa lammiilee Itoophiyaa argamuu hordofee, dhiironni lammiilee Itoophiyaa ta’an kan biraa 72 to’atamuufi awwaalchi namoota afuris argamun ibsamee ture.

Malaawiin ulaa godaantotni Itoophiyaa seeraan ala gara Afrikaa Kibbaa itti seenuuf yaalaniidha.