Maalaawiin dorgomaan bunyaa duraanii Maayik Taayisan ambaasaaddara kaanaabis akka tahuuf gaafatte

Mike Tyson

Madda suuraa, Getty Images

Biyyi Maalaawii dorgomaan bunyaa beekamaan duraanii Maayik Taayisan ambaasaaddara oomisha kaanaabis akka tahuuf gaaffii dhiyeessite.

Ministirri Qonnaa Lobin Low gahee isaaf dhiyeessan kana akka fudhatu Taayisaniif xalayaa kan barreessan oggaa tahu, kaanaabis Maalaawii keessatti seeraan hayyamamuun isaa carraa haarayaa baneera jedhan.

Biyyoota hedduu keessatti omishuunis ta'e fayyadamuun dhorkaa kan ta'e baalli sammuu nama hadooochu kaanaabis, biyyoota tokko tokko keessatti qorichummaaf qofa ni hayyamama.

Chaampiyoonaan duraanii dorgommii bunyaa ulfaatina cimaa Taayisan, Ameerikaatti qonna kaanaabis guddaa tahe akka qabu himama.

Haatahu malee gochaa isaa kana gariin qeeqaa turan - maaliif jennaan, namni kun 1990'ota keessa miidhaa saalaan himatamee hidhaa bu'ee ture.

Taayisan bara 1992 keessa bulchiinsa Indiyaanaa keessatti dirqiin gudeeduun himatamee hidhaa bu'ee ture. Boodarras adabbii isaa keessaa waggaa sadiin gadi erga hidhaatti dabarse booda, 1995tti hiikameera.

''Dameen [kaanaabis] daran walxaxaa waan taheef, Maalaawiin kophaa hojjechuurra waltahinsatu feesisa. Kanaafis Obboo Maayik Taayisan, ambaasaaddara Kaanaabis Maalaawii akka taatuuf si muudeera,'' jechuun barreessan Aabba Lowe.

Waldaan Kaanaabis Yunaayitid Isteetis waliigaltee Taayisan wajjin godhamu kana mijeessaa akka jirus ministeerri qonnaa himeera.

Hooggantuun waldichaa damee Maalaawii Wezi Ngalamila BBCtti akka himanitti, Taayisan affeerraa kan simachuufi biyyattii daawwachuufis karoorri qabameera jedhan.

''Taayisan nu wajjin hojjetta,''

Maalaawiin bara dabre keessa biqiltuu kaanaabis fayyaaf itti fayyadamuuf taanaan oomishuun akka danda'amu seeraan mirkaneessite. Garuu faayidaa dhuunfaaf ammallee hin heeyyamamne.

Ministeerri qonnaa biyyattii qonnaan bultoonni kaanaabis wal'aansaaf oolu akka oomishan kan jajjabeesse oggaa tahu, gosa biqiltuu kanaa 'hemp' jedhamuufi kan oomishaalee garagaraaf oolu akka oomishanis waamicha taasiseera.

Mootummaan biyyattii Aabbaa Taayisan kana keessa hirmaachuun isaa ''invastarootaafi warra bitan jajjabeessa,'' jechuun dubbi-himaan ministeerichaa Gracian Lungu AFPtti himan.

Gosti kaanaabis biyyattiitti oomishamuufi Warqee Maalaawii (Malawi gold) jedhamu, addunyaarratti kanneen bashannanaaf fayyadaman biratti haalaan beekamaadha.

Shaampiyoonaan bunyaa duraanii Aabba Taayisan, kaanaabis xuuxuu isaatiin fayyaan sammuu isaa fooyya'uufi jireenyi isaas bakkatti deebi'uu dubbata.

Haatahu malee qorannoon akka mul'isanitti, kaanaabis cimaa tahe (potent) xuuxuun, rakkoo fayyaa sammuu hamaaf saaxiluu mala.